14

1 Ani nan ilaalee; Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabates nan arge. Maqaan Isaa fi maqaan Abbaa Isaa adda isaanii irratti kan barreessamee jiru, namoonni 144,000 Isa wajjin turani. 2 Waaqa keessas sagalee akka bishaan walitti baay’atee huursuu fi sagalee akka qaqawwee guddaa guguungumu nan dhaga'e. Sagaleen ani dhaga'ee suni sagalee kiraara isa warri kiraara rukutan dhageessisanis ni fakkaata. 3 Isaanis faarfannaa haaraa fuul dura barcumichaa, fuul dura uumamtoota lubbuu qaban arfanii fi fuul dura manguddootaa sanatti ni faarfatani. Faarfannaa sanas namoota 144,000, warra biyya lafaa irraa furaman sana, irraa kan hafe, namni biraa tokko illee baruu hin dandeenye. 4 Namoonni kunis warra dubartoota bira dhaquudhaan of hin xureessine dha; isaan gursumma isaanii hin balleessine. Hoolichi eessa iyyuu yeroo deemu, Isa faana kan deeman isaani dha. Isaan kuni, warra sanyii namaa keessaa jalqabatti Waaqayyoo fi Hoolichaaf furamani dha. 5 Afaan isaanii keessatti sobni tokko illee hin argamne; isaan warra mudaa of irraa hin qabnee dha. 6 Ergamaa biraa, kan wangeela isa bara baraa baatee, warra lafa irra jiraataniif, saba, gosa, afaanii fi namoota hundumaattiif labsuudhaaf, walakkaa samii keessa balali'aa jiru tokko nan arge. 7 Innis sagalee isaa ol fudhatee, “Sa’aatiin firdii isaa waan ga’ee jiruuf, Waaqayyoon sodaadhaa; ulfinas Isaaf kennaa. Isa waaqa, lafa, galaana fi burqaa bishaanii uumeefis sagadaa” jedhee dubbate. 8 Ergamaan biraa, inni lammaffaa, isa duraatti aansuudhaan, “Kufteetti; kufteetti Baabiloon isheen guddittiin; isheen sabni hundumtuu dhugaatii waynii ishee isa halalummaa ishee irraa dhufu akka dhugan amansiifte kufteetti” jedhe. 9 Ergamaan biraa, inni sadaffaan, isaanitti aanee sagalee guddaadhaan, “Eenyumtuu bineensichaa fi fakkii bifa isaaf sagada yoo ta'e, gubaa sanas adda isaa irratti yookiin immoo harka isaa irratti fudhatee yoo godhate, 10 inni dhugaatii waynii isa dheekkamsa Waaqayyoos ni dhuga; waynii isa otoo bishaan itti hin makamiin burcuqqoo aarii isaatti buufame ni dhuga. Namni kana dhugus, fuula ergamoota ququlloota ta’anii fi, fuula Hoolichaa duratti ibidda fi ibidda qabsiistuu boba'uun ni dararama. 11 Aarri ibidda isaan ittiin dararamanii immoo bara baraaf ol ni ba'a; warri bineensichaa fi fakkii bifa isaatiif sagadan kunneenis, akkasumas, namni gubaa sanas adda isaa irratti yookiin immoo harka isaa irratti fudhatees halkanii fi guyyaas boqqonnaa hin qabani. 12 Kunis, warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, warra abboommii Waaqayyoo eeganii fi warra Yasuusitti amanan irraa obsaan danda'uu barbaada” jedhe. 13 Anis sagalee waaqa keessaa nan dhaga’e; innis, “Kana barreessi: Warri Gooftaatti qabamanii du'ani, warra eebifamani dha”. Afuurri Qulqulluus, “Eyyee, bu’aan (firiin” hojii isaanii isaan duukaa ni bu'a; kanaafuu, dadhabbii isaanii irraa aara haa galfatani” jedha. 14 Ani nan ilaale; hurrii adii tokkos nan arge. Ilma namaa kan fakkaatu tokko hurricha irra taa’eera. Gonfoo warqee mataa irra godhateera; haamtuu qara qabdu tokko immoo harkatti qabateera. 15 Sana booddees, ergamaan biraa tokko mana sagadaa sana keessaa gadi ba’eetu, sagalee guddaadhaan, isa hurrii irra taa'ee jiru sana waamee: “Haamtuu kee fudhuutii, haamuu jalqabi. Midhaan biyya lafaa bilchaatee waan jiruuf, yeroon haaman ga'eera” jedhe. 16 Achumaan inni hurrii irra taa'ee jiru suni haamtuu isaa biyya lafaa irra kaa'ee cire; biyyi lafaas ni haamame. 17 Ergamaan biraa tokkos mana sagadaa isa waaqa keessa jiru keessaa ni ba'e; innis haamtuu qara qabdu qabateera. 18 Ammas ergamaan biraa, inni ibidda irratti aangoo qabu, iddoo aarsaa ixaanaatii gadi ba'ee. Sagalee guddaadhaan ergamaa isa haamtuu qara qabdu qabu waamee, “Haamtuu kee ishee qara qabdu qabadhuutii wayniin waan bilchaateef muka waynii biyya lafaa irraa haamiitii walitti qabi” jedhe. 19 Ergamichis haamtuu isaa biyya lafaa irra kaa'ee, wayniis muka wayinii irraa ciree haame. Bakka cuunfaa waynii dheekkamsa Waaqayyoo isa guddaattis darbate. 20 Iddoon cuunfichass magaala duubatti ni dhidhiitame; dhiigni inni hanga luugama fardaa bira ga'us keessaa gadi dhangala’e; innis naannoo kiilo meetra 1,600 ni ta’a.