1 Namni lubbuun jiru eenyumtuu, isa bulchaa ta’eef haabulu (haa abboomamu); Waaqayyo biraa yoo dhufe malee, bulchaa (abbaa taa’itaa) ta’uun hin danda'amu. Warra aangoo qabatanii jiranis kan filate (muude) Waaqayyo dha. 2 Kanaafuu, namni inni abbaa taa’itaaf abboomamuu didee mormu, ajaja (sirna) Waaqayyoos ni morma; warri morman kunis, firdii (murtii) of irratti fudhatu. 3 Bulchitoonni sodaa kan ta’ani warra hojii gadhee hojjetanitti dha malee warra hojii gaarii hojjetanitti miti. Ati abbaa aangoo akka hin sodaanne ni barbaaddaa? Waan gaarii hojjedhu; galatas ni argatta. 4 Inni waan gaariif ergamaa Waaqayyooti. Billaa qabatee kan jiru sababa tokko malee waan hin taaneef, ati waan hamaa hojjetta yoo ta’e garuu, isa sodaadhu. Inni, nama isa hamaa hojjetu irratti, gumaa aarii Isaa kan baasuu, ergammaa Waaqayyooti. 5 Kanaafuu, sababa Waaqayyo sitti aaruuf duwwaa jettee otoo hin ta’iin, sababa yaada sammuu mataakeefis bitamuu (abboomamuu) qabda. 6 Gibiras kan kaffaltu, sababa kanaafi. Kanas, warri abbaa aangoo, ergamtoonni Waaqayyoo, kutannoo itti fufina qabuun ni raawwatu. 7 Hundumaafuu, tokko tokkoo isaaniif waan argachuu malan kaffali: isa gibirri isaaf ta'uu maluuf, gibira; isa qaraxni isaaf ta'uu maluuf, qaraxa; isa sodaatamuun isaaf ta'uu maluuf, sodaatamuu; isa ulfinni isaaf ta'uu maluuf, ulfina kenni. 8 Wal jaallachuu irraa kan hafe, eenyuttuu gatii hin ta’iinaa. Namni inni ollaa isaa jaallatu, waan seerichaan isa irraa eegamu gutee jira. 9 Abboommiwwan, “Hin sagaagaliin, hin ajjeesiin, hin hatiin, waan namaa hin hawwiin” jedhanii fi warri kaanis hundumtuu, “Akkuma of jaalattutti, ollaa kees jaalladhu.” isa jedhuun walitti qabameera. 10 Namni nama jaalatu, waan ollaa isaa miidhu hin hojjetu. Kanaafuu, jaalalli xumura seerichaati. 11 Sababuma kanaafis, saatiin kun yeroo ati hirriba kee irraa dammaquu qabdu ta’uusaa ni beekta. Yeroo itti dura amanne caalaa, guyyaan fayyinaa amma nutti dhi'aatee jira. 12 Halkanichi darbeera; guyyichis dhi'aateera. Kanaafuu, kottaa hojiiwwan dukkana keessa gadi haa gannu; gaachana ifatti ittiin baanu immoo haa hidhannu. 13 Dhuganii machaa’uu, halaalummaa, sagaagalummaa, nama loluu dhisuudhaan, kootta jireenya keenyaa akka adeemsa ifa guyyaaf ta’utti sirreessinee haa deemnu. 14 Akka isin fedhii fooniif hin bulleef immoo, Gooftaa Yasuus Kiristoosiin uffadhaa.