1 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Sardees keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe isa afuura Waaqayyoo toorbaa fi urjii toorba qabatu sana biraati jedhi.’ “Ani hojiiwwan kee nan beeka. Maqaadhaaf lubbuu qaba jedhamta malee, ati du’aa dha;” 2 “Hojiiwwan kee fuula Waaqayyoo koo duratti guutuu ta’uu isaa sababa ani hin argineef, dammaqii ka’itii warra hafan illee akka isaan hin duuneef jajjabeessi.” 3 “Kanaafuu, wanta fudhattee fi waanta dhageesse yaadadhu. Isaafis abboomami. Hojiiwwan keettis gaabbi. Dammaqxee ka’uu yoo baatte garuu, ani hattuu fakkaadheen sitti dhufa; sa’aatii kamitti akkan sitti dhufus hin beektu.” 4 “Haa ta'u iyyuu malee garuu, Saardes keessa namootni muraasa, uffata isaanii hin xureessine, jiru; waan isaaniif maluuf, isaan uffata adii uffatanii ana wajjin ni deemu.” 5 “Inni mo’u uffata adiitu itti uffifama; anis maqaa isaa Kitaaba Jireenyaa keessaa hin haqu; Abbaa koo fi ergamtoota fuuldurattiis maqaa isaa waameetan isaaf dhugaa nan ba’a.” 6 “Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.” 7 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Filaadelfiyaa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe isa qulqulluu fi isa dhugaa ta’e; isa furtuu Daawwiit qabatee jiru; isa kan inni saaqu (banu), eenyumtuu cufuu hin dandeenye; isa inni cufes, eenyumtuu saaquu hin dandeenye; biraati jedhi.’ 8 “Ani hojiiwwan kee nan beeka. Kunoo ilaali; ani fuuldura kee balbala banaa, isa eenyumtuu cufuu hin dandeenyee, siif kaa’een jira. Akka humni kee laafa ta’e nan beeka; garuu immoo, dubbii koo eegdeetta; maqaa koos hin kaadne.” 9 “Kunoo ilaali! Warra walga'ii Seexanaa ta’ani fi warra Yihudoota utuu hin ta'in sobanii Yihudoota ofiin jedhan sana akka dhufanii miilla kee jalatti kufani nan godha; akka ani siitiin jaaladhus ni baru.” 10 “Sababa ati waan ani si ajaje obsaan dandeessee eegdeef, ani immoo sa’aatii qormaataa isa guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa qoruudhaaf dhufu sana jalaa akka ati baatuu nan si eega.” 11 “Anuu as dhihootti nan dhufa; akka namni tokko iyyuu gonfoo mo'ichaa (crown) kee sirraatii hin fudhannef, isa qabdu jabeessiitii eeggadhu.” 12 “Isa mo'uuf, anuu mana sagadaa Waaqayyo koo keessatti utubaa nan isaafii dhaaba. Lammaffaas achi keessaa hin baafamu. Anis maqaa Waaqayyoo koo, maqaa magaala Waaqayyoo koo (Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqayyo koo biraa waaqa keessaa gadi buutu) fi maqaa koo isa haaraa isa irratti nan barreessa.” 13 “Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.” 14 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Laa'odiiqeyaa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe isa “Ameen” jedhamu, isa amananmuu, isa dhugaa ba’uu fi isa uumama Waaqayyoo irraatti abboomaa (bulchaa) ta’e biraati jedhi.’ 15 “Ani hojiiwwan kee nan beeka; akka ati yookiin qorraa yookiin immoo hoo’aa hin taanes nan beeka. Ani hawwiin koo otoo ati yookiin qorraa yookiin immoo hoo’aa taateeti ture.” 16 “Kanaafuu, sababa ati rammoo garaa (lukewarm) taateef – hoo’aas qorraas kan hin taane – afaan koo keessa gadi si tufuufan jedha.” 17 “Atis ‘Ani sooressa dha; qabeenya baay’ees waan ani qabuuf, waata tokko iyyuu hin barbaadu’ jetta. Garuu, ati akka nama hundumaa ol rakkataa, gaddisiisaa, hiyyeessa, jaamaa, fi qullaa ta'uu kee hin beektu.” 18 “Gorsa koo dhaggeeffadhu: akka sooromtuuf warqee ibiddaan qulqulleessame, akka dhaqna qullummaakee isa siqaanessu dhoqsattuuf uffata adii bareedaa fi akka arguu danddessuf qoricha ijaa ija keetti dibattu ana irraa bitadhu.” 19 “Ani naman jaaladhu eenyuma iyyuu itti nan ori’a, nan abboomas. Kanaafuu, atis dhimmi; hojiiwwan keettis gaabbi.” 20 “Kunoo ilaali; ani balbala bira dhaabbadheen jira; balbalas rukutaan jira. Namni sagalee koo dhaga'ee balala anaaf banu yoo jiraate, ani mana isaatti ol nan seena; isa wajjin ta’ees maaddiitti nan dhi'aadha; innis ana wajjin ni nyaata.” 21 “Nama isa mo’uuf, ana waliin tessoo (barcuma) koo irra akka taa’uu mirga isaafii nan kenna; akkuma anis mo’ee Abbaa koo wajjin barcuma isaa irra taa’ee ture sanaatti jechuu koo ti.” 22 “Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.”