8

1 Kanaafuu, warri Kiristoos Yasuus ta’an amma yakkamtoota miti. 2 Kristoos Yasuusiin jiraachuukeetiif, seerri Afuuraa seera cubbuu fi du’aa jalaa si baaseera. 3 Seerrii karaa foonii dadhabaa waan ta’eef hojiisaa hojjechuu hin dandeenye. Kanaafuu Waaqayyo cubbuuf jedhee ilma isaa tokkicha fakkii fooniitiin ergudhaan cubbuu balleessee. 4 Waaqayyo kanas kan godhe akka nuti, akka fedhii foonii otoo hin taane, akka fedhii Afuuraatti, waan seerichi nurraa barbaadu guutuufidha.. 5 Warri akka fedhii foonii jiraatan, waa’ee foonii yaadu; warri akka fedhii Afuuraa jiraatan, garuu, waa’ee Afuuraa yaadu. 6 Waa’ee foonii yaaduun du’a dha; waa’ee Afuuraa yaaduun, garuu, jireenyaa fi nagaa dha. 7 Akka fedhii fooniitti yaaduun diinummaa Waaqayyooti; yaadni akkasii seera Waaqayyoof hin abboomamu, abboomamuus hin danda'u. 8 Warri fedhii fooniif jiraatan,Waaqayyoon hin gammachiisani. 9 Afuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keessa jira ta’e garuu, isin akka fedhii foonii otoo hin taane, akka fedhii Afuura jiraattu. Namni Afuura Kiristoos hin qabne kamuu garuu, kan isaa miti.. 10 Kiristoos yoo isin keessa jira ta’e, dhaqni keessan sababa cubbuutiif du'aa dha; sababa qajeelummaa keessaniif garuu, Afuurichi jireenya isiniif ta'a. 11 Afuur Waaqayyoo inni Yasuus du'aa kaase isin keessa yoo jiraate, inni Kiristoosiin du'aa kaase, dhaqna keessan isa du'ufis Afuura isaa isa isin keessa jiruutiin jireenya ni kenna. 12 Egaa yaa obboloottankoo, idaan nurra jira! Fooniif jennee, fedhii fooniif jiraachuu hin qabnu. 13 Akka fedhii fooniitti jiraattu yoo ta’e, du'uu keessani; Afuuraan yoo hojiiwwan foonii qaama keessanii ajjeestan garuu, ni jiraattu. 14 Warri Afuura Waaqayyootiin adeeman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti. 15 Afuuri isin fudhattan Afuura sodaa isa garbummaa jalatti isin deebisu otoo hin taane, Afuura ittiin guddifamtan, isa “Yaa Abbaa keenyaa” jennee Waaqayyotti iyyannudha!. 16 Afuurichi mataan isaa afuura keenya waliin ta’uudhaan, nuti ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa ni ba'a. 17 Nuti ijoollee isaa erga taanee, dhaaltota isaas ni taana, dhaaltota Waaqayyoo. Dhugumatti, yoo Kiristoos faana dhiphannee (rakkannee) immoo, isa faana waan ulfina argannuuf, isa wajjiniinis qixxaannee dhaaltota ni taana. 18 Dhiphinni keenya ammaa (hardhaa), ulfina isa nuuf dhufuuf jedhu waliin yoon madaalee ilaalu, walittuu kan hin dhufne akka ta’ettin lakka’a. 19 Uumamni hunduu mul'achuu (mul’ina) ijoollee Waaqayyoo hawwiin eeggachaa jiru. 20 Uumamni gatii hin qabu; kunis kan ta’e isaatiin otoo hin taane, isuma isa uumetu akkas isa godhe; haa ta'u malee garuu, akkas ta'uun isaa abdii qaba. 21 Kunis kan ta'e, akka uumamni mataan isaa garbummaa badii jalaa ba’uufi, gara bilisummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti dhufaniifidha. 22 Hanga ammaattis uummanni hunduu walfaana ta’ee akka aaduu fi akka ciniinsifatu ni beekna. 23 Isa qofaa miti; nuti warri Afuura dura dabarsinee argannee mataan keenyi iyyuu fayyina qaama keenyaa kan ta'e guddisannaa Waaqayyoo hawwiidhaan eegaa waan jirruuf, keessa keenyatti ni aadna. 24 Nuti abdiidhaan fayyinerra; abdiin inni amma argaa jirru garuu abdii miti. Isa argummaa, eenyutu abdataa? 25 Yoo isa ijaan hin argine abdanne garuu, obsaan ni eegganna. 26 Haaluma walfakkaatuun, Afuurris dadhabbii keenyatti ni nu gargaara. Akkam jennee akkatti kadhannu nuti hin beeknu; Afuurri mataa isaatiin garuu haala ibsamuu hin danda’amneen aaduudhaan nuuf in kadhata. 27 Waaqayyo inni waan yaada garaa namaa keessa jiru argu, yaada Afuuraas sababa beekuuf, Afuurri akka fedhii Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa'aniif ni kadhata. 28 Waaqayyoon warra jaallatan fi warra kaayyoo isaatiif waamamaniif waan gaarii akka isaaniif hojjetu ni beekna. 29 Ilmi isaa obboloottan hedduu keessaa hangafa akka ta'us, warri inni durumaan dursee beeku ture immoo bifaan akka ilma isaa fakkaatanis murteesseera. 30 Warra duruma dabarsee murteese, isaaniinis ni waame. Warra waame immoo qajeelota isaan godhe. Warra qajeelota godhe immoo ulfina isaani kenne. 31 Waa’ee waantota kanaa kanaafuu maal jenna? Waaqayyo yoo nu faana ta’e, eenyutu nu dura dhaabbata? 32 Waaqayyo inni ilma isaa otoo hin mararsiifatin hunduma keenyaaf jedhee dabarsee kennee, attamitti waan hunda ilma isaa wajjin tolaan nuuf hin kennuu? 33 Warra Waaqayyo filate, eenyutu yakka (himata)? Abbaan firdii (murtii) Waaqayyo dha! 34 Eenyudha inni yakkuu (himatu)? Kan du’e Kiristoos Yasuusidha. Kana irra darbees, kan du’aa kaasammee karaa harka mirgaa Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatuus, Yasuusidha. 35 Jaalala Kiristoss irraa gargar kan nu baasu eenyu? Gidiraa moo muddama,moo ari'atamuu (cunqurfamuu), moo beela, moo qullaa ta'uu, moo balaa, moo haaduu (saanjaa) dha? 36 Akkuma barreeffamee jirutti: "Siif jedhameetu, guyyaa guutuu ajjeefamna nu keessaa in ajjeefamu, akka hoolotaatti lakkaa’amne gorraafamna.” 37 Hunduma kana keessaa darbuudhaan garuu, karaa isa nu jaallatee isa mo’een ni caalla.. 38 Duutis, jireenyis, ergamtooni waaqa irraas, mootummoonnis, waantoonni jiranis, waantoonni dhufanis, humnoonnis, 39 Ol dheerumsis, gadi fageenyis, waantoonni uumamani jiran kan biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kiristoos Yasuus nuuf dhufe irraa gargar nubaasuu akka hin dandeenye amaneera.