1 Mallattoon guddaan tokko, waaqa keessatti mul’ate: dubartiin biiftuu uffattee, ji'a miilla ishee jala gootee, gonfoo urjjiiwwan kudha lamaa qabu immoo mataa ishee irraa qabdu tokko ni mul'atte. 2 Isheenis ulfa turte; ciniinsuunis itti cimee muccaa da'uudhaaf dhiphattee iyyaa turte. 3 Sana booddees, mallattoon biraa tokkos waaqa keessaa ni mul’ate. Ilaali! Jawwee diimaa guddaa kan mataawwan toorba, gaanfota kudhani fi gonfoowwan toorba mataawwan isaa iraa qabu qabu dha ture. 4 Eegeen isaa urjoota waaqa keessa jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa'ee lafatti gadi furguggise. Yeroo isheen deessu, mucaa ishee nyaachuudhaa jedhee, jawween sunis dubartii ishee da’uuf ciiniinsifattu fuul dura dhaabate. 5 Isheenis mucaa ilmaa deesse; mucaan kunis isa ulee sibiilaatiin saba biya lafaa hundumaa bituuf jedhu dha. Mucaan ishees gara Waaqayyootti, gara barcuma isaattis ishee irraa ol butame; 6 Dubartittiinis biyya fagoo iddootti isheen guyyoota 1,260f akka waldhaanamtuuf jedhee Waaqayyo isheef qopheessee turetti baqatte. 7 Achumaan lolli waaqa keessatti ka'e. Mikaa'elii fi ergamoonni isaa jawwee sana lolani; jawween sunii fi ergamoonni isaas deebisanii isaan lolani. 8 Jawween suni garuu humna ittiin mo’u hin qabu ture. Kana irraa kan ka’eenis, sana booda jawween sunii fi ergamoonni isaa waaqa keessatti iddoo hin arganne. 9 Jawwee guddichi sunis, bofni bara durii, inni Diiyaabilos yookiin immoo Seexana jedhamu sunis, inni guutummaa biyya lafaa dogogorsiisu sunis, lafatti gadi darbatamani; ergamoonni isaas isaa wajjin gadi darbatamani. 10 Achiin boodas, waaqa keessaa sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis, “Fayyinni fi humni, mootummaan kan Waaqayyo keenyaa, aangoon kan Kiristoos isaatii amma kunoo dhufaniru. Inni obboloota keenyaa yakku, Inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya fuul duratti isaan hadheessaa ture gadi darbatameera. 11 Dhiiga Hoolichaatiin, akkasumas dubbii isaanii isa dhugaa ba'aniinis, obbolonni keenya isa mo'aniiru; du'a iyyuu yoo ta'e, isaan lubbuu isaanii hin mararsiifanne. 12 Kanaafuu, isin warri waaqaas, warri isaan keessa jiraattanis, gammadaa! Sababa seexanni gara keessanitti gadi bu'eef, lafaa fi galaanaaf garuu, wayyoo! Inni baay’ee aaree jira; yeroo muraasa (gabaabduu) qofaan akka isa hafes ni beeka!” jedhe. 13 Jawween suni gara lafaatti akka gadi darbatame yeroo beeketti, dubartittii ishee ilma deesse sana ari'uutti ka'e. 14 Dubartittiinis iddo fagoo isheetiif qophaa’ee jiru sanattii akka balaliituuf, kaattuun joobira guddaa lama isheef kennameera. Kunis iddoo isheen jawwee sana jalaa dhokattee, bara tokkoof, barootaa fi bara walakkaatiif itti kunuunsifamtu dha. 15 Yeroo dubartittiin balali’aa turte sana ittis, jawwichi lolaan bishaanii akka ishee haree adeemuuf, bishaan isa akkuma laga yaa'u afaan isaa keessaa gadi dhangalaasee. 16 Lafti garuu dubartittii ni gargaare. Laftis, laga isa jawwichi afaan isaa keessaa baasee isheetti gadi dhangalaasaa ture sana, afaan isaa banuudhaan dhuge. 17 Sana booddees, jawween sun dubartittii sanatti baay’ee waan aareef, sanyii ishee warra kaanitti, lola banuudhaaf ka’ee gara isaan jiranitti sokke; isaanis warra abboommii Waaqayyoof ajajamanii fi warra isa Yasuus dhugaa ba'e qabatanii jirani dha. 18 Achiin boodas, jawwichi cirracha galaanaa qarqaraa irra dhaabate.