1 Sana booddees, waraqaa, kan kessaa fi duubaan iratti barreeffamee fi chaapaa toorbaan saamsamee, walitti marame tokkon harka mirgaa isa barcuma irra taa'ee jiru sana keessatti nan arge. 2 Ergamaa cimaan tokko sagalee isaa ol guddisee, “Waraqaa maramee jiruu kana banuu fi saamsaa isaas kutee saaquudhaaf namni isaaf malu eenyu dha?” Mallattoo macaafichi ittiin cufame irraa kutee macaaficha banuudhaaf kan male eenyu?" jedhee yeroo inni labsu nan arge. 3 Kan waaqa keessaa, lafa irraa, yookiin immoo lafa jala jiraatu tokko illee waraqaa maramee jiru kana banuu yookiin dubbisuu hin dandeenye ture. 4 Sababa namni waraqaa maramee jiru kana banuu yookiin dubbisuu danda’u dhibe irraa kan ka’e, ani baay’een boo’e. 5 Maanguddoota sana keessaa inni tokko garuu, “Hin boo'in! Kunoo ilaali! Leencichi inni gosa Yihudaa, inni Hidda Daawwit ta’e mo'eera. Inni isa marame banuu fi saamsaa isaas saaquu ni danda’a,” naan jedhe. 6 Bakka barcumichaatti, uumamatoota lubbuu qaban arfanii fi manguddoota gidduutti Hoola dhaabbatee jiru tokkon nan arge. Hoolichis waan qalame fakkaata. Hoolichi gaanfa toorbaa fi ija toorba qaba ture; kunneenis, afuurota Waaqayyoo toorban guutummaa biyya lafaatti ergamanii turani dha. 7 Hoolichi isa barcuma irra taa’ee jiru bira deemuudhaan harka mirgaa isaa keessaa waraqaa maramee jiru sana fudhate, 8 Yeroo inni waraqaa maramee jiru fudhatee turettis, uumamttoonni lubbuu qaban arfan fi manguddootni digdamii arfan sun Hoolicha fuul duratti kufani. Tokko tokkoon isaaniis, kadhata saba Waaqayyoof qulqullaa'aniif warra fayyadan baganaa (harp) fi meeshaa ixaana itti aarsan, isa warqee irraa hojjetamee, ixaanaan guutanii harkkatti qabatanii ture. 9 Isaanis faarfannaa haaraa faarfatani: “Ati isa maramee jiru fudhachuun siif mala; Saamsaa isaas hikuun siif mala. Ati gora’amtetta; dhiiga keetiinis, saba Waaqayyoo bitatteetta. Gosa, afaan, ummataa fi biyya hunda irraa bitatteetta.” 10 “Waaqayyoo keenyaa akka tajaajilaniifs mootummaas, lubootas isaan goote; Isaanis biyya lafaa bituuf aangoo ni qabu,” jechuudhaanis ni faarfatani . 11 Kana booddees, ergamoota baay'ee barcumichaatti, uumamtoota lubbuu qabanittii fi, manguddoota sanattis naanna'an nan arge; sagalee isaanis dhaga’een ture. Baay’inni lakkoofsa isaaniis kumaatama kudhanii, kumaatama kudhanii fi kumaatama kumaatamaa ture. 12 Sagalee ol guddaa tiinis akkas jedhanii ture: “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf isa isaaf malu dha.” 13 Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, fi galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, “Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!” jechuu isaanii, nan dhaga'e. 14 Uumamtoonni lubbuu qaban arfanis, “Ameen!” jedhani; manguddoonnis lafatti kufudhaan sagadani.