1 Egaa ani kanan jedhu, Waaqayyo saba isaa gadi gateeraa? Kun tasuma miti. Aniyyuu nama Israa'elidha, sanyii Abrahaam fi gosa Beniyaaminidha. 2 Waaqayyo saba isaa warra durumaan dursee beeku ture gadi hin gatne. Kitaabni Qulqulluu waa’ee Eeliyaas kan barreeffamee keessatti, akka inni Waaqayyo duratti Israa'eliitiin yakke (himate) hin beektanii? 3 “Yaa Gooftaa, isaan raajota kee ajjeesaniiru; iddoowwan aarsaa kee itti laatamus caccabsaniiru; kan hafe ana qofaadha; anaatiinis ajjeesuu barbaadu”. 4 Deebi’iin Waaqayyo isaaf kenne garuu maal jedha? “Ani Ba'aaliif kan hin jilbeenffanne namoota kuma toorba ofii kootiif hambifadheera”. . 5 Yeroo ammaa kanas ulfina isaatiif kan filataman hambaaleen ni jiru. 6 Yoo ulfinaan filataman immoo, hojiidhaan miti jechuudha. Otoo kana hin taanee, ulfinni, ulfina ta’uun isaa ni hafa. 7 Egaa kuni maali dha? Warri Israa'el isa barbaadaa turan hin arganne; warri filataman garuu argatanii jiru; warri hafan immoo ni hadoochifamani. 8 Akkuma barreeffamee jiruttis, “Waaqayyo afuura isa nama hadoodchu waan isaanitti kennef, hanga guyyaa har'aattis ijji isaanii hin argani, gurri isaaniis hin dhaga’u”. 9 Akkasumas, Daawitis, “Maaddiin isaanii bakka kiyyoo ittiin qabaman haata'u; Bakka isaan gufachiisu fi bakka itti adabaman haata’u. 10 Akka ijji isaanii hin argineef, isaanitti haa dukkanaa'u; Dugdi isaaniis bara baraaf haagugguufu” jedha. 11 Egaa ani kanan jedhu “Kan isaan gufatan, akka kufaniifidha?” Kun tasuma miti. Warri hin amanne balleessaa isaaniitti aaranii, fayyina isaaniif akka isaan kakaasuufidha. 12 Amma egaa, balleessaan isaanii biyya lafaatiif yoo badhaadhina fida ta’e, akkasumas mo’amuun isaanii warra hin amanneef yoo badhaadhina argachiisa ta’e, guutummaan isaanii immoo hammam caalaatti badhaadhina fidee dhufa laata? 13 Amma isin warra Waaqayyotti hin amannettin dubbadha; warra Waaqayyotti hin amanneef ergamaa hangan ta'ee jirutti, ergaa koo kanatti nan boona (gammada). 14 Tarii warra foon koo ta’an keessatti inaaffii nan uuma. Tariis immoo muraasa isaaniis ni fayyifna. 15 Gadi gatamuun isaanii, biyya lafaaf araara buusa yoo ta’e, fudhatamuun isaanii immoo maal fida, warra du'aniif jireenya fida malee. 16 Midhaan dura facaasame qulqulluu yoo ta’e, bukoon isaas qulqulluu dha. Hiddi isaa qulqulluu yoo ta’e, dameewwan isaas qulqulluu dha. 17 Garuu dameewwan muraasni cabanii kufaniiru yoo ta’e, ati immoo, damee ejersaa taatee isaan gidduutti biqiltee jiraachuukeetiin, soora hiddi muka ejersaa sun qabu yoo hirteefiitta ta’e, dameewwan caban sana irratti of hin tuuliin. 18 Of tuulta yoo ta’e garuu, kan si utubee jiru hidda sana dha malee, ati hiddicha utubtee hin jirtu. 19 Boodas, “Dameewwan cabanii kan kufanii, akkan ani isaan faana guddadhu (jiraadhu) fidha” ni jetta ta’a. 20 Kuni dhugaa dhuma. Amanuu dhabuu issaanii iraa kan ka’e, cabanii kufaniiru. Ati garuu amantii kee irraa kan ka’een, cimaa taatee dhaabbattee jirta. Kanaafuu, sodaadu malee, of tuuluu hin yaadiin. 21 Waaqayyo dameewwan uumamaaf garaa laafee hin turre yoo ta’e, siifis garaa hin laafu. 22 Egaa garaa laafina Waaqayyoo fi hammeenya isaa ilaali (hubadhu). Yihudoota warra kufan irratti ni hammaate; gaarummaa isaa yoo itti fufte garuu gaarummaan Waaqayyo siif dhufa. Yoo ta’uu baate immoo, atis irraa citta. 23 Isaan warri Waaqayyotti hin ammanne iyyuu, yoo amanuu dhabuu isaanii itti fufuu dhiisani, isaanis ni fayyu (fayyina keessa dhaabbatu). Waaqayyo deebisee isaan fayyisuu ni danda’a. 24 Ati inni muka ejersa isa uumamaa (dhugaa) kan ta’e irraa foxxoqtee turte, muka ejersaa isa gaariitti hirkachuudhaan deebistee yoo latteetta (biqilteetta) ta’e, karaa biraatiin immoo, hammam caalaatti dameewwan ejersaa warri dhugumatti uumamaan ittii dhalatan sun muka isaaniitti hirkatanii deebi'anii latu (biqilu)? 25 Yaa Obboloottan koo, beekaa waan taatan akka isinitti hin fakkaanneef, iccitii kana akka beektan nan barbaada. Hanga warri Waaqayyotti hin amanne hunduu garana dhufanitti, hadoodummaan gar-tokkoo Israa'el irratti dhufeera. 26 Kana irraa ka’ees, ‘Israa'elooni hunduu ni fayyu’ akka jedhamee katabameenis: “Tsiyoon keessa, inni fayyisu ni dhufa; Innis amantii-dhabummaa sanyii Yaaqoob keessaa ni balleessa (baasa); 27 Yeroon cubbuu isaanii isaan irraa fuudhus, Isaan waliin waadaa (kakuu) galuu kooti.” 28 Sababa keessan irraa kan ka’e, isaan diinota wangeelaati. Sababa filannoo abbootaa isaanii irraatii kan ka’een garuu, Waaqayyo biratti jaalatamtoota dha. 29 Kennaan Waaqayyoo fi waamichi isaa hin geeddaramu. 30 Akkuma isin kanaan dura Waaqayyoof abboomamuu diddanii ture sanatti, amma immoo warri Yihudootaa abboomamuu waan didaniif, isin araara Waaqayyoo argattaniittu. 31 Haaluma walfakkaatuun, amma immoo Yihudoonni kun araara isa isin argattan sana isaanis argachuudhaaf jecha abboomamuu didanii jiru. 32 Waaqayyos hundumaaf araara kennuuf jedhee, hundumaa isaanii akka abboomamuu didan isaan godhe. 33 Raajii dha! Ogummaa fi beekumsi Waaqayyoo hammam gadi fagaata! Murtileen isaa hammam kan namni yaaduu oli dha! Daandiin isaas hammam kan namni barbaadee hin arganne dha! 34 “Yaada Gooftaa eenyutu beeka? Yookiin immoo, gorsaa isaa kan ta’ee ture eenyu? 35 Yookiis, Waaqayyo liqii deebisuu akka qabuuf, Dura dabarsee waan tokkollee kan isaaf kennee ture eenyu?” 36 Waanti hunduu Isa biraa, Isaatiin fi Isaatiif haata'u! Ulfinni bara baraan Isaaf haata'u! Ameen!