15

1 Nuti warri amma jabaa (cimaa) taane, dadhabbii warra laaftotaa baachuun nutti jira; ofitti gammaduus (boonuus) hin qabnu. 2 Tokko tokkoon keenya waan gaarii ol isa utubu hojjennee ollaa keenya haa gammachiisnu. 3 Kiristoos iyyuu of gammachisee hin turre. Bakka kanaas garuu, akkuma barreeffamee turetti, “Arrabsoon warra si arrabsan sana ana irra bu'e” jedhe. 4 Ammaan dura waanti barreeffamee ture kam iyyuu kan barreeffame, akka nuti barumsa obsaa fi jajjabina keessaa argannee abdii akka horruufidha. 5 Amma immoo, Waaqayyo inni abbaa obsaa fi jajjabinaa ta’e, akkuma Kiristoos Yasuusitti, kan ittiin walii galtan yaada tokko ta’e isinii haa kennu. 6 Kanas kan godhu, yaada tokko qabaattanii, afaan tokkootiinis Waaqayyoon, abbaa Gooftaa keenyaa Yasuus Kiristoos, akka galateeffattaniif haa ta’u. 7 Kanaafuu, Waaqayyoon galateeffachuudhaaf, akkuma Kiristoos isiniin ofitti isin qabee turetti, isinis ofitti wal qabaa. 8 Kiristoos, dhugaa Waaqayyoo argisiisuudhaaf jedhee, abdii isa Waaqayyo abbootaaf kennee tures mirkaneessuudhaaf jedhee, hojii dhaqna qabaaf kan ergame. akka ta'e isinittan hima. 9 Warri Waaqayyoon hin amannes, araara isaatiif Waaqayyoon akka galateeffataniif dha. Akkuma barreeffamee jiruttis, “Egaa, ani saba warra Waaqayyoon hin amane ta’an gidduutti sin galateeffadha, Maqaa kees galataan nan faarfadha” jedha. 10 Deebisees akkas jedha: “Isin, warri Waaqayyoon hin amanne, saba isaa wajjin gammadaa.” 11 Ammas deebisee, “Isin, warri Waaqayyoon hin amanne hundumti keessanuu, Gooftaa galateeffadhaa; Sabni hundumtuus isa haa galateeffatanii.” 12 Isaayaasis deebisee, “Hiddi Iseyi ni dhufa; innis warra Waaqayyoon hin amane bulchuudhaaf ni ka'a. Warri Waaqayyoon hin amannes abdii horu” jedheetu dubbata. 13 Humna Afuura Qulqulluutiin abdiidhaan akka guutamtaniif, abbaan abdii, Waaqayyo inni itti amantani, gammachuu fi nagaa hundumaatiin isin haa guutu. 14 Yaa obboloottan koo, ani ofiinkoos isinis gaarummaa guutuu fi beekumsaan akka guutamtan hubadheera. Wal barsiisuu akka dandeessanis hubadheera. 15 Garuu, sababa ayyaanna Waaqayyo biraa anaaf kennameef jedheetan, waa'ee waantota tokko tokkoo deebisee isin yaadachiisuudhaaf jedheen itti dabaleen iftoominaan isiniif barreessaan jira. 16 Kunis, ani, ergamaa Kiristoos Yasuus ta'ee, gara warra Waaqayyoon hin amanneetti kanan ergame, akkan luba ta’ee wangeela Waaqayyoo barsiisuuf ayyaana naaf kenname dha. Ayyaana kanaanis, warri Waaqayyoon hin amanne aarsaan isaanii Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’uuf Afuura Qulqulluutiin nan isaan qulqulleessa. 17 Ani, karaa Kiristoos Yasuus, hojiin Waaqayyoof hojjedhe kanaan egaa boonuudhaaf sababan qaba. 18 Warra Waaqayyoon hin amanne abboomuudhaaf jedhee waan Kiristoos karaa koo hojjetu qofaa malee, ani waan biraa tokko iyyuu hin dubbadhu. Isaan kunis, dubbii fi hojii kootiin raawwatu; 19 Humna mallattootaa fi raajiiwwaniitiin, akkasumas, humna Afuura Waaqayyootiinis nan raawwdha. Yerusaalemii jalqabee naanna'eetan hamma Iliirkumiitti wangeela Kiristoos guutummaatti lallabeera. . 20 Akka kanaattis, kaayyoon koo wangeela Kiristoos lallabuu dha. Garuu immoo, iddoo namni biraa dura dabarsee hojjetee turetti hojii namaa irratti dabalee hojjechuu waanan hin barbaadneefis jedheetan, bakka maqaan Kiristoos hin dhagahamnetti qofaan lallabe.. 21 Kunis kan ta’e, akkuma barreeffamee turettidha: “Isaan warri waa'een isaa takkaa iyyuu itti hin himamne, ni argu; isaan warri waa'een isaa takkaa iyyuu hin dhageenye, ni hubatu.” 22 Akkan isin bira hin dhufne yeroo hedduu kan ani dhoowwamee tures kanumaafidha ture. 23 Dhufee isin arguudhaaf waggaa baay'ee hawwaa turullee, ammaan booda garuu, naannoowwan kanaa bakka na hafe hin qabu. 24 Yeroon ani gara Ispeen dhaquudhaaf achiin darbu isin argee, takkas isin wajjin eergan gammadee booda, karaa koo irra akka na buuftan nan abdadha. 25 Amma garuu, saba Waaqayyoof qulqullaa'an tajaajiluuf, gara Yerusaalemin deemuu kooti. 26 Warri Maqedooniyaa fi warri Akaayiyaa, hiyyeessota Yerusaalem keessa warra Waaqayyoof qulqullaa'an gidduutti argamaniif, gargaarsa gochuuf jalataniiru.. 27 Isaan, warri Waaqyyoon hin amanne kun, jaalala isaaniitiin kana godhan; karaa tokko immoo kun waanuma gochuun isaan irra jiru dha. Erga warri Yihudootaa eebba Afuuraa isa Waaqayyo irraa argatan warra Waaqyyoon hin amanne wajjin hirmaatanii, warri Waaqyyoon hin amannes waan jireenya fooniitiif argataniin warra Yihudootaa gargaaruun isaan irra jira. 28 Kanaafuu, ani hojii kana raawwadhee, waanti isaaniif walitti qabames fudhachuu isaanii ergan mirkaneeffadhee booda, karaa keessan dhufeen isin dubbisee gara Ispeen adeema. 29 Yeroon dhufus, akkan eebba Kiristoos guutee isiniif fidee dhufu anuu beeka. 30 Yaa obboloottan koo, Gooftaa keenya Yasuus Kiristoosii fi jaalala Afuura Qulqulluutiin, akka isin ana faana taatanii Waaqayyoon naaf kadhattani nan isin gaafadha. 31 Yihudaa keessatti midhaa warra hin abboomamnee jalaa akka na baasuu fi warri Waaqayyoof qulqullaa'an tajaajila ani Yerusaalemitti kennu gammachuudhaan akka fudhataniif naa kadhadhaa. 32 Ani immoo, jaalala Waaqayyoo yoo ta'e gammachuudhaan isin bira akkan dhufee, isinii wajjin wal argee yaadni koos boqotu naa kadhadhaa. 33 Waaqayyo inni abbaa nageenyaas hunduma keessan faana haa ta’u. Ameen!