1 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa toorbaffaa banee ture immoo, waaqaa keessatti cal jedhamsi (silence) naannoo sa’aatti walakkaatiif ture. 2 Sana booddees, ergamoota toorban warra fuul dura Waaqayyoo dhaabbachaa jiraniif faaggaawwan (xurumboota) toorba yeroo isaaniif kennamu nan arge. 3 Ergamaan kan biraan kan qodaa ixaana itti aarsan isa warqee irraa hojjetame baatee dhufeetu bakka aarsaa Waaqayyoo dhaabbachaa ture. Fuul dura barcumichaa kan jiru, iddoo aarsaa ixaana Waaqayyoo, isa warqee irraa hojjetamee jiru, sana irratti ixaana kaa’ee akka uummanni Waaqayyoof qulqullaa'an hundumtuu kadhataniif, ixaanni baay'ee hedduu ta’e ergamichatti kenname. 4 Aarri ixaanichaas, kadhannaa warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin ta’ee, harka ergamaa sanaa irraa ka’uudhaan gara fuul dura Waaqayyootti ol ka'e. 5 Ergamichis qodaa ixaana itti aarsan sana fuudhuudhaan ibidda iddoo aarsaa sanaa jiru itti guute. Sana boodas, ibiddicha lafatti gadi darbate; yeroo inni lafatti kufes, ni qaqawweesse, ni guggummeesse, bakakkaan ni balaqqeesse, laftis socho'ee ture. 6 Ergamoonni toorban, warri xurumboota toorba of harkaa qabani, faaggaawwan sana afuufuudhaaf ni qophaa'ani. 7 Ergamaan inni duraas xurumbaa isaa afuufe; cabbii fi ibiddi kan dhiigaan walmake ni mul’ate. Lafa irrattis gadi darbatame; kana irraa kan ka’eenis; tokko tokkoo lafaa, mukaa fi marga jiidhaa irraa, harka sadii keessaa harki tokkoon isaanii ni gubate. 8 Ergamaan inni lammaffaas xurumbaa isaa afuufe; waanti tulluu guddaa fakkaatu tokko ibiddaan gubachaa galaana keessatti darbatame. Harka sadii keessaas harki tokkoo galaanichaa dhiiga ta'e; 9 Harka sadii keessaas harki tokkoo uumamtoota lubbuu qaban warri galaanicha keessa jiraatanis ni du'ani; markaboonnis, harka sadii keessaa harki tokko ni barbadaa’ani. 10 Ergamaan inni sadaffaanis xurumbaa isaa afuufe; urjjii guddaan tokko akka gucaa boba'aa samii keessaa, harka sadii keessa harki tokkoo lagoota fi harka sadii keessa harki tokkoo burqqawwan bishaanii irratti kufe. 11 Maqaan urjii sanaas Hadhooftuu jedhama. Harka sadii keessa harki tokkoo bishaanota sanaas hadhooftuu ta’ani; hadhaa’ummaa bishaanota kanaa irraa kan ka’eenis, namoota baay’eetu du’e. 12 Ergamaan inni afuraffaas xurumbaa isaa afuufe; harka sadii keessaa harki tokkoo biiftuu, harka sadii keessaa harki tokkoo ji'aa, akkasumas, harka sadii keessaa harki tokkoo urjiiwwaniis ni rukutame; kana irraa kan ka’eenis, harka sadii keessaa harki tokkoon isaanii dukkana ta’e; harka sadii keessaa harki tokkoo guyyaa fi harka sadii keessaa harki tokkoo halkaniis ifa hin qabani ture. 13 Joobira bantii mataa koo irraan samii keessa balali'u tokkon arge; innis sagalee isaa ol fudhatee, “Ergamoonni sadan faaggaawwan warra hafan yeroo afuufan sagalee dhowuuf jedhuuf, isin warra lafa irra jiraattaniif wayyoo, wayyoo, wayyoo!” jechaa iyyuu isaas nan dhaga'e.