1 Akka isaan reerichaa fi warra aboo qabaniif of kennaniif isaa yaadachiisi, akka isaan isaaniif abboomaman, akka isaan hojii gaarii hundumaafis qophaaa’niif. 2 akka isaan nama tokko iyyuu hin arrbsine, akka lolaaf hin kakaane, garraamota akka ta’an, namoota hundumaatti gaarummaa akka argisiisan. 3 Nutis yeroo tokko wallaalotaa fi kan hin abboomamne waan turreef. Dogoggorree, fedhaa fi ganmachuu addaa addaatiif garboota turre, hammeenyaa fi jibbaatti jiraanneerra. Nuti warra jibbisiisoo fi wal jibbanis turre. 4 Garuu yeroo gaarummaan Waaqayyoo fayyisaa keenyaa fi jaalalli inni ilmaan namoof qabu mul’te, 5 Hojii qajaalummaa keenyaan hojjenne miti; garuu araara isaatiin nu fayyise. Dhiqannaa dhalachuu haaraa keessaa fi hafuuraan haara’uu Hafuura Qulqulluutiin. 6 Waaqayyo guddisee karaa fayyisaa keenya Yesuus Kirisoos nurratti dhangalaase. 7 Kanaaf, ayyaana isaatiin qulloofnee, abdii dhaaltota jireenya bara baraa qabna. 8 Ergaan kun amanamaadha. Waantota kana cimsee si gaafachuun barbaada, akka warri Waaqayyootti amanan eeggannaadhaan, hojii gaarii keessatti ofii isaanii hirmaachisaniif. Waantonni namoota hundumaaf gaariidha, bua qabeessas. 9 Garuu, falmii akkasumaanii, hidda dhalootaa fi lolaa fi walitti bu’iinsa waa’ee seeraa dhiisi. Waantonni sun bu’aa hin qabani, gatiis hin qabani. 10 Nama isin gidduutti addaa addummaa uumu, ergaa yeroo tokko yookaan lama akeekkachiiftee booda tuffadhu. 11 Akka namni sun daandii isa qajeelaa irraa jal’ate, cubbuus gochaa jiruu fi offi isaa ceephaa jiru beeki. 12 Yeroon Arxemaasiin yookiis Xikiqoosin gara keetti erge, akka isaan saffisaan gara koo Niqophoolisiin dhufan, yeroo ganna dabarsuuf murteesse. 13 Zenaasii isa abbaa seeraa fi Apholoosiin erguudhaaf waan gochuu dandeessu godhi. Akka homtuu isaanitti hin hir’annetti. 14 Namoonni keenya hojii gaarii isa fdhii hatattaamaaf ta’u keessatti qooda fudhachuu barachuutu irra jira; ija dhabeessii akka hin taanetti. 15 Warri anaa wajjin jiran hundumtuu nafaa siif dhaamu. Warra amantii keessatti nu jaallatan nuuf dubbisi. Ayyaanni hunduma keessanii wajjin haa ta’u.