1 Egaa maal jennaree? Ulfinni Waaqayyoo akka baay'atuuf cubbuu keessa jiraachuu itti fufuu qabnaa? 2 Kun tasuma ta'uu hin qabu! Nuti warri cubbuutiin duune, attamitti ammayyuu cubbuu keessa jiraanna? 3 Nutii warri Yasuus Kristoos faana tokko ta’uuf cuuphamne, du'a isaa faanas tokko ta’uuf akka cuuphamne hin beektanii? 4 Nuti haaluma cuuphamneen, isa waliinis du'nee awwaalamne. Kunis kan ta’e, akkuma Kristoos ulfina abbaa isaatiin warra du’an keessaa kaasame, nutis gara jireenya haaraatti ni deemna. 5 Akkuma isaa duunee, du'aan akkuma isa faana tokko taane, du’aa ka’uudhaanis, akkuma isaa du’aa kaannee isatti dabalamne. 6 Qaamni keenya inni cubbamaa ta’e sun akka barbadaa’uuf, namnichi inni dulloomes isa faana akka fannisame ni beekna. Kunis kan ta'e, akka nuti kana booda cubbuudhaan hin garboomneefidha. 7 Namichi inni du’e sun, cubbuu jalaa waan ba’eef, qajeelummaan isaa ni ibsama. 8 Kristoos wajjin yoo duune garuu, isa waliin taanee akka jiraannus ni amanna. 9 Kristoos erga du’aa keessaa kaasamee booda, deebi'ee akka hin duunee fi duutis kana booda isa irratti gooftummaa akka hin qabne ni beekna. 10 Cubbuudhaaf jedhee, du’a al-tokkoofi isa dhumaa du’e. Jireenya isa jiraatu, garuu Waaqayyoof jiraata. 11 Haaluma walfakkaatuun, isin mataan keessan kan hubachuu qabdani, kan duutani cubbuudhaaf akka ta’eef, garuu immoo karaa Yasuus Kiristoos Waaqayyoofis akka jiraattani dha. 12 Kanaafuu, cubbuun qaama keessan isa du’u sanaa akka hin abbomneef, fedhii qaama keessaniif hin abboomamiinaa.! 13 Meeshaalee jallinaaf oolan akka hin taaneef, qaamota keessan cubbuuf dabarsitanii hin kenniinaa. Garuu, akkuma warra du’aa gara jireenyaatti fidamanii, isinis Waaqayyoof of kennaa; meeshaalee qajeelummaaf oolan akka ta’aniif qaamota keessanis Waaqayyoof kennaa. 14 Cubbuun akka isin abboomu hin eeyyamiinaa. Isin kan jirtan seera jala otoo hin taane, ulfina jala waan ta’eedhaaf. 15 Egaa maali? Sababa seera jala otoo hin taane, ulfina jala waan taaneef, cubbuu hojjechuu qabna jechaadhaa? Kun tasuma hin ta'u. 16 Akka garbootaatti dabarsitanii yoo of laattani, isa abboomamtaniif sanaaf garba akka taatan hin beektanii? Garbummaan keessan yookiin isa gara du’aatti isin oofu cubbuudhaafi, yookiin immoo isa gara qajeelummaatti isin geessuf buluudha. 17 Waaqayyoof galatni haa ga’u malee, isin garboota cubbuu taatanii yoo turtan illee, amma garuu garaa guutuudhaan barsiisa ittiin bulmaataa isinii kennameef abboomamtaniittu. 18 Cubbuu jalaa bilisa baasamtanii, qajeelummaaf akka bultan (abboomamtan) godhamtanii jirtu. 19 Foon keessan dadhabaa waan ta’eef, akka namaattin dubbadha. Akkuma qaamota dhaqna keessanii garbbummaa xurii fi seeraan alummaaf, isa seeraan alummaa caalaatti fiduuf, dabarsitanii laachuudhaan garboomsitanii ture sana, amma immoo, qulqullummaatin jiraachuudhaaf, qajeelumaaf akka abboomaman godhaa. 20 Yeroo garboota cubbuu turtan sana, qajeelummaa irraa bilisa turtani. 21 Isa amma itti qaanoftan, hojiiiwwan keessan yeroo sanaa irraatii egaa bu’aa maal argattani? Bu’aan isaanii du’a dha! 22 Amma garuu cubbuu jalaa bilisa baasamuudhaan Waaqayyoof akka abboomamtan waan godhameef, bu'aan keessan qulqullummaa dha. Bu’aan kanaas, jireenya bara baraati!. 23 Mindaan (Kaffaltiin) cubbuu du'a dha; kennaan Waaqayyoo garuu, karaa gooftaa keenya Yasuus Kiristoos, jireenya bara baraa dha.