1

1 Kuni mul'ata Yasuus Kiristoos isa inni ittiin wanta as dhiyootti ta’uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiiuudhaaf Waaqayyo biraa argatee dha. Waaqayyo hojjetaa isaa Yohaannisitti kanas kan beeksise, ergamaa isaa ergguudhaani dha. 2 Yohaannisis sagalee Waaqayyo dubbatee Yasuus Kiristoos dhugaa ba'uu isaa waanta arge hunddaa dhugaa ba'eera. 3 Yeroon kuni itti raawwatu waan as dhi'aateef, namni isa inni dhugaa ba'e kana sagalee isaa ol kaasee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga'anii fi warri wanta isa keessatti barreeffameefiifis abboomaman ebbifamtoota dha. 4 Yohaannis waldoota kiristiyanaa toorban Asiyaa keessa jirtaniif kana jedhe: “Ayyaannii fi nagaan Waaqayyo isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiru biraa fi afuurota toorban teessoo isaa dura jiran biraa isiniif haa ta’u”; 5 “Yasuus Kiristoos, isa amantummaa dhaan dhugaa ba’e, isa hunda dura du’aa ka’ee dhalatee fi isa abboomaa mootota biyya lafa kanaa ta’e biraas isiniif haa ta'u.” “Isa nu jaalatuu fi isa dhiiga isaa unuuf jedhee dhangalaasee cubbuu keenya irraa nu dhiqeef, 6 “Isa mootummaa nu keennee fi isa luboota Waaqayyo abbaa isaa nu godhee sanaafis ulfinnii fi aangoon bara baraa isaaf haa ta'u. Ameen.” 7 Kunoo ilaalaa; duumessaa wajjin dhufuuaa jira; tokko tokkoon ijaa isa arguuf jira. Warri isa waraananis isa arguuf jiru. Sababa isaatiif gosoonni (sanyiin) namaa lafa irraa jiraatu hundumtuu ni gaddu. 8 “Ani isa duraati; ani isa boodaatisi,” akkasumas “inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u,” jedha Waaqayyo Gooftaan. 9 Ani obboleessi keessan Yohaannis, sagalee Waaqayyoo isa Yasuus dhugaa ba'e isiniif qooduuf edheen, rakkina, mootummaa fi obsa Yasuusiitiin, biyya bishaan keessatti argamtuufi Phaaximoos jedhamtu tokko keessan ture. 10 Gaafa Guyyaa Gooftaa sana ani Afuuraan guutameen ture. Duuba kootii sagalee guddaa, sagalee xurumbaa (faaggaa fakkaatu, tokkon dhaga'e. 11 Sagaleen sunis, “Waan argaa jirtu kana Kitaaba keessatti barreessi. Isas gara waldoota kiristaanaa toorban – Efesoon, Simiirnaa, Phergamoom, Tiyaatiraa, Saardiis, Filaadelfiyaa, fi Laa'odisaa – iti ergi” naan jedhe. 12 Sagalee eenyyuutu akka natti dubbachaa jiru ilaaluudhaaf duuba kootti yeroon garagalu, baattuu ibsaa warqee irraa hojjetame toorba nan arge. 13 Ilma namaa kan fakkaatu tokko immoo baatuuwwan ibsaa sana gidduu, uffata dheeraa miilla bira ga'u uffatee, fooxaa warqees qomoo isaatti naannessee hidhatee, ture. 14 Mataa fi rifeensi mataa isaa akka suufii yookiin immoo akka cabbii addaata ture; ijji isaa immoo akka barbadaa ibiddaa ti ture. 15 Miilli isaa akka sibiila diimaa isa ramaca ibiddaa keessatti finiinee cululuqsamee hojjetamee ti; sagaleen isaas akka sagalee bishaanii walitti baay’atee huursaa fiiguu ti. 16 Harka mirgaa isaatti urjii toorba qabatee ture; haaduun qara karaa lamaa afaan isaa keessaa gadi ba’aa ture. Fuulli isaas akka biiftuu saafaa ifa ture. 17 Yeroon isa arges, akka nama du'eettin miilla isaa jalatti kufe. Inni immoo harka mirgaa isaa ana irra kaa'ee, “Hin sodaatin. Inni duraa, inni booddees ana dha” 18 “Inni jiraatus ana dha. Kunoo ilaali. Ani du'een ture; amma garuu, kunoo ilaali; hamma bara baraatti bara baraan nan jiraa dha! Furtuuwwan balbala du'aa fi mootummaa warra bara baraaf du’ani (mana seexana) of harkaa qaba.” 19 “Kanaafuu, waanta argitee turtes, waanta amma ta'uutti jiruu fi waanta kana booda ta'uuf jirus barreessi.” 20 “Hiikaa urjoota toorba harka mirgaa koo keessatti argitee turtee fi hiikaa baattuuwwan ibsaa toorba warqee irraa hojjetaman dhoksamee ture ilaalchisee, hiikaan isaanis: Urjoonni toorban, ergamoota waldoota kiristaanaa toorbaa ti; baattuuwwan ibsaa toorban immoo, waldoota kiristaanaa toorban sanatti” naan jedhe.