16

1 Anis mana sagadaa sana keessaa sagalee guddaa ergamoota toorban sanaan, “Dheekamsa Waaqayyoo isa waciitii toorban sana keesa jiru dhaqaatii lafa irratti gadi naqaa”, jedhu nan dhaga'e. 2 Ergamaan inni duraas deemetu, waciitii isaa keessaa lafa irratti gadi naqe; madaawwan nama jibbisiisanii fi nama dhukkubsan, namoota warra gubaa bineensichaa of irraa qabanii fi warra fakkii bifa isaaf sagadanii irra namm’e. 3 Ergamaan inni lammaffaan immoo waciitii isaa keessaa galaana keessatti gadi naqe. Innis dhiiga ta’e, dhiiga akka nama du'ee; lubbuu qabeeyyonni galaana keessa jiraatan hundumtuu ni du'ani. 4 Ergamaan inni sadaffaan immoo waciitii isaa keessaa lagaa fi burqituu bishaanii keessatti gadi naqe; isaanis dhiiga ta'ani. 5 Ergamaan bishaanotaas, “Ati qajeelaa dha – inni jirtu, inni turtes, Ati Qulqulluu dha – Sababni isaas, waantota kanaaf situ firdii kenne. 6 Sababa isaan dhiiga warra siif qulqullaa'anii fi warra raajotaa kee dhangalaasaniif, ati immoo dhiiga isaan dhugan isaaniif laatte; kunis waanta isaaniif ta'uu qabu dha” yeroo inni jedhu nan dhaga’e.. 7 Iddo aarsaattis, debi’ii, “Eyyee, yaa Waaqayyo Goofta Inni hundumaa dandeessuu, firdiiwwan kee dhugaa fi qajeelaa dha” jedhu nan dhaga’e. 8 Ergamaan inni afuraffaan immoo waciitii isaa keessaa biiftuu irratti gadi naqe; namoota ibiddaan guggubuun isaaf eeyyamameera. 9 Namoonnis ho'a hamaa sanaan ni guggubamani. Isaanis, Waaqayyo isa da’ichoota kana irratti aango qabu, maqaa isaa waamanii arrabsani. Hojii isaanii kanattis, isaan hin qaabbin; yookiinis, keessaa immoo isaan Waaqayyoon isa dha'icha kana hundumaa irratti gooftummaa qabu maqaa Waaqayyoof ulfina hin kennine. 10 Sana booddee immoo, ergamaan inni shanaffaan waciitii isaa keessaa barcuma bineensichaa irratti gadi naqe; mootummaan isaas dukkanaan uffisame; warri achi jiranis hammeenya gidiraa isaan irra ga’e irraa kan ka'e, arraba isaanii nyaachaa (cicciniinaa) turani. 11 Sababa hammeenya gidiraa isaan irra ga’ee fi madaawwan isaanii irraa kan ka'es, Waaqayyoo waaqaa arrabssaa turani; hojiiwwan isaaniittis gaabbuu ni didani. 12 Ergamaan inni ja'affaan immoo waciitii isaa keessaa laga isa guddicha, Laga Efiraaxes, itti gadi naqe. Mootota warra karaa ba’a biiftuu dhufuuf jedhaniif daandii qopheessuuf jechas, bishaan lagichaas ni goge. 13 Afuuronni hin qulqullofni sadii kan raachota fakkaatan afaan jawwichaa, afaan bineensichaa fi afaan raajii ishee sobduu sana keessaa yommuu ba'anii nan arge. 14 Isaanis afuurota seexanootaa warra mallattoowwan dinqisiisaa ta’an argisiisanii dha. Kanaafis, gaafa guyyaa isa guddichaa kan Waaqayyoo Abbaa Humnaa sanaa mootota guutummaa biyya lafaa irratti lola banuuf warra mootota walitti qabuudhaaf ba'anii dha. 15 Sagaleen tokkos, “Hubadhaa! Ani akka hattuuttin dhufa; qullaa isaa adeemee qaamni isaa bakkeetti mul'atee haala isa qaanessuun akka isaan isa hin arginetti, namni inni dammaqinaan uffata isaa uffatee na eeggatu, eebbifamaa dha” jedhe. 16 Isaanis, mootota sana iddoo afaan Hibriiwuutiin “Armaagedoon” jedhamutti walitti qabani. 17 Sana boodas, ergamaan inni toorbaffaan waciitii isaa keessaa qilleensatti gadi naqe. Itti aansees, sagaleen guddaan “Raawwateera!” jedhu mana sagadaa sana keessaa fi barcumicha birra dhaga’ame. 18 Achumaanis, balaqqeessi ni balaqqeessa'e; ni guguungume; awl jala qabees ni qaqawweesse; kirkirri lafaa hamaanis ni ta’e – kirkirri lafaa kunis erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee kirkira lafaa uumamanii turan hundaa kan caalu kirkira guddaa dha. 19 Magaalli guddittiin sunis bakka sadiitti gar-gar baate; magaalonni saboota biyya lafaas ni kufani. Sana boodas, Waaqayyo magaala gudditti Baabiloon yaadateetu, wayinii isa dheekkamsa Isaa isa baay’ee hamaa irraa hojjetamee burcuqqootti guutee isheefii kenne. 20 Biyyoonni bishaan keessaa hundumtuu hin badani; tulluuwwanis hin argamne. 21 Cabbii guguddaan, inni tokkoon isaa hanga kiiloo 60 ulfaatu, samii keessaa namoota irratti gadi roobe. Da’ichi cabbii kunis baay'ee hamaa waan tureef, namoonni sunis Waaqayyoon arrabsani.