1 Kanaafuu, yaa obbolottan koo, araara Waaqayyootiif jedhaatii, qaama (dhaqna) keessan Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti qulqulluu gochuudhaan aarsaa jiraatu gootanii akka Isaaf dhiheesitan nan isin kadhadha. Tajaajilli keessan inni sirriin kana dha. 2 Jireenya biyya lafaa kana fakkaachuu dhisaatii, yaada mataa keessanii haaromsaatii of-jijjiiraa. Kana gochuudhaanis, isa kamtu fedhii (jaalala) Waaqayyoottiif gaarii, fudhatamaa fi sirrii ta’e ilaaltanii murteeffattu. 3 Ayyaana anaaf kennameetiin, tokko tokkoo keessanitti kanan hima: Waa’ee ofii keessanii, isa ta’uu qabdanii olitti hin yaadiinaa; akkas irra garuu, akka amantii keessaniitti, Waaqayyo tokko tokkoo keessaniif akka lakkaa’ee isinii kennetti madaalliidhaan yaadaa. 4 Nuti dhaqna keenya tokko keessatti qaama baay’ee qabna, hojiin isaanii garuu tokko miti. 5 Haaluma walfakkaatuun, nutis baay'ee taanee jirruus, Kiristoosiin dhaqna tokko dha; nutis qaamota dhaqna walii ti. 6 Akkuma ayyaana nuutiif kennameetti, kennaa adda addaa qabna; kennaan isa tokkoo raajii himuu dha yoo ta’e, hammuma amantii isaatti haa dubbatu. 7 Kennaan isa tokkoo tajaajiluu dha yoo ta’e, haa tajaajilu. Inni tokko immoo kennaa barsiisummaa qaba yoo ta’e, haa barsiisu. 8 Kennaan isaa tokkoo gorsuu dha yoo ta:e, haa gorsu. Kennaan isaa tokkoo laachuu dha yoo ta:e, arjjummaa dhaan haa kennu. Kennaan isaa tokkoo hoogganuu dha yoo ta:e, dhimmee haa hoogganu. Kennaan isaa tokkoo dhiifama gochuu dha yoo ta:e, gammachuudhaan dhiifama haa godhu. 9 Jaalalli keessan, ofittummaa malee haa ta’u. Waan yaraa jibbaa; isa gaarii ta’e qaba dhaa. 10 Jaalala obboloottanii ilaalchisee, lapheerraa wal jaalladhaa. Kabaja (Ulfina) ilaalchisee, wal kabajaa (ulfina waliif kennaa). 11 Dhimma baasuu ilaalchisee, otoo hin mamiin hojjedhaa. Afuura ilaalchisee, hawwiidhaan eegadhaa. Goofticha ilaalchisee, Isa tajaajilaa. 12 Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Kadhannaa keessaniin cimaa. 13 Rakkina qulqulloota Waaqayyoo qoodadhaa. Keessummoota akka gaariitti simadhaa. 14 Warra isin yakkan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa. 15 Warra gammadan wajjin gammadaa; warra boo'an wajjinis boo'aa. 16 Walii keessaniif yaada tokko ta’e qabaadhaa; ol of qabuu hin yaadinaa; kabajaan simadhaa malee, warra gajjallaa keessaniitti (isiniin gadi jiranitti) hin kooriinaa. Gamnummaa yaadota keessan keessaa baasaa. 17 Nama hamaa isin irratti hojjete irratti deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa. Nama hunduma fuulduratti, waan gaarii ta’e godhaa (hojjedhaa). 18 Karaa keessaniin hanga isiniif danda’meetti, nama hundumaa wajjin nageenyaan jiraadhaa. 19 Yaa firoota koo! Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessaniin gumaa hin baafatiinaa. Akka barreeffamee jiruttis, Gooftaan akkas jedhee dubbata: “Gumaa baasuun kan kooti; ani hojii (liqii) isaaf nan deebisa”. 20 Garuu, “Diinni kee yoo beela'e nyaachisi; yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis akka inni hojii isaatti gaabbee aariidhaan boba’u ni goota” jedhees Gooftaan ni dubbata. 21 Hamaaf hin mo’amiinaa; gaariidhaan isa hamaa mo'aa malee.