14

1 Nama amantiidhaan dadhabaa ta'e, yaada isaa irraatti murtii kennuu dhiisaatii, ofitti qabaa. 2 Namni amantii qabu tokko waan kamiyyuu ni nyaata; inni dadhabaa ta’e immoo fuduraa (ashaakiltii) qofaa nyaata. 3 Namni inni waan hunduma nyaatu (sooratu), isa nyaata waan hunduma hin nyaanne sana hin tuffatiin (ceepha'in); inni nyaata waan hunduma hin nyaannes, isa waan hunduma nyaatu sana hin madaaliin. Waaqayyo isas ofitti qabeera. 4 Hojjetaa nama biraa kan ta’ettiin kan madaaltu, ati eenyu taateetu dha? Inni kan dhaabatus yookiin immoo kan kufus, gooftaa isaa fulduratti dha. Gooftaan keenya waan isa dhaabeef, inni garuu ni dhaabbata. 5 Namni inni tokko guyyaa tokko guyyoota warra kaan irra caalchifata. Namni inni biraa immoo guyyoonni hundumtuu wal qixxeedha jedhee murteessee jira. Kana ilaalchisee, tokko tokkoon namaa, akka yaada mataa isaatti haa murteessu. 6 Namni guyyaa kabaju, Gooftaaf jedheetu kabaja; inni nyaatus, Waaqayyoon waan galateeffatuuf, Gooftaaf jedheetu nyaata. Inni hin nyaannes, Gooftaaf jedheetu nyaata lagate; Waaqayyootiinis ni galateeffata. 7 Unu keessaa tokko iyyuu akeeka ofii isaatiif hin jiraatu; unu keessaas tokko iyyuu akeeka ofii isaatiif hin du'u. 8 Yoo jiraannu, akeeka Gooftaatiin jiraanna, yoo duunus, akeeka Gooftaatiin duuna. Kana booda, jiraannus yookiinis duunus, nuti kan Gooftaa ti. 9 Kiristoos kan du’es, du’aa ka’ees kan jiraate, warra du'anii fi warra jiraatan lameeniifuu Gooftaa akka ta'uufidha. 10 Garuu, ati maaliif obboleessa keetti faradda? Akkasumas, atis maaliif obboleessa keetiin tuffatta? Hundumti keenyuu barcuma firdii Waaqayyoo fuulduratti ni dhiyaanna.. 11 Akka katabameenis, “Ani nan jira” jedha Gooftaan, “Jilbi hundumtuu anaaf ni jilbeenfata, arrabni hundis Waaqayyoof dhugaa ni ba’a.” 12 Kana irraa kan ka’eenis, tokko tokkoon keenya, waan hojjenne ilaalchisnee Waaqayyoof debi’ii ni kennina. 13 Kanaafuu, kana booda walitti faraduu dhiisnee, akkas gochuuf haa murteessinu: eenyumti iyyuu waan nama gufachiisu yookiin immoo kiyyoo nama qabu obboleessa isaa dura kaa’uu haa dhiisu. 14 Akka Gooftaa Yasuusitti, ofii isaatii xuraa'aa kan ta’e homtuu akka hin jirre bareera; amaneeras. Waanti kamiyyu xuraa'aa akka ta’etti nama ilaaluf (yaaduf), isa qophaaf xuraa'aa ta'a. 15 Sababa nyaataaf (midhaaniif) jettee, obboleessa kee yoo miite, ati jaalala faana deemaa hin jirtu. Nama Kiristoos du’eefii sana, nyaata kee faana hin balleessiin. 16 Kanaafuu, wanta gaarii dha jettee fudhate, hammeenyummaa isaa hin dubbatiin. 17 Mootummaan Waaqayyoo waa’ee nyaachaa fi dhugaatii otoo hin taane, waa’ee qajeelummaa, nageenyaa fi gammachuu Afuura Qulqulluu ti. 18 Namni inni akka kanatti Kiristoosiin tajaajilu, Waaqayyo biratti fudhatamaa dha; namoota durattis dhageetti qaba. 19 Kanaafis egaa, waantota nageenyaaf ta'aniifi waantota walitti nu utuban duukaa haa buunu. 20 Nyaachaaf jettee hojii Waaqayyoo hin balleessiin. Waantotni hundumtuu qulqulluu dha; waanta nama gufachiisu kam iyyuu nama nyaatuuf garuu gadhee dha. 21 Egaa, foon nyaachuus yoo ta’e, waynii dhuguus yoo ta’e, yookiin immoo, waanta obboleessa kee gufachiisu kam iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha. 22 Amantii kee ofii kee fi Waaqayyo gidduutti qabaadhu. Namni waanta itti amanee hojjetetti deebisee of hin yakkine, eebbifamaa dha. 23 Namni shakkaa nyaatu, amantiidhaan waan hin nyaanneef, cubbamaa dha. Waanti amantiidhaan hin taanes, hundumtuu cubbuu dha.