11

1 Ulee ittiin safaruuf kan nagargaaru, uleen shambaqqoo tokko anaaf kenname. anatti dubbatee, “Ka'iitii mana sagadaa Waaqayyoo fi bakka aarsaa Isaa safari; namoota warra achi keessatti sagadanis lakkaa'i” jedhamee natti himame 2 Akkasumas, “Goodaa dallaa mana sagadaa Waaqayyootti naanna’ee jiru sana garuu hin safariin; inni warra Waaqayyoon hin amanneef kennameera. Isaanis ji'a afurtamii lamaaf qe’eettii qulqullooftu sana ni dhidhiitu. 3 Dhuga-baatonni koo lamaa uffata gaddaa uffatanii, guyyoota 1,260f raajii akka dubbataniif ani aangoo nan kennaaf” jedhee natti hime. 4 Dhuga-baatonni lameen kunis, muka ejersaa lamaa fi baattuu ibsaa lamaan warra Goofticha biyya lafaa fuul dura dhaabatanii dha. 5 Eenyu iyyuu isaan midhuuf barbaada yoo ta’e garuu, ibiddi afaan isaanii keessaa ba'ee diinota isaanii ni fixa. Isaaniin miidhuuf kan barbaadu eenyu iyyuu, haala kanaatiin ajjeesamuu qaba. 6 Dhuga-baatonni kuni guyyoota isaan raajii himan sana bokkaan akka hin roobneef samii cufuudhaaf aangoo ni qabu. Yeroo barbaadanittis, bishaan dhiigatti geddaruudhaaf, akkasumas,yeroo barbaadanitti dhukuba dha'icha kamiinuu biyya lafaa rukutuudhaaf aangoo ni qabu. 7 Dhugaa ba’uu isaanii yeroo isaan xumuranitti immoo, bineensichi inni boolla qilee sana keessa ol ba’u lola isaanitti kaasa. Isaan mo'uudhaanis, isaan ajjeesa. 8 Reeffi isaaniis magaalicha isa guddicha (Magaalli sunis isa fakkeenya afuuraatiin “Sodoom fi Misirii” jedhamee waamamu dha) iddoo gooftaan isaanii duraan itti fannifamee ture keessaatti karaa irra ni ciisa. 9 Guyyoota sadii fi walakkaatiifis, saba, gosa, afaan fi biyya hundumaa keessaa kan dhufan nammoonni muraasni reeffa isaanii ni ilaalu. Isaanis akka isaan awwalaman hin eeyyamani. 10 Warri biyya lafaa irra jiraatanis kanatti gammadudhaan ni ayyaaneffatu. Kana irra darbee iyyuu; kennas waliif ni kennu; sababni isaas raajonni lameen kuni warra biyya lafaa irra jiraatan gidiraa argisiisaa warra turan waan ta’eefi dha.. 11 Guyyoota sadii fi walakkaa booda garuu, afuurri jireenyaa Waaqayyo biraa dhufeetu isaan keessa ni seena. Isaanis ka'anii ni dhaabatu. Warra isaan ilaalaa jiranittis sodaa guddaan isaanitti ni dhufa. 12 Sana boodas, waaqa keessaa sagalee guddaan “Ol koottaa as!” jedhee yeroo isaanitti dubbatu ni dhaga’u. Achumaanis, diinonni isaanii bakka ilaalaa jiranitti, isaanis duumessa keessa gara waaqaatti ol ni ba'u. 13 Sa’aatii sanattis kirkirri lafaa guddaatu ta’a; harka kudhan keessaa harki tokkoo magaalichaas ni jijjiga. Kirkira lafaa kanaanis namoonni kuma toorba ni ajjeefamu; warra irraa hafanis sodaan isaan ni qaba; Waaqayyo isa waaqa keessa jiruufis ulfina ni kennu. 14 Wayyoon inni lammaffaa darbeera. Hubadhu! Wayyoon inni sadaffaas dafee dhufaa jira. 15 Itti aaness, ergamaan inni toorbaffaa xurumbaa isaa afuufe; sagaleewwan guguddaan . Waaqa keessaas sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa biyya lafaa mootummaa Gooftaa keenyaa fi mootummaa Kiristoos ta’ee jira; Innis bara baraatiif mo’ee ni jiraata” jedhani dubbatani. 16 Sana booddees, mangguddoonni digdamii arfan, warri iddoo Waaqayyoo jirutti barcuma isaanii irra taa'an, fuula isaaniitiin gadi gombifamanii Waaqayyoof sagadani. 17 Isaanis, “Ati Inni jirtu, Inni turtes, yaa Waaqayyo Gooftaa Guddaa, humna kee isa guddaa waan fudhatteef, waan mooteefis jecha, nuti galata siif dhi'eessina. 18 Warri sitti hin ammane baay’ee aaraniiru; dheekkamsi kee garuu dhufeera. Yeroon warri du'an firdii argatanis ga'eera; Yeroon hojjetoonni kee warri raajotaa, Yeroon warri siif qulqullaa'an, yeroon warra maqaa kee sodaatanii fi yeroon warra xixinnaa fi warra, gurguddaa, Yeroon hunduu gatii isaanii itti argatan ga'eera. Yeroon warra biyya lafaa balleessaa jiran, Ati isaaniin balleeeessitus ga'eera” jedhani. 19 Achii boodas, manni sagadaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa ni banamee; mana sagadaa Isaa keessaas saanduqni kakuu Isaa ni mul’ate. Battaluma sanattis, balaqqeessi bakakkaa, gugguumgumni, qaqawweessi, kirkirri lafaa fi cabbii hamaa ni uumamani.