1 Kanaafis, nuti amantiidhaan qajeelota erga taanee, karaa gooftaa keenya Yasuus Kristoos, Waaqayyo biratti nagaa qabna. 2 Karuma isaatiis nuti ulfina (ayyaana) ittiin dhaabbannu karaa amantiitiin arganneerra; kabaja Waaqayyootiifis abdiidhaan guutamneerra. 3 Kana qofaa otoo hin ta’iin, gidiraa nutti dhufuttis ni gammanna. Gidiraan obsa akka fidu ni beekna. 4 Obsi qorumsa fida, qorumsa darbuun immoo abdii fida (namaa kenna). 5 Abdiin immoo nama hin qaanessu; sababni isaas, jaalalli Waaqayyo, karaa Afuura Qulqulluu nuuf kennameetiin, gara onnee keenya keessatti waan dhangalaasameefidha. 6 Yeroo nuti ammayyuu dadhabaa turree sanattis, yeroo sirrii ta’e sanatti Kiristoos warra Waaqayyotti hin amanneef jedhee du’e. 7 Nama gaarii ta’e tokkoof, namni du’uufii tarii jiraachuu ni mala malee, nama qajeelaa ta’eef garuu namni isaaf jedhee du’uu fedhu waan jiru hin fakkaatu. 8 Waaqayyo garuu, yerootti nuti ammayyuu cubbamtoota taanee jirruutti, jaalala mataasaa unuutiif qabu du’aatii Kristoosiin nuuf mirkaneesse.. 9 Baayee’etti dabalataanis, amma dhiiga isaatiin qajeelota waan taaneef, isaatiinis dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ni baraareffamna. 10 Yeroo diinota walitti taanee turre sanatti illee, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti araaramneerra, baayyee’etti dabalataanis erga araaramnee booda immoo jireenya isaatiin ni fayyina (du’a jalaa baana). 11 Kana qofaa otoo hin taane, karaa isa araara argannee, karaa gooftaa keenya Yasuus Kristoos, Waaqayyottis ni gammadna. 12 Kanaafuu egaa, cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe sana, duutis cubbuudhaan dhufe. Sababa namoonni hunduu cubbuu hojjetaniifis, duuti gara namoota hundumaatti tatamsa’e. 13 Erga seerichi jiraatee kaasee, cubbuun biyya lafaa irra jira ture; garuu, yeroo seerri hin turretti, cubbuun hin lakkaa'amu. 14 Haa ta'u malee, bara Addaam iraa jalqabee hanga bara Museetti, namoota warra akka Addaam seera cabsuudhaan cubbuu hin hojjenne dabalatee, hanga fakkeenyi Addaam dhufuuf jedhu sanatti duuti tureera.(Recheck). 15 Kennaan Waaqayyou kun garuu, akka balleessaa (seera cabsuu) sanaa miti. Sababa balleessaa (cubbuu) nama tokkootiin, namootni hedduun akkuma du'an, sababa nama tokkootiin, innis kennaa Waaqayyoo kan ta’e, Yasuus Kiristoosiitiin, namootni hedduunn ulfina Waaqayyoo argatan! 16 Kennaan kuni bu’aan isaa akka cubbuun nama tokkoo suni fide miti. Cubbuun nama tokkoo, badii nama hundaa irratti akkuma fide; balleessaa namoota baay'ee booda kennaan dhufe garuu qajeelummaa fide. 17 Namni tokko waan balleesseef, sababa nama tokkotiifis duuti dhufe; karaa nama tokkoo, Yasuus Kiristoos, immoo namootni hedduun uffinaa baay’ee fi kennaa qajeelummaa jireenya bara baraaf argatani! 18 Kanaafuu egaa, akkuma cubbuun nama tokkoo namoota hunduma irratti du’a fidetti, karaa hojii qajeelaa namni tokkoo hojjeteen immoo namoota hundumaaf qajeelummaa fi jireenyi argameera. 19 Akkuma cubbuu (balleessaa) nama tokkootiin, baay'een cubbamoota ta’anii ture sanaatti, sababa seeraaf abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baay'een qajeelota ni ta'u. 20 Bakka seerri jirutti garuu, cubbuun (balleessaan) ni baay’ate. Bakka cubbuun (balleessaan) baay’ateeti garuu, ulfinni Waaqayyoo caalmaatiin baay'ate. 21 Kunis kan ta'e, akkuma karaa du'aatiin cubbuun mo'e, karaa gooftaa keenyaa Yasuus Kristoos immoo qajeelummaadhaan ulfinaan jireenya bara baraa arganna.