1 Ergamtoot toorban warra waciitii toorba qabatanii jiran keessaa inni tokko gara koo dhufeetu anatti dubbatee, “Kottu, firdii sagaagaltitti ishee guddittii, bishaanota baay'ee irra teessu sanaa, ani sitti nan argisiisaa; 2 Ishee mootonni biyya lafaa wajjin sagaagalani; ishee wayniin ishee inni isheen sagaagalummaa isheetiin hojjetteen, warri lafa irra jiraatan ittin machooftuu ta’an” jedhe. 3 Achiin boodas, ergamichi Afuuraatiin ol na baatee gara lafa onaatti na geesse; achittis dubartii bineensa dimaa kan maqootni arrabsoo irra guutee jiru irra teessee jirtu tokko nan arge. Bineensichis mataawwan toorbaa fi gaanfota kudhan qaba. 4 Dubartittiinis uffata purple fi diimaa uffatteetti; warqee, albuudota dhagaa qaal’aa ta’anii fi calleetiinis of miidhagsiteetti. Kubbayyaa warqee wantota nama jibbisiisanii fi xuraa'ummaa sagaagalummaa isheetiin guutamee jirus, harkatti qabatteetti. 5 Maqaan inni iccitti qabu, “Baabiloon guddittii, haadha sagaagaltootaa fi haadha biyya lafaa irratti waantota nama jibbisiisanii” kan jedhu adda ishee irratti barreeffamee ture. 6 Dubartitiin dhiiga warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitiini fi dhiiga warra Yasuusiif dhugaa ba'uu isaaniitiif aarsaa ta’aniitiin machooftee akka jirtus nan arge. Yeroon ishee arges, ani baay’een ajaa’ibame. 7 Ergamichi garuu, “Maaliif ajaa’ibamte? Iccitii dubartittii fi kan bineensicha, isa mataawwan toorbaa fi gaanfota kudhan qabuu, ishee baatee jiruu, anu siifan ibsa. 8 Bineensichi ati argitee turte sun, amma hin jiru; boolla qilee sana keessaa ol ba’uuf jira. Sana booddees, balleessii isaatti ni fufa. Isaan warri lafa irra jiraatan suni, isaan warri erga biyyi lafaa kun uumame jalqabee maqaan isaanii Kitaaba Jireenyaa keessaatti hin barreessamnee, isaan yeroo bineensicha argan ni ajaa’ibamu; sababni isaas waan inni takka jiraachaa tureef, waan amma hin jirreef, garuu immoo deebi'ee argamuuf waan jiruufi dha. 9 Kuni sammuu ogummaa qabu barbaada; mataawwan toorban suni tulluuwwan toorba kanneen dubartittiin irra teessuu dha. akkasumas mataan torban mootota torba. 10 Dabalataanis, mataawwan toorban suni, mootota toorba dha. Isaan keessaas, shan kufaniiru; tokko jira; inni hafe tokko immoo hanga ammatti hin dhufne; dhufuudhaafis, hanga yeroo gabaabduu duwwaadhaaf turuun isa irra jira. 11 Bineensichi inni takka jiraachaa ture, amma immoo hin jirre, isa saddeetaffaa dha. Innis warra toorban sana waan ta’eef gara balleessii isaa ni dhaqa. 12 Gaanfonni kurnan warri ati argitee turte immoo, mootota kudhan warra hanga ammaatti mootummaa hin fudhanne dha; isaan garuu bineensicha wajjin sa'aatii tokkootiif akka moototaatti aangoo ni fudhatu. 13 Isaanis yaadni isaani tokko waan ta’eef, humna fi aangoo isaanii dabarsanii bineensichaaf ni kennu. 14 Hoolicha irrattis waraan ni banu. Hoolichi garuu Gooftaa gooftotaa, Mootii moototaas waan ta'eef, isaaniin ni mo'a; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra filataman, akkasumas warra amanamanii dha” naatiin jedhe. 15 Ergamichi akkasis anaan jedhe: “Iddoo sagaagaltuun suni tessee jirtutti bishaanonni ati argite immoo, namoota, uummattoota walga’anii jiran, saboota fi, afaanota dha. 16 Gaanfonni kurnan ati argitee fi bineensichi sagaagaltuu sana ni jibbu. Qobaatti ishee baasu; qullaattis ishe hanbisu; foon ishees ni nyaatu, ibiddaanis guutumman guutuutti ishee ni gubu. 17 Waaqayyos hanga dubbiin Isaa raawwatutti, akka isaan waligaluudhaan mootummaa isaanii dabarsanii bineensichaaf kennanii fi akeeka isaas hojjetaniif jecha kanas garaa isaanii keessa kaa'eera. 18 Dubartittiin ati argitee turtes, magaala gudditti ishee mootota biyya lafaa bituuf isaan irratti aangoo qabdu dha”.