1 Sana boodas, mallattoo guddaa fi dinqisiisaa ta’e tokko waaqa keessatti nan arge: Ergamtoota toorbaa fi dhukkuba dha'icha toorba turani. Dhukkubni dha’ichaa kunneennis warra dhumaa fi warra dheekkamsi Waaqayyoo ittiin dhaabatu (xumuramu) dha. 2 Waanta akka galaana burcuqqoo kan ibiddaan walmake fakkaatu tokko nan arge. Warri bineensicha fi fakkii bifa isaa irratti, akkasumas lakkoofsa isa maqaa isaa ibsu irratti mo’insa argatan suni immoo galaanicha bukkee dhaabbatanii jiru. Kiraara isa Waaqayyo isaaniif kenne qabatanii jiru. 3 Isaanis faarfannaa Musee, isa tajaajilaa Waaqayyoo ta’e, fi faarfannaa Hoolichaa faarfachaa jiru: “Hojjiiwwan kee guddaa fi dinqisiisa dha. Yaa Gooftaa Abbaa Humnaa. Daandiiwwan kee sirrii (qajeelaa) fi dhugaa dha. Yaa Mootii saba hundaa. 4 Kan siitiin hin sodaanne eenyu dha, yaa Goofta! Maqaa kees kan hin ulfeessine eenyu dha? Si duwwaatu qulqulluu dha. Sabni hundumtuu ni dhufu; Fuul dura keettis ni sagadu; Hojiiwwan kee isaan qajeelloon sababa ifa ba’aniif (mul’ataniif) dha” jedhanii faarfatu turani. 5 Waantota kanneen eergan ilaalee booda, manni sagadaa iddoon itti dhugaan ba’amu waaqa keessaa baname. 6 Ergamoonni toorban sunii dhukkuboota dha'icha toorban sana qabatanii mana sagadaa sana keessaa gadi ba’ni. Isaanis uffata calaqqisaa ‘layineeni jedhamu uffatanii, qoma isaaniis hidhata (marxifannoo) warqee irraa hojjetamee hidhatanii ture. 7 Uumamtoota lubbuu qaban arfan sana keessaa inni tokko, waciitii warqee irraa hojjetaman toorba warra dheekkamsa Waaqayyoo isa kan bara baraatiin guutaman, ergamoota toorban sanaaf kenne. 8 Manni sagadichaas aara isa ulfina Waaqayyoo fi humna isaa irraa dhufeetiin guutame. Hanga yeroo dhukkuboonni dha'ichaa toorban kan warra ergamoota toorbaa sanaa xumuramanittis, namni tokko iyyuu manicha keessa seenuu hin dandeenye.