6

1 Yeroo Hoolichi chaapaan saamsaman warra toorbaa keessaa isa tokko saaqee turetti, uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni tokko sagalee akka qaqawweetiin, “Koottu!” yeroo inni jedhu ilaalaan ture. 2 Farda adii tokkos nan arge. Inni fardicha yaabbatee jiru iddaa harkatti qabatee ture; gonfoon immoo isaaf kenname. Inni mo'aa dha; ammas mo'uudhaaf ba'ee dhufe. 3 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsaame isa lammaffaa saaqee turetti, uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni lammaffaa “Koottu!” yeroo inni jedhu nan dhaga’e. 4 Sana boodas, fardi biraa inni akka ibiddaa diimatu tokko gadi ba'e. Isa fardicha yaabbatee jiruufis nagaa biyya lafaa irraa akka inni balleessuu fi namoonnis akka wal gorra'an eeyyamni kennameefii ture. Isa fara yaabbatee jiruu kanaaf haaduun baay’ee guddaa ta’es isaaf kenname. 5 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa sadaffaa saaqee turetti uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni sadaffaa “Koottu!” yeroo inni jedhu nan dhaga’e. Anis farda gurraacha tokkoo fi inni fardicha yaabbatee jiru immoo madaalii harka isaatti qabate argeen ture. 6 Sagalee, uumamtoota lubbuu qaban arfan gidduudhaa inni tokko kan dubbate kan fakkaatu, “Qamadii safartuu xinnoo tokko, gatii dadhabbii guyyaa tokkoo, garbuu safartuu xinnoo sadiis gatii dadhabbii guyyaa tokkoo godhi. Zaytichaa fi waynicha garuu hin miidhin” jedhu dhaga'een ture.. 7 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa afuraffaa saaqee turetti uumamtoota lubbuu qaban arfan keessaa inni afuraffaa, "Kottu!" jechuu isaa nan dhaga'e. 8 Itti aanees, farda daalacha (pale) tokko nan arge. Maqaan isa fardicha yaabbatee jiru immoo Du’a jedhama; Si’ool (mana mootummaa warra bara baraaf du’anii) duuba isaa jira ture. Isaanis, nuusa (ruubii) biyya lafaa kana haaduudhaan, beelaa fi dhukubaan, yookiin immoo bineensota caakkaatiin akka ajjeesaniif aangoon isaaniif kennamee ture. 9 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa shanaffa saaqee turetti, ani immoo lubbuuwwan warra sagalee Waaqayyoof jedhanii, akkasumas sababa waanta dhugaa ba'aan eeganii turaniif jedhamamee qalamanii turan bakka sagadaa jalatti nan arge. 10 Isaanis, sagalee isaanii ol guddisuudhaan, “Ati Inni Mo’aa, Qulqulluu fi Dhugaa taate! Warra biyya lafaa irra jiraatan irratti akka firdii kee laattee gumaa dhiiga keenyaa unuuf baastuuf, hanga yoomiitti tura?” jedhanii iyyaa turani. 11 Itti aanees, uffatni adiin tokko tokkoo isaaniif kenname; hanga hojjetoonni akka isaani fi obbolootni isaanii, warri akkuma isaanii ajjeesamuuf jedhani, hundumtuu ajjeesamanii dhumaniitti yeroo muraasaaf akka eeganis isaanitti himamee ture. 12 Yeroo Hoolichi isa chaapaan saamsame isa ja’affaa saaqee turetti, socho’a lafaa guddaa ta'e ilaaleen ture. Biiftuunis akka uffata gaddaatti gurraacha taate; ji'in isheen guutuu taatee baate immoo akka dhiigaatti diimattee turtte. 13 Akkuma qilleensi cimaa ta’e muka harbuu yeroo raasu sanyii isaa isa hin bilchaanne harcaasuutti, urjoonnis waaqa keessaa lafatti gadi harca'anii ture. 14 Waaqnis (samiinis) akka waraqaa walitti maramee jiruutti ni bade (bakka jiruu bade). Tokko tokkon tulluu fi lafi bishaan keessaa bakka jirani irraa butamanii ture. 15 Sana booddees, mootonni biyya lafaas, namoonni beekamoo ta’anis, ajajjoonni waraanaas, namoonni sooreyyiinis, humna qabeeyyonnis fi warri hafanis, inni garbichaa ta’es, inni bilsa ta’es hundumtuu boolla keessa fi kattaa tulluu gidduu jiru keessa dhokatanii ture. 16 Tulluuwwanii fi kattaawwan sanaatiinis akkas jedhani: “Nu irratti jigaa! Fuula isa barcuma irra taa'ee jiru duraatiis, dheekkamsa Hoolicha jalaatiis nu dhoksaa!” 17 “Guyyaa cimaan dheekkamsa isaanii dhufeera. Egaa eenyutu danda’ee dura dhaabbata?” jedhani.