9

1 Sana boodas, ergamaan inni shanaffaa xurumbaa isaa afuufe. Urjii waaqa keessaa lafatti kufe tokkos nan arge. Saaqxuun ujjumboo qilee boollaa keessa ittiin bu’aniis urjichaaf kenname. 2 Urjichis ujjumboo qilee boollaa keessa ittiin bu’anii sana bane; aarri inni aara warshaa guddaa keessaa ba’u fakkaatus boollicha keessaa ol ba'ee aare. Biiftuu fi qilleensis aarichaatiin ni dukkanaa'ani. 3 Hawwaannisnis aaricha keessaa lafa irraatti ba'e; isaanis, humna (aangoo) akka humna ginxootaa (scorpions) ta’e lafa irratti akka qabaataniif isaaniif kennamee. 4 Isaanis namoota warra chaapaa Waaqayyoo adda isaanii irratti hin qabne malee, marga lafa irra jiru, biqiltuu magariisa yookiinis immoo muka kam iyyuu miidhuu akka hin qabne isaanitti himame. 5 Namoota sanas ji’a shaniif akka gidiraa argisiisaniif malee, ajjeesuun isaaniif hin eeyyamamne. Dhiphinni (Miidhaan) isaan irraa ga’us akka ginxiin yeroo nama iddeetti isaanitti dhaga’ama. 6 Guyyaawwan sanattis namoonni otoo du'anii barbaadu; du’a garuu hin argatani. Du’uuf baay’ee fedhu; duuni garuu isaan irraa baqata. 7 Hawwannistoonni sunis fardeen lolaaf (waraanaaf) qopha’an fakkaatu. Waanti gonfoo warqee fakkaatu mataa isaanii irraa qabu; fuulli isaanii immoo fuula namaa fakkaata. 8 Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata; ilkaan isaanii immoo akka ilkaan leencaa ti. 9 Laphee isaanii irratti waan akka diraa sibiilaa jabaatu diratanii qabu; huursaan baallee isaaniis akka huursaa gaarii fardeeniin harkifamanii waraanatti didichaa jiranii ti. 10 Eegeewwan akka ginxootaa nama iddan qabu; eegeewwan isaaniis humna ji'a shaniif nama miidhu qabu. 11 Isaan mootii ofii isaaniis qabu; innis ergamaa boolla qilee sanaati. Maqaan isaas afaan Yihudootaattiin “Abadoon”, afaan Giriikiitiin immoo “Apxoliyoon” jedhama. 12 Wayyoon inni duraa darbeera. Hubadhaa! Kana booddees, wayyoon lama amma iyyuu ni dhufa. 13 Ergamaan inni ja'affaan xurumbaa isaa afuufe; anis sagalee gaanfaa kan bakka aarsaa isa warqee irraa hojjetamee fuul dura Waaqayyoo taa’ee jiru biraatii dhufaa jiru nan dhaga’e; 14 Ergamaa isa ja'affaa xurumbaa baatee jiru sanaatiin, “Ergamoota arfan warra Laga Efiraaxes isa guddichatti hidhamanii jiran hiiki!” jedhe. 15 Ergamoonni arfan warri sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko ajjeesuudhaaf sa'aatii sanaaf, guyyaa sanaaf, ji'a sanaaf, akkasumas waggaa sanaaf qopheeffamanii turanis ni hiikamani.. 16 Lakkoofni loltoota farda yaabbatanii 200,000,000 akka ture ani dhaga’eera. 17 Akkaataan ani fardeen sanaa fi warra isaan yaabbatanii jiran sanas arges, akkasi: Biftiwwan dirannaa namoonni suni laphee isaaii irratti diratanii turani diimaa, bifa waaqaa fi bifa keelloo ti. Mataan fardeen isaanii immoo mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibiddi, aarri fi ibidda qabsiistuun (dhagaan ibiddaa) ni ba’u ture. 18 Sababa dhaicha sadan kanaa, isaanis ibidda, aara fi ibidda qabsiistuu warra afaan fardeenii sana keessaa ba’anii, irraa kan ka’e namoota harka sadii keessaa harka tokkotu ajjeeffame. 19 Humni fardeen sanaas kan jiru afaani fi eegee isaanii keessa dha; eegeen isaanii bofa fakkaata; mataas ni qabu; isaaniitiinis namoota madeessu. 20 Namoonni dha'icha kanneeniin otoo hin ajjeefamin hafan garuu hojii iaaniitti hin gaabbine ture; hojiiwwan harki isaanii hojjetetti gaabbuudhaan irraa hin deebine; afuura hamaa fi waaqayyolii warqee, meetii, sibiila diimaa, dhagaa fi muka irraa hojjetamanii fi arguus, dhaga'uus, deemuus (socho’uus) hin dandeenyeef sagaduus hin dhiifne. 21 Isaan lubbuu baasuu (ajjeesuu), namatti moruu, sagaagaluu, fi hanna isaanitti gaabbaniis irraa hin deebine.