3

1 “Egaa Yihudiin faayidaa addaa maalii qaba? Akkasumas, bu'aan dhaqna-qabaa maali dha?” 2 “Karaa kamiinuu, bu'aa guddaa qaba. Hunda dursee, abdiin Waaqayyoo Yihudootatti kennamuu isaati.” 3 “Yihudoota keessaa kan hin amanne muraasni waan jiraataniif, Waaqayyo amantummaa isaanii maaliif hambisaa?” 4 “Kun tasuma hin ta’u. Namni inni kam iyyuu sobduu yoo ta'e illee, Waaqayyo dhugaa dha. Akkuma barreeffamee jiruttis: "Ati yoo dhugaa dubbatta ta’e,, guyyaa murtiin (firdiin) kennamus dhugaa ni argatta. 5 “Garuu, yoo sobni kee dhugaa Waaqayyoo argisiise, nuti maal jechu dandeenya? Waaqayyo waan nutti dheekamuu barbaadef nu soba jechuu dandeenyaa? (Falmii namaa fayyadamuu kooti.) 6 “Kun tasuma hin ta’u!! Otoo akkas ta’e, Waaqayyo akkam godheetu biyya lafaatti murii kenna?” 7 “Garuu, sobni koo dhugaan Waaqayyoo ol-guddisee kan mul’isu yoo ta’e, maaliif anihamma ammatti iyuu akkan cubbamaa ta’eetti fudhatama?” 8 Isaan “Koottaa cubbuu hojjenna, akka waan gaariin nu dhufuuf” jedhu nuun jedhanii akkuma maqaa nuballeessan; namoonni muraasnis akkuma jedhaa nuun jedhan sana, maaliif hin jennu? Nu yakkuun isaanii sirriidhuma. 9 Maal haata’u, egaa? Nuti balleessa hin qabnu jennaa (Nuti cubbamtoota miti jennaa)? Tasuma hin jennu! Dura dabarsinee, warri Yihudootaas, warri Griiktotaas, hundumti isaanii iyyuu cubbamtoota jennee isaan himachaa waan turreerreef. 10 Akkas jedhamee, akkuma barreeffame: "Namni qajeelaan (qulqulluu ta’e) hin jiru, tokko illee hin!.” 11 “Namni isaafi galu tooko iyyuu hin jiru;, namni Waaqayyoon barbaadus tokko illee hin jiru.;” 12 “Hundi isaanii iyyuu, Waaqayyo irraa achi garagalaniiru; hunduu waluma faana, warra gatii hin qabne ta'aniiru; namni gaarii hojjetu hin jiru, nami tokko illee!,” 13 “Qoonqoon isaanii, boolla awwaalchaa afaan banee jiru dha; arrabni isaanii sobduu dha; hidhii isaanii jala, summii bofaatu jira.” 14 “Afaan isaanii abaarsaa fi dubbii hadhaa'aadhaan guutuu dha;” 15 “miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifataadha,” 16 “karaa isaan irra darban irra diiguu fi gadadchuutu jira;” 17 “isaan karaa, nagaa immoo hin beekan;” 18 “Waaqayyoon sodaachuun yaada isaanii keessa hin jiru" jedha.” 19 “Ammas seerri waanuma jedhu, warra seera jala jiranitti akka dubbatu nuyi in beekna; kanas nama hundumaa afaan qabachiisuudhaaf, guutummaa biyya lafaas firdii Waaqayyoo jala galchuudhaaf in dubbata.” 20 “Egaa nama kan ta'e tokko illee wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti qajeelaa hin ta'u. Seerri cubbuun maal akka ta'e nama hubachiisa.” 21 “Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta'in karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru.” 22 “Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaa garummaan hin jiru.” 23 “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.” 24 “Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u.” 25 “Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf.” 26 “Bara sanaattis Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta'uu isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mul'iseera.” 27 “Egaa, of jajuun eessa jira? Inni hafeera. Seera isa attamiitiin? Hojii keenyaanii? Karaa seera amantii malee, karaan biraa hin ta’u.” 28 “Egaa, namni qajeelaa kan ta’u amantiidhaani malee hojiwwan seeraatiin akka hin taane ni himna.” 29 “Yookiin immoo, Waaqayyo, Waaqayyoo warra Yihudootaa duwwaa dha? Inni warra Waaqayyoon hin amanneefis Waaqayyo mitii? Eyyee, inni warra Waaqayyoon hin amanneefisi.” 30 “Inni dhugumatti Waaqayyo tokkicha yoo ta'ee, isa dhaqna qabate amantidhaan, isa dhaqna hin qabanne immoo amantiidhaaf qajeelcha.” 31 “Egaa, amantii kanaatiin seericha gatii dhabsiisna jechaa dha? Tasuma miti! Jabeessineetu dhaabna malee.”