1 Yaa obbolootaa! Hawwiin garaa koo keessaas, Waaqayyootiinis kanan kadhadhus fayyina isaaniiti. 2 Isaan beekumsaaf otoo hin taane, Waaqayyoof akka hinaafan dhugaan isaaniif nan ba'a. 3 Qajeelummaa isa Waaqayyo biraa dhufu baruu dadhabanii, qajeelummaa mataa isaanii uummachuu waan barbaadaniif, isaan qajeelummaa Waaqayyoof hin bulle (ajajamne). 4 Kiristoos nama amanu kamiifuu seericha qajeelummaa ni dhugoomsa (guuta). 5 Waa’ee qajeelummaa isa karaa seerichaa dhufuu, Muuseen akka barreessetti: “Namtichi inni waantota kana godhu (hojjetu), isaaniin ni jiraata”. 6 Qajeelummaan amantiidhaan dhufu garuu akkas jedha: “Garaakeetti ‘Eenyutu gara waaqaatti ol ba’a’ hin jedhiin. (Kana jechuun, Kiristoosiin gadi buusuudha); 7 ‘Eenyutu boolla bu’as’ hin jedhiin.” (Kana jechuun, Kiristoosiin du’aa kaasuudha.) 8 Garuu immoo maal jedha? “Dubbichi sitti dhi'oo jira: afaan kee fi, garaa kee keessa”. Innis dubbii amantii isa nuti lallabnuu dha. 9 Afaan keetiin, Yasuus gooftaa akka ta'e yoo dubbattee dhugaa baate, garaa keetiin immoo, Waaqayyo du'aa akka isa kaase yoo amante, fayyina ni argatta. 10 Inni garaa isaatti amanee qajeelaa ni ta'a; inni afaan isaatiin dubbatee ibse ni fayya. 11 Kitaabni Qulqulluu, “Kan isatti amanu eenyumtuu hin qaana’u” jedha. 12 Yihudaa fi Giriik gidduu garaa garummaan hin jiru; Gooftaa isuma tokkotu gooftaa hundumaati; warra isa waammatan hundumaafis ni qaqaba. . 13 Kan maqaa Gooftaa waammatu eenyumtuu ni fayya. 14 Egaa, isatti warri hin amanne, attamitti isa waammatu? Isa dhaggeeffatanii hin beekneenis attamitti itti amanu? Lallabaa malees, attamitti dhaga’u? 15 “Warri oduu gammachuu fidanii dhufan attam milkii qabeessota dha!” jedhamee akkuma barreeffamee jirutti, egaa yoo ergaman malee, isaan attamitti lallabu danda’u? 16 Hundumti isaanii garuu oduu gammachuu kanaaf hin abboomamne. Isaayaas, “Gooftaa, isa nuti dubbanne eenyutu amane?” jedha. 17 Kanaafuu, amantiin kan dhufu dhaga'uutiini; kan dhaga'amu immoo sagalee Kiristoosi. 18 Ani garuu kanan jedhu: “Isaan hin dhageenye ture?” Eeyyee, mamii tokko malee dhagahanii jiru. “Sagaleen isaanii lafa hundumaatti ga’eera; Waan isaan dubbatanis lafa namni jiraatu hundumaa ga'eera”. 19 Dabalataanis, “Warri Israa'el hin beekan turee?” Duraan dursee, “Warra saba koo ta’uu didan nan inaaffachisa; Saba koo ta’uu keessan yoo wallaaltanis, aariidhaan akka jeeqamtan isin godha”, gaabbitaniis saba wallaalaatti akka isin aartan nan godha" jechuun Muuseen dubbateera. 20 Itti aansuudhaanis, “Warra ana hin barbaadnee tureef, ani argameera; Warra ana hin gaafanne tureefis, ani mul'adheera”, jechuudhaan Isaayaas jala muree dubbateera. 21 Warra Israa'eliitiin garuu kana jedha: “Warra hin abboomamneefi warra morman irratti guyyaa guutuu harka koo irrattan diriirsa”.