1 Yaa obboloottankoo (isin warra seera beektan ittan dubbadha), namni tokko lubbuudhaan hanga jiraatutti seerichi akka isa bulchu (abboomu) hin beektanii? 2 Dubartiin heerumtee jirtu tokko, hamma abbaan warraa ishee lubbuudhaan jirutti, seeraan isatti hidhamtee jirti; abbaan warraa ishee yoo du'e garuu, isheen seera gaa’elaa sana irraa bilisa ni taati. 3 Kanaafuu egaa, abbaan warraa ishee lubbuudhaan bakka jirutti, dhiira biraa wajjin yoo jiraatte, sagaagaltuu (ejjituu) jedhamti. Yoo abbaan warraa ishee du'e garuu, isheen seericha irraa bilisa waan taatee jirtuuf, dhiira biraa waliin yoo jiraatte, sagaagaltuu (ejjituu) hin jedhamtu. 4 Kanaafuu, yaa obboloottankoo, isinis, karaa dhaqna Kiristoos, seerichaaf duutanii jirtu. Kunis kan ta’u, Waaqayyoof bu’aa akka buusnuuf, isinis isa du’aa kaasameetti makamuu waan qabdani fidha. 5 Yeroo nuti fooniif jiraachaa turre sana, seerichi fedhii foonii keenyaa cubbummaaf baay’isee kakaasuudhaan, qaamotni dhaqna keenyaa firii (bu’aa) du’aa akka horan hojjechaa ture. 6 Amma garuu seericha jalaa baanee jirra. Isa itti of hiineef duuneerra. Kanaafuu, barreeffama (seera) isa moofaa otoo hin taane, Afuura isa haaraa keessatti tajaajilla. 7 Egaa maal jenna? Mataa isaatti seerichi cubbuu dha? Tasa miti! Haa ta'u malee, otoo seerri hin jiraannee ani cubbuu hin beekun ture. Seerri, "Waan namaa hin hawwiin!" otoo jedhee hin turre ta'ee, hawwuun maal akka ta'e iyyuu hin beekun ture. 8 Cubbuun garuu abboommii seeraa sanatti fayyadamuudhaan, fedhii jiru hundaa na keessatti uume. Seerichaan ala immoo cubbuun dua’aadha. 9 Dur yeroo seerri hin jirre sana, ani jiraachaan ture; yeroo abboommichi dhufee ture sana garuu cubbuun deebiseetu jireenya argate.. 10 Ani immoo nan du'e. Abboommichi inni jireenya fiduu qabu ture, garagalee du’a natti fide. 11 Cubbuun abboommicha akka carraatti fayyadameetu na gane. Karuma abboommichaas na ajjeese. 12 Kanaafuu, seerichi mataa isaatii qulqulluu dha; abboommichis qulqulluu, qajeelaa fi gaarii dha. 13 Egaa waan gaarii turetu du'a natti fide jechaadhaa ree? Kun tasuma miti! Cubbuun, cubbuu ta'uun isaa akka mul’atuuf, karaa isa gaarii ture sanaa du'a natti fide; karaa abboommichaas, cubbuun cubbummaa gar-malee hammaataa ta’e fide. 14 Seerichi afuura akka ta'e ni beekna; ani garuu nama foonii waanan ta’eef cubbuu jalatti garbummaaf gurgurame. 15 Waanan hojjedhu dhugaa naaf hin galu. Waanan jaaladhu, hin hojjedhu; waanan jibbu immoo, nan hojjedha. waanan jibbun hojjedha malee, waanan jaalladhu hin hojjedhu. 16 Waanan hin jaalanne yoon hojjedha ta’e garuu, seerichi akka gaarii ta’e seericha waliin walii galeera jechuudha. 17 Ammaan booda garuu, waanan hin jaallanne kanas kan hojjetu ana otoo hin taane, cubbuu isa na keessa jiru dha. 18 Ana keessa, keessumattuu foon keessa, waan gaariin akka hin jirre nan beeka. Waan gaarii hojjechuuf fedhiin na keessa jira; ani garuu hojjechuu hin danda’u. 19 Waan gaarii isan jaalladhu hin hojjedhu; hammeenya isa hin jaalanne garuu nan hojjedha. 20 Waanan hin jaallanne amma yoon hojjedhu, kana booda kan hojjetu ana miti; cubbuu isa na keessa jiru dha malee. 21 Egaa yoo ani waan gaarii hojjechuu barbaadu, seerichi waan hamaa natti fida. 22 Seera Waaqayyootti keessakootti nan gammada. 23 Qaama koo isa foonii adda addaa keessatti garuu seera kan biraatu natti mul’ata. Seera isa haaraa yaadni koo fudhate waliin wal-lola. Seera cubbuu isa qaamota fooni koo keessa jiruufis na garboomsa. 24 Ani nama rakkataa dha! Foon isa kan du’aa ta’e kana jalaa eenyutu na baraara? 25 Karaa gooftaa keenyaa Yasuus Kiristoos galatni Waaqayyoof haa ta'u! Ammaan booda egaa, yaada kootiin seera Waaqayyootiif, foon kootiin immoo seera cubbuutiif ani mataan koo nan hojjedha.