7

1 Kana booda immoo, ergamoonni afur golee (corners) lafaa arfan irra dhaabbachuudhaan, akka qilleensi lafattis, galaanattis, mukattis hin qilleensineef jedhanii, qilleensota golee arfanii jabeessanii ittisuu isaanii ani argeera. 2 Ergamaan kan biraan immoo chaapaa (seal) Waaqayyoo isa jiraataa of harkatti qabatee karaa ba’a biiftuu irraa yeroo inni dhufaa jiru nan arge. Ergamichis, ergamoota arfan warra lafaa fi galaana miidhuuf eeyyamni kennameefii turan sanaatiin, sagalee isaa ol fudhatee akkas jedhee isaanitti iyye: 3 “Hanga nuti adda hojjetoota Waaqayyo keenyaa irratti chaapaa goonutti lafas, galaanas, yookiin immoo mukas hin miidhinaa.” 4 Lakkoofsa warra chaapaan godhameefi dhaga'eera; gosa ijoollee Israa'el hunduma keessaa 144,000 chaapaan godhameefiira . 5 Gosa Yihudaa keessaa, nama kuma kudha lamaaf chaapaan godhameera; gosa Ruuben keessaas, nama kuma kudha lamaaf chaapaan godhameera; akkasumas, gosa Gaad keessaas, nama kuma kudha lamaaf chaapaan godhameera; 6 Gosa Asheer keessaa kumni kudha lama, gosa Niftaalem keessaa kumni kudha lama, gosa Minaasee keessaa kumni kudha lama; 7 Gosa Simi’oon keessaa kumni kudha lama, gosa Lewwii keessaa kumni kudha lama, gosa Yisaakor keessaa kumni kudha lama; 8 Gosa Zebuloon keessaa kumni kudha lama, gosa Yoseef keessaa kumni kudha lama, gosa Beniyaamin keessaa kumni kudha lama mallattoon chaapaa godhameefiira. 9 Waantota kanneen eergan ilaalee booda, kan namni kam iyyuu lakkaa’uu hin dandeenye, namoonni baay'ee hedduu ta’an biyya, gosa, uummata fi afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan fuul dura barcumichaa fi fuul dura Hoolichaa dhaabbachaa jiran argeera. Isaanis, uffata adii uffatanii, dameewwan muka meexxiis harkatti qabatanii ture; 10 Sagalee isaanii ol fuudhachuudhhanis, “Fayyinni Waaqayyo keenya isa barcumicha irra taa'ee jiru biraa, Hoolicha biraas ni argama!” jechaa iyyaa turani. 11 Ergamoonni barcumichatti, manguddootatti akkasumas uumamatoota lubbuu qaban arfanitti naanna'anii dhaabbachaa turani hundumtuu barcumicha fuul duratti adda isaaniitiin gombifamanii. Waaqayyoofis sagadani; 12 Akkasis jechaa: “Ameen! Hooqubaan, guddinni, ogummaan, galanni, ulfinni, humni, aangoonis bara baraatiif Waaqayyo keenyaaf haa ta'u! Ameen!” 13 Kana booddees, manguddoota keessaa inni tokko, “Warri uffata adii uffatanii jiran kun eenyu dha; eessaatiis dhufani?” jedhee na gaafate. 14 Anis, “Yaa gooftaa ko, situ beeka!" ittiin nan jedhe. Innis, “Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba'anii dhufanii dha. Uffata isaaniis kan addeeffatani dhiiga Hoolichaatiin miiccataniitu dha” 15 “Barcuma Waaqayyoo fuul duratti kan isaan argamanis sababa kanaafi dha; Waaqayyootiinis halkanii fi guyyaa mana sagadaa isaa keessatti isaaf sagadu. Inni barcuma irra taa'ee jirus, godoo (tent) isaa isaan irratti ni diriirsa.” 16 “Isaanis, lammaffaa hin beela'ani; lammaffaas hin dheebotani. Aduus ta’e, waanti nama gubu kan biraas, isaan hin gubu.” 17 “Hoolichi inni walakkaa barcumichaa jirus isaaniin ni tiksa; gara burqaa bishaan jireenyattis isaaniin ni geessa; Waaqayyoos imimmaan isaanii kam iyyuu ija isaanii irraa ni haqa” naatiin jedhe.