4

1 Waa’ee, isa sanyii fooniin abbaa keenya ta’e, Abrahaam egaa maal argate jenna? 2 Abrahaam hojii gaarii (qulqulluu) kan hojjeeteeru otoo qabaatee,silaa sababa ittiin of jaju ni qabaata ture; Waaqayyoo duratti garuu hin qabu. 3 Kitaabni Qulqulluus wa’ee isaa maal jedha? "Abrahaam Waaqayyotti amane, kunis akka qajeellummaatti (qulqulluummaatti) isaaf lakkaa'ame". 4 Amma, mindaan isa hojjetuuf kaffalamu, gatii argachuun isaaf ta'utti lakkaa'ama malee, akka kennaa tolaatti hin lakkaa' amu. (Recheck) 5 Garuu, namni hin hojjenne, garuu immoo, Waaqayyo isa qajeelaa nama godhutti kan amanu yoo ta’e, amantiin isaa qajeelummaatti lakkaa'amaaf. 6 Akka Daawwiit dubbatettis , namni, inni hojii malee, Waaqayyoti amanu, qajeelummaan isaan kan eebbifame dha, 7 Innis akkas jedha, "Warri seeraan ala ta’uun isaanii isaaniif dhiifatameef; Warri cubbuun isaanii dhoksameef eebbifamtoota dha!” 8 “Namichi inni Gooftichi cubbuu isaa itti hin lakkoofne eebbifamaa dha! " 9 Egaa, ebbi kun himame warra dhaqna qabatan qofaafi immoo warra dhaqna hin qabanneefis dha? Nuti kan junnu, "Amantiin isaa Abrahaamiif akka qajeelummaatti (qulqullummaatti) lakkaa'ameefiira". 10 Attamitti lakkaa'ameef? Erga inni dhaqna qabatee booda moo isa dura? Booda miti; dura dha! 11 Abrahaam otoo dhaqna hin qabatin dura mallattoo dhaqna qabnummaa kan ta’e abdii qajeellummaa (qulqullumma) amantii isaatiin argatee. Kaayyoon kanaas, warra otoo dhaqna hin qabatin amanan hundumaaf qajeelummaan akka lakkaa'amuuf isa abbaa isaanii gochuudhaaf.. 12 Inni abbummaan isaa, warra dhaqna qabatanii fi qhaqna qabachuu qofaa otoo hin taane, dhaqna qabataniis, akkuma abbaa keenya Abrahaamittis otoo dhaqna hin qabatiin duras akka amananiif. 13 Sababni Abrahaamii fi sanyiin isaaa addunyaa biyya lafaa akka dhaalaniif abdiin isaaniif kenname kara seeraa otoo hin taane, karaa qulqullummaa (qajeelummaa) amantii tiinii. 14 Kunis kan ta’e, yoo dhaalumman warra seera kabajaniif kenname, ‘amantiin gatii dhaba; abdiin kennames homaa hin godhu jechaa dha’ waan ta’eefi. 15 Seerri dheekkamsa fida; bakka seerri hin jirre, garuu, seera cabsuun hin jiru. 16 Sababa kanaafis, abdiin sun ulfinaan dhugoomee (kabaja argatee) sanyii Abrahaamiif, warra seeraaf bulan qofaa otoo hin taane warra amantii Abrahaam qooddataniifis, kan kennamu amantiidhaani. Inni, abbaa hunduma keenyaati; 17 Akkuma barreeffamee jiruttis, "Biyyoota baaye’ef Abbaa akka taatu, ani si filadheera.” Abrahaamis, Waaqayyo, isa du'aatti lubbuu uumu; isa waantota hin jirres uumee jiraachisu, ta’eef amanamaa dha. 18 “Sanyiin kees ni baay’ata;” atis namoota biyyoota hedduuf abbaa isaanii taata jedhamee isa itti himame Abrahaam waan amaneef, waan abdii hin qabnetti abdate. 19 Amantii isaatti otoo hin laafiin, Abrahaam qaamni isa akka dulloome (umuriin isaa waggaa dhibba tokko waan ta’eef) fi gadameessi Saaraas dullumarraa kan ka’e akka da’uu hin dandeenye heduu (yaaduu) jalqabe. 20 Garuu sababa Waaqayyo isa abdachiseef, Abrahaam amantii isaatti hin mamne (shakkine). Kanarras darbee, amantii isaa cimsate; Waaqayyootiifis galata (ulfina) kenne. 21 Waaqayyo waan isa abdachiise gochuu akka danda’us garaa guutuudhaan amane. 22 Kanaafuu, kunis "akka qajeelummaati (qulqullummaatti) isaaf lakkaa'ame". 23 Jechi "Isaaf lakkaa'ame" jedhu, garuu, Abrahaam duwwaadhaaf kan barreeffame miti. 24 Waaqayyo, isa gooftaa keenya Iyasuus Kiristoos du’aa kaasetti warra amannuufis akka nuuf lakkaa’amu barreeffameera. 25 Kunis isa balleessaa keenyaaf du’aaf babarffame laatamee fi isa nu qulqulleessuuf immoo du’aa kaasameefi dha.