4

1 Waantota kana booddees, nan ilaale; waaqa keessatti balbala banamaa tokkos nan arge. Sagaleen inni ani duraan dhaga’ee ture suni, akka sagalee faaggaatti (trumpet) dubbachaa, “As ol koottu; waantoota kana booda, waanta raawwachuu qabu ani nan sitti argisiisa,” naan jedhe. 2 Battaluma sanatti, ani Afuura Qulqulluutiin nan guutame; achumaanis, barcuma waaqa keessa kaa'amee jiru tokko irra nama taa'ee jiru tokko nan arge. 3 Inni barcuma sana irra taa'ee jiru sunis albuudota jaasper (jasper) fi karneeliyaan (carnelian) jedhaman fakkaata. [Albuudonni kuni garmalee bareedu; gatiin isaanii baay’ee qaala’aa dha; baay’ee waan calaqqisaniif, bareedina midhagsuuf oolu]. Barcumichis Sabbata Waaqayyootiin marsamee ture. Sabbatni Waaqayyoo sunis yeroo ilaalani albuuda bareedaa eemeraalaad (emerald) fakkaata ture. 4 Barcumoonni digdamii afur barcumichatti naanna’anii jiru ture; barcumoota kana irras manguddonni digdamii afur, uffata adii uffatanii, akkasumas gonfoo (kooffiyyaa) warqee mataatti keewwatanii, taa'anii turani. 5 Barcumica biraatii bakakkaan balaqqeessu, sagaleen guguungumu fi sagaleen qaqawweessu ni dhufa ture; fuul dura barcumichaatii immoo ibsaa afuurota Waaqayyoo toorban kan ta’an ibsaan toorba boba’aa jiru ture. 6 Burcuqoon galaanaa kan birillee (miccirraa) fakkaatus fuul dura barcumichaa jira ture. Gidduu fi naannoo barcumichaas, fuulli isaanii fi dugdi isaanii kan ijaan guutame, uumamni lubbuu qaban afur jiru turani. 7 Uumamni inni duraa leenca fakkaata ture; inni lammaffaa jabbii fakkaata ture; uumamni inni sadaffaan immoo fuula nama fakkaatu qaba ture; inni afuraffaa joobira isa balali'u fakkaata ture. 8 Tokkon tokkon uumamtoota lubbuu qaban arfan sunis, kaattuu, keessaa fi duubaan ijaan guutame, ja'a ja'a qabu ture. Halkanii fi guyyaas, otoo addan hin kutiin: “Qulqulluu, qulqulluu qulqulluu dha Waaqayyo Gooftaan inni hundumaa danda'u, inni ture, inni amma jiru, inni dhufuuf jirus,” jedhanii faarfatu. 9 Yeroo uumamttoonni lubbuu qaban kun isa barcumicha irra taa'ee jiru sanaaf guddina, ulfinaa fi galata dhiheessanitti, isa bara baraan jiraatu sanaaf in dhi'eessu. 10 Yeroo manguddoonni digdamii arfan, isa barcumicha irra taa'ee jiru fuul duratti kufanii isa bara baraan jiraatuuf sagadani, gonfoowwan isaanii barcumicha fuul dura kaa’uudhaan akka jedhanii: 11 “Siif ta’uu ni mala, yaa Gooftaa keenyaa, yaa Waaqayyoo keenyaa, Guddina, ulfinaa fi humna fudhachuun kee, Waan hundumaa kan uumte waan taateef, Kan jiraatanis, kan uumamanis akka fedhii keetti dha,” faarfatu.