2

1 “Gara ergamaa waldaa kiristaanaa Efesoonitti, ‘Ergaaleen kuni kan isa harka mirgaa isaatti urjoota toorba qabatee turee fi isa baattuu ibsaa toorba gidduutti mul’atee turee ti’ jedhii ti barreessi.” 2 “Hojiiwwan kee, dadhabii kee cimaa fi obsaan danda'uu kee nan beeka; akkasumas, namoota warra hamaa ta’aniif immoo akka ati obsa isaaniif hin qabnee fi warra nuti ergamoota dha ofiin jedhaniin qoruudhaan sobduu ta'uu isaanii akka argites nan beeka.” 3 “Dadhabe otoo hin jedhiin, maqaa kootiif jettee, akka ati obsaan dandeessee jirtus nan beeka.” 4 “Jaalala kee isa yeroo jalqabaa sana dhiisuu (gadi gatuu) kee garuu sirratti argeera”. 5 “Eessatti akka gatte yaadadhu. Dhiifama gaafadhuu tii, waantota jalqaba hojjettu ture sana hojjedhu. Dhiifama gaafachuu yoo dhiifte garuu, ani gara kee dhufeetan, baattuu ibsaa kee iddoo isaatii kaasa.” 6 “Kana garuu qabda: Hojiiwwan warra Niqolaatiyaa akkuma ani jibbu, atis ni jibbita.” 7 “Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u. Isa mo'uuf, muka jireenyaa isa jannata Waaqayyoo keessa jiru sana akka nyaatuuf mirga isaa isaafin kenna.” 8 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Simiirnaa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe isa jalqabaa fi isa dhumaa; isa du'ee fi isa deebi'ees jiraate biraati jedhii.’ 9 “Rakkinaa fi hiyyuma kee nan beeka; garuu immoo ati sooressa dha. Warra sobanii nuti Yihudoota offin jedhanii si arrabsan sanaas nan beeka; isaan garuu Yihudoota miti. Isaan walga'ii Seexanaa ti.” 10 “Dhiphina (Rakkoo) isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin. Kana hubadhu! Seexanni isin qoruuf jecha, muraasa keessan mana hidhaatti isin galchuufi dha; guyyaa kudhaniifis ni rakkattu. Hamma du'aatti amanamaa ta'aa; ani immoo gonfoo (baarneexaa) jireenyaa nan isinii kenna.” 11 “Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u. Isaan mo’anis, du'a isa lammaffaadhaan hin miidhamani.” 12 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Phergamoon keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe isa haaduu qara-lamaa qabu sana biraati jedhi.’ 13 “Iddoon ati jiraattu bakka Seexanni mo’ee bulchu (abboomu) akka ta’e nan beeka. Ati garuu hamma ammaatti maqaa koo jabeessitee qabattee jirta. Bakka Seexanni jiraatu sanatti, bara dhugaa ba’aa koo fi amanamaa koo kan ture, Antiiphaas, isin gidduutii ajjeefame sana iyyuu, akka ati anatti amanuu kee hin ganne, nan beeka.” 14 “Waan muraasa ta’e garuu sirratti argeera: namoota tokko tokko warra barsiisa Bala'aamii qabatanii jiran achitti of biraa qabda. Namooni kuni, ijoollee Israa’el fuulduratti gufuu darbachuudhaan akka isaan nyaata waaqayyoliif (idols) kennamuuf qophaa’e nyaatanii fi akka isaan sagaagalan gochuudhaaf, warra Balaaq barsiisani dha.” 15 “Haaluma wal fakkaatuun, namoota tokko tokko warra barsiisa warra Niqolaatiyaa qabatanii jiranis achitti of biraa qabda.” 16 “Kanaafuu, dhiifama gaafadhu! Yoo gochuu dhiifte garuu, ani dafeen sitti dhufa; haaduu afaan koo keessa jiru sanaatiinis, namoota sana irratti waraana nan bana.” 17 “Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u. Isa mo'uuf, qibaa qiddusii (manna) dhoqsaa jiru sana keessaa nan kennaafi; dhagaa adii, maqaa haaraan irratti barreessame, tokkos nan kennaafi; maqichas, nama isa fudhatu irraa kan hafe, namni biraan tokko illee hin beeku.” 18 “Ergamaa isa waldaa kiristaanaa Tiyaatiraa keessa jiruutiif, akkas jedhii barreessi:” ‘Ergaan kun kan dhufe, Ilma Waaqayyoo, isa ija akka barbadaa ibiddaa qabuu fi isa miilli isaa isa sibiila diimaa (bronze) cululuqsamee hojjetame fakkaatu sana biraati jedhi.’ 19 “Ani hojiiwwan kee, jaalala fi amantii kee, tajaajila kee fi obsaan danda'uu kee nan beeka. Waanti ati booda kana hojjette, isa dura hojjechaa turte akka caalus nan beeka.” 20 “Garuu immoo, kana sirratti argeera: Dubartii Izaabeel jedhamtu, ‘Ani haadha raajiiti’ ofiin jettu, sana obsiteetta. Isheen barsiisa isheetiin akka hojjetoonni koo sagaagalanii fi nyaata waaqayyoliif (idols) kennamuuf qophaa’e nyaataniif isaan gowwoomsiti.” 21 “Hojii isheetti akka gaabbitu, yeroo isheefii kenneetan ture; isheen garuu, balleessaa isheetti gaabbuudhaaf fedhii hin qabdu.” 22 “ Kunoo ilaali! Akka isheen dhukkubsattee siree irra ciiftu nan godha; warra ishee wajjin ejjanis gaabbanii hojii ishee irraa deebi'uu yoo baatan, rakkina guddaa keessan isaan nan buusa.” 23 “Ijoollee ishees nan ajjeesa; kanaanis, waldoonni kiristaanaa hundumtuu, inni waanta laphee namaa fi garaa namaa keessa jiru hurgufee ilaalu suni ana ta'uu isaa ni baru. Anis tokko tokkoo keessaniif akka hojiiwwan keessaniitti nan isiniif kenna.” 24 “Garuu, Tiyaatiraa keessatti warra haftan fi warra barsiisa kana qabachuu dhisanii, isa warri kaan, ‘waantota Seexanaa isa gadi fagoo’ jedhanis hin beebneen immoo, akkas nan jedha: ‘ba'aa kan biraa isin irra hin kaa'u’.” 25 “Waan hundumaaf iyyuu garuu, hamma ani dhufutti, waan harkaa qabdan jabeessitanii qabachuu qabdu.” 26 “Isa mo’uu fi isa hojii koo hamma dhumaatti hojjetuuf, aangoo inni saba baay'ee irratti qabu nan isaaf kenna.” 27 “Ulee sibiilaatiinis isaan bulcha (bita); akka qodaa suphees isaan cacabsa.” 28 “Akkuma ani abbaa koo biraa fudhadheetiinis, nama sanaaf bakkalcha barii nan kenna.” 29 “Namni gurra qabu waanta Afuurri Qulqulluu waldoota kiristaanaatiin jechaa jiru mee haa dhaga’u.”