1 Obboleettii keenya, Feebeen, ishee waldaa kristiyaanaa Sencheriyaa keessa jirutti tajaajiltuu taatee hojjettu, adaraan isinitti kennadha. 2 Isheenis kan Gooftaa waan taateef simannaa warra Waaqayyoof qulqullaa'aniif ta'uu maluun ishee simadhaa. Isheen, anas dabalatee, namoota baay'ee gargaaraa waan turteef, waanta ishee barbaachisu hundumaatiin ishee gargaaraa. 3 Hojii Kiristoos Yasuusitti warra hidhata koo ta'an, Phirisqiilaa fi Aqiilaadhaaf nagaa koo anaaf dhiyeessaa. 4 Isaan lubbuu koo baraaruuf jedhanii, lubbuu isaanii dabarsanii warra kennani dha. Nan isaan galateeffadha; ana duwwaa otoo hin taane, waldoonni kristiyaanaa saba warra Waaqayyoon hin amanne hundumtuu isaan galateeffatu. 5 Waldicha isa mana isaanii keessatti argamuttis nagaa koo anaaf himaa. Michuu koo, Ephanexos, isa biyya Asiyaatii hunda dura Kiristoosiin fudhateefis, nagaa koo anaaf dhiyeessaa. 6 Maariyaam, ishee isiniif dadhabde hojjechaa turteefis, nagaa koo anaaf dhiyeessaa. 7 Andronikosii fi Yuniyaas, warra firootakoo ta’anii fi warra anaa wajjin hidhamanii turaniifis, nagaa koo itti naa himaa. Isaan regatta beekamoo fi warra ana duras Kiristoosiin amanedha. 8 Amphiliiyaaxos, isa Gooftaatiin michuu koo ta'ettis, nagaa koo naaf himaa. 9 Urbaanos isa hojii Kristositti hidhata keenya ta'ee fi michuu koo Isxaakisttis nagaa koo naaf himaa. 10 Apheles, isa kan Kiristoos ta'uun isaa qoramee irra ga'ameef, nagaa koo naaf himaa. Namoota maatii Arisxobulos keessaa dhufaniifis nagaa koo naaf dhiyeessaa. 11 Fira koo, Herodiyoon, nagaa naaf gaafadhaa. Maatii Naarkisus keessaa, warra Gooftaa fudhataniifis nagaa koo naaf dhiyeessaa. 12 Warra hojii Gooftaaf dadhaban, Tiriifeenaa fi Tiriifoosaa dhaaf nagaa koo itti naaf himaa. Hojii Gooftaaf baayyiftee kan dadhabde, Pharsiis, ishee jaallatamtuu, sanaatiifis nagaa koo itti naaf himaa. 13 Rufuus, isa Gooftaatiin filatamuun isaa beekame, akkasumas haadha isaa, ishee anaafis haadha taateef, nagaa koo naaf dhiyeessaa. 14 Asinkriixes, Filegoon fi Hermees, Phaaxrobaas, Hermaas fi obbooloota isaan bira jiraniifis nagaa koo naaf himaa. 15 Filologas fi Yuuliyaa,, Nereuus fi obboleettii isaa, Olimphaasi fi warra qulqulloota Waaqayyoo isaan bira jiran hundumaattis nagaa koo naaf dhiyeessaa. 16 Qulqullummaatiin wal dhungadhaatii nagaa wal gaafadhaa. Waldoonni Kiristoos hundumtuu nagaa isaanii isiniif erganii jiru. 17 Yaa obboloottan koo, faallaa barumsa argattanii ta’uudhaan warra yaada namootaa gargar baasuu fi, yaada nama gufachiisu qaban irraa akka of eeggattan isinan gorsa. Isaan irraas fagaadhaa. 18 Waanta akkasii warri hojjetan kuni, garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenya Kiristoosiif hin hojjetani. Dubbii afaan isaanii bareechataniitu, warra garraamii ittiin gowwoomsu. 19 Wangeelaaf abboomamuun keessan fakkeenyummaan isaa hunduma bira ni qaqaba (ga’a). Kanaafis, anis waa'ee keessaniif nan gammada. Garuu, waanta gaariif ogummaa (beekumsa), waanta hamaa immoo garraamummaa akka qabaattan nan barbaada. 20 Waaqayyo inni abbaa nageenyaa immoo as dhiyootti Seexana miilla keessan jalatti ni caccabsa. Ayyaanni Gooftaa keenya Yasuus isin faana haa ta'u. 21 Michuun koo Ximootiyoos fi firronni koo Luusiyes, Yaason fi Sosiipater nagaa isiniif dhaamu. 22 Ani, Xerxiwoos, inni ergaa kana katabe, maqaa Gooftaatiin nagaa isin gaafadha. 23 Gaayuus, inni anaa fi namoota waldaa kiristaanaa hunduma mana isaatti simatee nu keessummeesse, nagaa isiniif erga. Erasxes, inni horii mandarichaa baatu, fi obboleessi keenya Ku'arxes, nagaa isiniitti ergu.. 24 Ayyaanni Gooftaa keenyaa Yasuus Kiristoos hunduma keessan faana haa ta'u. Ameen! 25 Akka ani wangeela kootiin waa’ee Yasuus Kiristoos lallabameetiin Isa isin jabeessu, akka mul’achiisuu Isaa isa bara hedduudhaaf iccitii ta’ee dhoksaatti tureetti, 26 Amma garuu, akka Waaqayyo inni bara baraan jiraatu ajajetti, inni dhoksaa ture ifatti ba'eera; abboomummaa amantii fiduufis, karaa raajotaattiin barreeffamees saba biyya lafaa hunduma biratti beekameera. 27 Karaa Yasuus Kiristoos, ulfinni bara baraa, beekaa tokkicha isa ta’e Waaqayyoof haa ta'u! Ameen!