1 Kanaafis, ati yaa isa nama biraatti faradduu, waan itti qabattu hin qabdu! Ati inni namatti faraddu, isuma namichi sun hojjete waan hojjettuuf, firdii isatti faraddeen ofitti in faradda. 2 Nuyi garuu firdiin Waaqayyoo inni warra waan akkasii hojjetan irratti dhufu qajeelaa akka ta’e in beekna. 3 Ati yaa namana! Warra waan akkasii hojjetanitti faradda, ofii keetii immoo isuma sana yommuu gootu, firdii Waaqayyoo jalaa baqattee kan baatu sitti fakkaataa? 4 Yookiis baay’ina gaarummaa isaa, obs isaa, siif danda’uu isaa salphaatti ilaaltaa ree? Gaarummaan Waaqayyoo gara geddarannaa yaada garaatti akka si geessu hin hubattuu ree? 5 Mata-jabina keetii fi yaada garaa keetii geeddarachuu diduu keetiin garuu, guyyaa firdiin Waqayyoo inni qajeelaan itti mul’atuuf dheekkamsa of irratti walitti in qabda; 6 Waqayyo nama hundumaafuu adda addaan akkuma hojii isaatti gatii in kennaaf. 7 Inni warra obsaan waan gaarii hojechaa, guddina, ulfina hin darbine, jireenya hin badness Waqayyo biraa argachuu barbaadaniif jireenya bara baraa in kennaf. 8 Namoota warra ofittoo warra dhugaadhaaf abboomamuu didanii, seera Waqayyoo malee jiraachuudhaaf abbomamanitti garuu in dheekama, isaan in ifatas. 9 Dhiphinnii fi gidiraan lubbuu nama hamaa godhu hundumaatti in dhufa; kunis duraan dursee nama Yihudii irratti akkasumas nama Yihudii hin ta’in irratti in dhufa. 10 Guddinni, ulfinni, nagaanis nama waan gaarii hojjetu hundumaaf in kennama; kunis duraan dursee nama Yihudaatiif akkasumas nama Yihudii hin ta’iiniif in kennama. 11 Waaqayyo nama wal hin caalchisu. 12 Warri seera utuu hin qabaatiin yakkan hundinuu, seerichi utuu hin ilaalamin in dhumu; warri seera qabaatanii yakkan hundinuu seerichaan isaanitti in faradama. 13 Warri seera dhaga’aan Waaqayyo duratti qajeeltota hin ta’an, waan seerichi abboomu warri godhan garuu qajeelota in ta’u. 14 “Yihudoota kan hin ta'in warri seericha hin qabne, uumama isaaniitiin waan seerichi isaan irraa barbaadu yeroo hojjetan, yoo seericha hin qaban ta'e iyyuu isaan ofuma isaanii keessaa seera qabu.” 15 “Isaan, hojiin seerichi abboomu garaa isaanii keessatti akka caafamee jiru in argisiisu; dhageettiin garaa isaanii akkasumas yaadni garaa garaa takka takka isaan hadheessan, takka takka immoo isaaniif falman, waa'ee kanaaf dhugaa ba'uu isaanii ti.” 16 “Akka wangeela ani barsiisuutti, guyyaa Waaqayyo harka Yesus Kristosiin dhoksaa namootaa bakkee baasee faradutti, wanti kun in beekama.” 17 “Ati garuu "Ani Yihudii dha ofiin jetta, seerri anaaf jira jettee in amanatta, "Waaqayyo dhuunfaa kooti" jettee of in jajja.” 18 “Jaalala Waaqayyoo beekta; seerichaan barsiifamtee, isa ta'uu fi isa hin taane gargar baaftee in himta.” 19 “Jaamotaaf karaa argisiisaa, warra dukkana keessa jiraniif ibsaa akka taate of amanatta.” 20 “Seericha keessattis beekumsaa fi dhugaa isa bifa macaafaatti qophaa'e waan argatteef, gowwoota in gorsita, wallaalotas in barsiifta.” 21 “Yoo akkas ta'e immoo, ati warra kan biraa kan barsiiftu, ofii kee immoo hin barsiiftuu? "Hin hatin!" jettee utuma lallabduu, ofii keetii immoo in hatta mitii?” 22 “"Hin ejjin!" in jetta, ati immoo in ejjita mitii? Ati waaqayyolii tolfaman in ciiggaata, galma isaanii immoo in saammatta mitii?” 23 “Seera Waaqayyoo qabaachuu keetiin of in jajja, seericha cabsuu keetiin immoo maqaa Waaqayyoo in salphifta mitii?” 24 “Akkuma caafamee jiru, "Sababii keessaniif maqaan Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo hin ta'in gidduutti in arrabsama" in jedha.” 25 “Waan seerichi abboomu hundumaa yoo goote, dhagna-qabaan siif waa'ee in baasa; seericha irra yoo daddarbite garuu, dhagna qabachuun kee akka waan dhagna hin qabatin hafteetti in lakkaa'ama.” 26 “Namni dhagna hin qabatin immoo waan seerichi gaafatu yoo eege, dhagna hin qabatin hafuun isaa akka dhagna qabaatti hin lakkaa'amuufii ree?” 27 Egaa namni akka uumametti utuu dhagna hin qabatin hafee waan seerichi abboomu raawwatu, sitti in farada, ati seericha caafame utuu qabduu, utuma dhagna qabattuus seericha irra in daddarbita.” 28 “Namni bifa isa bakkeetti mul'atuun Yihudii waan ta'eef, Yihudii dhugaa hin ta'u; dhagna-qabaan fooniis dhagna-qabaa dhugaa hin ta'u.” 29 “Namni keessa namummaa isaatii isa bakkeetti hin mul'anneen Yihudii ta'e garuu,Yihudii dhugaa dha; dhagna-qabaan yaada garaa namaas dhagna-qabaa isa dhugaa dha; kunis hojii hafuura Waaqayyoo ti malee, hojii seericha isa caafamee miti. Namni akkasii kun Waaqayyo biratti malee, namoota biratti hin jajamu.”