2

1 Ati garuu, waan qajeelfama isa sirrii sanaa wajjin wal simatu dubbadhu. 2 Akka maanguddoonni warri dhiironni, of hin ganne, kabajamoo, hubatoo ta’anii fi amantiittis jabaa fi obsa qabeeyyii ta’aniif barsiisi. 3 Akkasuma, akka dubartoonni warri maanguddoonni amala isaaniin kabajamoo ta’an, warra maqaa namaa hin ablleesine yookaan wayinii baay’eef garboota kan hin taane, garuu immoo barsiisota waan gaarii akka ta’aniif barsiisi. 4 Akkasuma akka dibartoonni warri dargaggoonni abbaa manaa isaanii jaallataniif leenjisi, akkasuma akka isaan ijoollee isaanii jaallataniif. 5 akka isaan hubatoota ta’an, qulqulloota, mana eegdota gaarii fi warra abbootii manaa ofii isaaniif abboomaman akka ta’aniif. Sagaleen Waaqayyoos akka waan hamaatti akka hin dubbatamneef. 6 Akkasuma, akka dhiironni warri dargaggtooni miira gaarii gargaaramaniif jajjabeessi. 7 Karaa hundumaa fakkeenya hojii gaarii godhii ofii kee dhiyeessi. Barsiisa kee keessatti, amanamummaa, ulfina mul’isi. 8 Akkasuma, ergaa amanamaa isa cephoo hundmaan ol ta’e; akka namni siin mormu waan gadhee waa’ee keenyaas dubbatu dhabee qaana’utti. 9 Warri garboonni gooftotaa isaaniif, waan hundumaan warra abboomaman haa ta’an, isaan gammachiisuuf malee isaaniin falmuuf miti. 10 Akka isaan jalaa hin hanne, garuu qooda isaa amantii gaarii hundumaa akka argisiisan, karaa hundumaan barsiisa waa’ee Waaqayyo keenya isa fayyisaatti gatii akka kennaniif. 11 Ayyaanni Waaqayyoo fayyina ilmaan namootaaf waan tamsa’eera. 12 Inni akka nuti Waaqayyoo malee hin jiraannee fi fedhii biyya lafaa dhiifnuuf nu leenjisa; akkasuma jireenya of qabuu, qajeelummaa fi bara kana keessa jireenya Waaqayyoon beekuu. 13 Yeroo abdii keenya isa eebbifamaa argachuudhaaf gara fuula duraa ilaallu, mul’achuun ulifna Waaqayyoo keenya isa guddaa fi fayyisaa Yesuus kiristoos. 14 Yesuus ofii isaa nuuf kennee seera maaleessummaa hundumaa jalaa nu fure, akkasuma ofii isaa saba addaa godhachuudhaaf warra waan gaarii hojjechuudhaaf hawwii qaban . 15 Waa’ee isaan kanaa dubbadhu, akka namoonni hojjetaniif jajjabeessi, aboo hundumaan qajeelfama kenni. Namni kam illee sin tuffatin.