1 Ani maqaa Kiristoosiin dhugaan dubbadha; hin sobu. Yaada garaakoo Afuurri Qulqulluu naaf ba'a. 2 Gaddi cimaafi madaan (dhukubni) hin fayyine lapheekoo (garaakoo) keessa jira. 3 Obboloottan koo warra fooniin fira koo ta’an sanaaf jedhee ani mataan koo otoon abaaramee Kiristoos irraa addaan ba’ee hawwii koo ture. 4 Isaan Israa’elota; isaan ilmummaa, ulfina isaa, waadaa kakuu, kennaa seerichaa, sir a hojii mana sagadaa, fi abdii Waaqayyoo qabu. 5 Kiristoos, inni hundaaf Gooftaa ta’e, akka fooniitti kan dhufe qomoo Abbootii isaanii irraati. Galatni bara baraa isaaf haata’u! Ameen. 6 Kuni garuu, sagaleen Waaqayyoo hin kufe jechuu miti; sanyii Israa'el kan ta'e hunduu dhugumatti Israa'el miti; 7 Sanyii Abrahaam kan ta'anis hundumtuu dhugumatti ijoollee Abrahaam miti. Garuu, "sanyii Yisihaq jedhamee waamamtu". 8 Kana jechuunis, ijoolleen foonii, ijoollee Waaqayyoo miti. Ijoolleen Waaqayyo abdachise garuu, akka sanyii isaatti fudhatamu. 9 "Yeroo kana nan dhufa; Saaraanis ilma argatti". Kunis sagalee abdiiti. 10 Kana qofaa otoo hin taane, Ribqaanis, abbootan keenya keessaa tokko kan ta’e Yisihaq iraa ni ulfoofte; 11 Ijoolleen sun otoo hin dhalatin dura, isaan keessaas tokko illee gaarii yookiin hamaa otoo hin hojjetiin, kaayyoon (akeekkiin) Waaqayyoo akkuma filannoo isaatti akka ta’uuf, 12 akka hojiiwwan namaa otoo hin taane, akka waamicha Waaqayyootti sababa ta’uuf, "Inni hangafni isa quxisuudhaaf ni ergama" jedhameetu isheetti himamee. 13 Akkuma, "Yaaqoobin nan jaalladhe; Eessaawuu dhaan garuu nan jibbe", jedhamee barreeffamee turetti. 14 Egaa maal jenna? Waaqayyo balleessaadhaa (nama walcaalsisaa)? Tasuma miti. 15 Waaqayyoo, "Naman araara godhuufiif araaran godha; naman garaa laafuuf, garaan laafa," jedheetu Muuseetti hime. 16 Kanaafis egaa, araarri kan argamu Waaqayyo irraati malee, waan namni jaalateef yookiin immoo waan namni fiigeef miti. 17 Akka Kitaabni Qulqulluu jedhuttis, “Maqaan koo biyya lafaa hundumaa irratti akka himamu waanan barbaadeef, siitiin humna koo argisiisuuf jedheen ol si kaase” jechuudhaan Waaqayyo Fara’onitti hime. 18 Kanaafuu egaa, Waaqayyo nama barbaadeef araara ni godha, nama barbaadeen immoo danqamaa ni godha. 19 Egaa, “Waaqayyo maaliif balleessaa nama irratti barbaada? Eenyutis fedhii isaa mormee beeka?” jettanii na gaafattu. 20 Haata’u malee garuu, ati yaa namanaa! Ati eenyu taateetu dha kan Waaqayyotti deebistu? Waanti harka namaatiin hojjetame tokko isa isa hojjeteetiin, “Maaliif akkasitti na hojjette?” jedhee ni gaafataa? 21 Akkasumas, namni suphee dha'u tokko, dhoqqeedhuma tokko irraa yoo barbaade meesha faayidaan isaa waan kabaja qabuuf oolu, yoo barbaade immoo, meeshaa isa faayidaan isaa ulfina hin qabneef oolu hojjechuuf mirga hin qabuu? 22 Waaqayyo, inni dheekkamsa isaa argisiisuufi humna isaas beeksisuu barbaade, warra akka qodaa dheekkamsaa ta'anii badiif qophaa'anii jiran kanaaf yoo obsa baay'eedhaan danda'eera ta'e maal ta'a? 23 Ulfinni isaa hangam akka ga’u argisiisuudhaaf jedhee, warra akka qodaa araaraa ta'aniif durumaan dursee ulfinaaf qopheesse irratti akkasuma yoo godhee ture maal ta’a? 24 Warra Yihudoota keessaa qofaa otoo hin taane, unu warra kaan (hin amanne) keessaa warra waameefis akkasuma yoo godhee ture maal ta’a? 25 Akkuma Hose'ii keessatti inni dubbatuttis, “Warra saba koo hin turre, saba koo jedheen waama; ishee hin jaalatamne turteetiinis, jaalatamtuu koo jedheen waama. 26 Bakka ‘isin saba koo miti’jedhamee ture sanattis, ‘ilmaan Waaqayyoo isa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu”. 27 Waa’ee Israa'elii, “Baay’inni ilmaan Israa'el akka cirracha galaana keessaa baay’ee yoo ture illee, isaan keessaa kan hafu muraasa dha;, 28 Gooftichi isa jedhe hunduma otoo hin turiin biyya lafaa irratti ni raawwata”, jedheetu Isaayyas iyya. 29 Akkuma Isaayaas duraan dursee dubbateenis, “Gooftaan inni jiraachisaan otoo ijoollee nuuf hin hambisne ta'ee, nuti akka Sodoom taanee, Gomoraas fakkaannee hafna turre”. 30 Egaa maal jenna? Warri Waaqayyoon hin amanne, warri qajeelummaa hordofaa hin ture, qajeelummaa amantii isaaniitiin, qajeelummaa argataniiru. 31 Israa'el, warri seera qajeelummaa hordofaa turan garuu, seera sana bira hin geenye. 32 Maaliif hin geenye? Sababni isaas, isaan amantiidhaan hordofuu dhisanii waan hojidhaan itti adeemaniifidha. Isaan dhagaa gufachiisu sana irratti gufatani. 33 “Hubadhaa, dhagaa nama gufachiisuufi kattaa nama kuffisu (nama dura dhaabbatu) Tsiyoon keessa nan kaa'a. Inni isatti amanu immoo hin qaana’u” jedhamee akkuma barreefametti.