1

1 Phaawulos, tajaajilaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesuus Kiristoos amantii namoota warra Waaqayyoof fo’amanii fi dhugaa beekuu isa Waaqayyoon fakkachuu wajjin waliif galuu. 2 abdii jireenya bara baraa Waaqayyooo, isa hin sobdne, isa baroota dura kakuu galamee wajjin. 3 Yeroo isa sirriitti inni dubbii isaa keessaan mul’ise; isa ani akka abboommii Waaqayyoo fayyisaa keenyaatti itti amaneen. 4 Tiitoosiif, ilma isa karaa amantii walii wajjin qabnuu, Waaqayyo annaa fi fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos biraa ayyaannii fi naagaan siif haa ta’u. 5 Dhimma kanaaf jedheen Qarxeesitti si dhiise, akka ati waantota warra amma iyyuu hin xumuramin jiran toora qabsiiftuu fi geggeessitoota magaalota hundumaa keessatti muuddu akkuman si abboomee turetti. 6 Warri geggeessaan kun nama waan ittiin komatamu hin qabne, nama haadha manaa tokkoo, nama ijoollee amanamoo waan ittiin himataman hin qabnee fi dhibaa’ota yookaan warra hin abboomamne hin qabne. 7 Warra to’ataniif akka nama maatii Waaqayyoo geggeessaniitti namoota waan ittiin komatamn hin qabne ta’uu barbaachisaadha. Nama of tuulu kan hin taane, nama dafee hin aarre, nama araada wayinii hin qabne, nama falmii jaallatuu fi karaa sirrii hin taane bu’aa argachuu barbaadu kan hin taane. 8 Qooda isaa, nama nama simatu, nama waan gaarii jaal’atu, nama ofii isaa bitu, gaarii, qajeelaa fi nama of to’atu ta’uu irra jira. 9 ergaa isa amanamaa dhugaa barsiifame jabeessee qabachuutu irra jira. Isaan warra kaan ittiin akka jajjabeessuuf, barsiisa amanamaa fi sirriin wara isaan morman ittiin sirressuuf. 10 Namoonni murmitoonni, warri akkasumaan dubbatanii fi warri gowwomsitoonni, keessumaa warra kittaanaman irraa. 11 Isaaniin cal jechisiisuun barbaachisaadha. Isaan bu’aa nama yellaasisu waan barsisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan maatii hundumaa gaddisiisaa jiru. 12 Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexis yeroo hundumaa ni sobu, bineesota hamoota, dhibaa’ota warra garrati” jedhe. 13 Dhuga ba’umsi kun dhugaadha. Kanaafis, cismsii isaan sirreessi, akka isaan amantii keessatti amanamoo ta’aniif. 14 Akka isaan mammaksa warra Yihudotaa yookaan abboomiiwwan namoota warra dhugaa irraa deebi’aniitti gatii hin kennineef. 15 Warra qullaa’otaaf, waanti hundumatuu qullaa’aadha. Warra xuraa’otaaf garuu, wanti qulqulluun hin jiru. Garuu sammuu fi qalbiin isaanii xuraa’eera. 16 ni raagu, hojii isaaniitiin garuu isa ni fanu; isaan jibbisiisoodha, kan hin abboomamnee fi hojii gaarii tokkoof illee kan hin taane.