13

1 Sana boodas, bineensa galaana keessaa ol ba’aa jiru tokko nan arge. Innis gaanfa kudhanii fi mataa toorba qaba; gaanfa isaa irrattis gonfoo kudhan qaba; tokko tokkoo mataa isaa irratti immoo maqaa ulfinaa Waaqayyoon arrabsuu qaba ture. 2 Bineensi ani arge kunis qeerransa fakkaata ture. Miilli isaa miilla amaaqetaa fakkaata; afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata. Bineensi kun akka abboomuufis, jawwichatu humna isaa, barcuma isaa fi aangoo isaa isa guddaa ni kenneefi. 3 Mataan bineensa kana inni tokko madaa isa ajjeesuu danda’u qaba ture; madaan isa ajjeesuu danda’u sun garuu ni fayye. Namoonni guutu biyya lafaas bineensicha duukaa bu’uudhaan isa dinqisiifatani. 4 Waan inni aangoo isaa bineensichaaf keenneefiifis jecha, namoonni suni jawwichaaf sagadani. “Eenyutu akka bineensa kanaa ta'a? Eenyutis bineensicha kana loluu danda'a?” jecha bineensichaafis ni sagadanii. 5 Bineensichaafis afaan jechoota of tuulummaa fi arrabsoowan ittiin dubbachuu danda’u kennameefii ture. Kana gochuudhaafis aangoon ji’a afurtamii lamaaf isaaf kenname. 6 Kana irraa kan ka’eenis, bineensichi afaan isaa banuudhaan kan Waaqayyoon arrabsu, kan maqaa Waaqayyoo fi bakka buufata isaa arrabsu, akkasumas, kan warra waaqa keessa jiraatanis arrabsu dubbate.. 7 Bineensichi warra Waaqayyoof qulqullaa'ani irratti loloa akka banuu fi akka isaan mo’us eeyyama argateera. Akkasumas, gosa, namoota, afaanii fi saba hundumaa irrattis aangoon isaattiif kennameera. 8 Uumama biyya lafaatii jalqabee, warri maqaan isaanii Kitaaba Jireenyaa, isa kan Hoolicha qalamee (gorra’amee) ta’e, keessaatti hin barreessamne, warri lafa irra jiraatan hundumtuu bineensichaaf ni sagadu. 9 Eenyumtuu gurra qaba qaba yoo ta'e, mee haa dhaga'u! 10 Eenyumtuu booji'amuuf jira yoo ta'e, booji'amuun isaa hin oolu. Eenyumtuu haaduudhaan ajjeesamuuf jira yoo ta'e, haaduudhaan ajjeesamuun isaa hin oolu. Kana keessatti, warra Waaqayyoof qulqullaa'anii irraa kan eegamu obsaa fi amantii dha. 11 Sana booddee immoo, bineensa lafa keessaa ol ba'a jiru kan biraa tokko nan arge. Akkuma hoolaa gaanfa lama qaba; akka jawweetti immoo dubbata ture. 12 Bineensi kunis aangoo bineensi inni tokkoffaa qabu ture hundumaa bakka inni duraa jirutti ni hojjeta; laftii fi warri isa irra jiraatanis bineensa isa tokkoffaaf, isa madaa isa ajjeesuu danda’u irraa fayyeef, akka sagadani godhe.. 13 Inni raajiiwwan gurguddaa ta’anis ni raawwate. Ibidda iyyuu hojjechuudhaan fuul dura namootaatti waaqa keessaa lafatti gadi buuse. 14 Mallattoowwan bineensa isa tokkofaa sana bakka bu’ee akka argisiisuuf aangoo isaaf kennamee sanaanis, warra lafa irra jiraatan gowwoomsaa (dogogorsaa) ture; kanas kan godhe, isaan fakkii bifa bineensicha isa haaduudhaan rukutamee ture, garuu immoo amma iyyuu jirachaa jiru, sanaa akka kaasan isaanitti himuudhaani dha ture. 15 Fakkii bifa bineensichaattis afuura itti baasee lubbuu akka itti uumuufis eeyyamni waan kennameefiif, akka fakkiin suni iyyuu dubbatuu fi warra sagaduufii didani akka inni ajjeesu godhe. 16 Dabalataanis, bineensichi namni kam iyyuu, xinnaanis guddaanis, sooressis hiyyeessis, inni bilisa ta’es, inni garba ta’es harka mirgaa irratti yookiin immoo adda irratti gubaa akka qabaatu ni dirqisiise. 17 Namni kam iyyuu, gubaa bineensicha, innis, lakkoofsa maqaa isaa argisiisu, yoo of irraa qabaate malee, bituus gurguruus hin danda’u ture. 18 Kunis ogummaa gaafata. Eenyumtuu sammu qaba yoo ta'e, lakkoofsa bineensicha lakkaa'ee bira haa ga'uu. Lakkoofni kunis lakkoofsa dhala namaa ti. Lakkoofni isaas 666 dha.