1 Sana booda immoo ergamaan baay’ee nama sodaachisu tokko waaqa keessaa otoo inni gadi bu’aa jiruu nan arge. Innis hurriitiin marfamee ture; mataa isaa olitti immoo sabbata Waaqayyootu ture. Fuulli isaa biiftuu fakkaata; miilli isaas utubaa ibiddaa fakkaata. 2 Kitaaba xinnoo walitti maramtee jirtu tokko qabatee ture; isheenis harka isaa irratti banamte. Miilla isaa mirgaatiin galaana irra, miilla isaa bitaatiin immoo lafa irra ejjete; 3 Itti aansees, sagalee isaa ol fudhatee akka leencaa baroode. Yeroo inni iyyee ture sanattis, qaqawween toorban sunis sagalee isaaniitiin dubbatanii ture. 4 Yeroo isaan dubbatan sana, ani immoo waan isaan jedhani barreessuuf jedheen ture; garuu sagalee waaqa keessaa, “Wanta qaqawween toorban dubbatan garaa keetti qabadhuu dhoksii malee; hin barreessiin!” natiin jedhun dhaga'e. 5 Achiin boodas, ergamichi inni galaanaa fi lafa irra ejjetee yeroo dhaabbachaa jiru ani argee suni, harka mirgaa isaa gara waaqaatti ol qabe. 6 Innis maqaa isa bara baraatiif jiraatu, isa waaqaa fi wanta isa keessa jiraatus uume, isa lafaa fi wanta isa irra jiraatus uume, isa galaanaa fi wanta isa keessa jiraatus uume sanaatiin eerga kakatee booda, “Kana caalaa lafa irra harkisuun hin jiru. 7 Gaafa guyyaa ergamaan inni toorbaffaan xurumbaa isaa afuufuuf jedhutti garuu, raajiin Waaqayyoo, haaluma inni hojjetootaa fi raajota isaattiif waa’ee oduu gammaachuu kanaa ibsee ture sanatti, ni raawwata” jedhe. 8 Sagaleen inni ani waaqa keessaa duraan dhaga'e ture suni, ammas deebisee anatti dubbate, “Dhaqiitii kitaaba banamaa harka ergamaa isa galaana fi lafa irra dhaabbatu sana keessa fudhadhu” naan jedhe. 9 Anis gara ergamichaa deemeen, akka inni kitaaba xinnoo sana anaaf kennu isa gaafadhe. Innis, “Kitaabicha fudhadhuuti nyaadhu. Garaa kee ni hadheessa; ataan kee keessatti garuu akka dammaa midhaaha” naatiin jedhe. 10 Anis kitaabicha ergamichaa harkaa fuudheen nyaadhe. Afaan koo keessatti akkuma dammaa midhaaha dha ture; eergan nyaadhee booda garuu, garaan koo hadhaahaa ta’e. 11 Sana boodas, namni wa’ii “Ati ammas raajii waa'ee namoota baay'ee, saba baay'ee, afaan baay'ee, mootota baay'ee dubbachuun si irra jira” naatiin jedhe.