18

1 Waantotni kuni erga ta’ani booda immoo, ergamaan biraa tokko waaqa keessa yeroo gadi dhufaa jiru nan arge. Innis aangoo guddaa waan qabuuf, biyyi lafaas ulfina isaatiin ni ife. 2 Innis sagalee nama sodaachisuun ni iyyee, “Kufteetti, Baabiloon isheen guddittiin kufteetti! Isheen iddoo seexanoonni jiraatan taateetti; isheen mana hidhaa warra afuura hin qulqulloofnee taateetti; isheen mana hidhaa simbirroo hin qulqulloofnee taateetti; isheen mana hidhaa bineensota hin qulqulloofnee fi bineensota nama jibbisiisanii hundumaa taateetti. 3 Saboonni hundumtuu waynii ishee isa halaalameeru sana dhuganiiru. Mootonni biyya lafaas ishee wajjin sagaagalaniiru. Daldaltoonni biyya lafa irraas humna ishee isa qixii hin qabne sanaatiin sooromaniiru” jechuudhaan. 4 Sana booddees, sagaleen biraa tokko waaqa keessaa, “Yaa uummata koo! Cubbuu ishee akka hin qooddanneef, dha'icha ishee tokkoo isaa iyyuu akka hin fudhaneef, ishee biraatii gadi ba’aatii koottaa. 5 Cubbuun ishee hamma waaqaatti ol fagaatee wal irratti tuulameera, Waaqayyoos hojiiwwan ishee yara ta’an sana hundumaa yaadateera. 6 Liqii isheen nama irratti fidde, isheefis ni deebisaa; wanta isheen gooteefis, dachaa lamaan ni godha. Kubbaayya isa isheen ittiin namaaf bulbultetti, harka lamaan isheef ni bulbula. 7 Akkuma isheen ulfina ofiif laattee, jireenya qananii jiraatteenis, gidiraa fi gadda hangas ga’u isheef ni kenna. Isheen garaa isheetti, ‘Ani akka Mootuutti taa’een jira; ani gaalamoota miti. Gaddis nan argu.’ ofiin jetteetti. 8 Kanaafuu, guyyaa tokko keessatti, da’ichooni ishee ni dhufu: du’a, gaddaa fi beela. Ibiddaanis ni gubatti. Kunis kan ta’u, Waaqayyo Gooftaan Inni Abbaa humnaa, firdii ishee waan isheefi kennuufi dha” jedhe. 9 Mootonni biyya lafaa warri ishee wajjin sagaagalanii fi keessa gadi ba’anii jiraatan, yeroo aara gubachuu ishee argan, isheedhaaf boo'anii wawwaachuuf jiru. 10 Gidiraa isheen argaa jirtu sodaataniis irraa fagaatanii dhaabbachuudhaan, “Wayyoo, wayyoo, magaala guddittiif, ya Baabiloon, magaala humna-qabeettii. Adabbiin kee sa’aatii tokko keessatti dhufe" ni jedhu. 11 Kana booda meeshaa isaanii namni irraa bitu waan hin jirreef, daldaaltonni biyya lafaas isheedhaaf ni boo'u, ni gadduus. 12 Meeshaa warqee, meetii, albuudota dhagaa warra gatiiin isaanii qaali ta’e, calleewwan, uffata naayileen gaarii irraa hojjetame, uffata bifa dhiilgee, haarrii, uffata bildiimaa, muka urgaa'u kan gosa hundumaa, mi'a ilka araba irraa hojjetame hunduma, mi'a muka baay'ee gati qaalii baasu irraa hojjetame, mi'a sibiila diimaa, kan sibiilaa, kan dhagaa miidhagaa irraa hojjetame, 13 qarafaa, qimamii urgeessituu, ixaana, qumbii, haphee, dhugaatii waynii, zayitii, daakuu bullaa'aa, qamadii, horii fi hoolaa, fardeenii fi gaarii fardeeniin harkifamu, qaamaa fi lubbuu namootaas isaan irraa kan bitu hin jiru. 14 Akkasumas, “Humna qabeenya kee hundumaatiin bu’aan ati argachuudhaaf hawwaa turte si harkaa ba'eera. Qananii fi jireenyi kee cululuqn suni hundumtuu, akka deebi’anii hin argamnetti, si harkaa badaniiru”isheetiin jedhu. 15 Daldaltoonni meeshaalee kanneenii warri qabeenya isheetiin sooromanii turanis, sababa gidiraa ishee sodaataniif, ishee irraa fagaatanii dhaabataniitu isheef iyyanii ni boo'u, ni gadduus. 16 Isaanis, “Wayyoo, wayyoo yaa magaala guddittii, ishee uffata laayineenii bareedaa, ishee uffata dhiilgee fi bildiimaa uffachaa turteef; ishee warqee fi meeshaalee miidhaginaa qaalii ta’anii godhattee, calleewwanis naqattee of miidhagsitu turtee. 17 Sa'aatii tokko keessatti qabeenyi kun hundumtuu kan jalaa bade, wayyoo, wayyoo” jedhanii ni boo’u. Warri markaba irratti ajajan, warri markabaan adeeman, warri markaba keessaa hojjetan, warri hojii galaana irratti hojjetamuun jiraatan hundumtuu ishee irraa fagaatanii ni dhaabatu. 18 Aara isheen gubachaa jirtuu yeroo argan immoo ni iyyanii. Isaanis “Magaala isa kamtu akka magaala guddittii kanaa fakkaata ture?” jedhani. 19 Biyyoo mataa isaanii irratti facaasaniis, “Wayyoo, wayyoo yaa magaala guddittii, ishee iddoo warri markaba galaana irraa qaban hundumtuu itti sooromanii. Sa'aatii tokko keessatti kan badde taateetti!” jedhani iyyanii boo'aa fi gaddaa turani. 20 Sagaleen tokko immoo, “Yaa waaqaa, yaa warra Waaqayyoof qulqullooftani, yaa ergamootaa, yaa raajotaa, waan ishee irratti ta’etti gammada! Waaqayyo firdii keessan ishee irratti isiniif waan faradeef , gammadaa!” jedhe. 21 Ergamaan guddan tokko dhagaa gudda kan dhagaa daakuu fakkaatu tokko fuudhee “Baabiloon, magaalli ishee guddittiin suni akkas dhiibamtee gadi darbatamti; deebitees hin argamtu!” jechaa galaana keessatti darbatee 22 “Sagaleen warra kiraara rukutuu, kan warra weellisuus, sagalee warra ulullee fi xurumbaa xabataniis deebi'ee si keessatti hin dhaga'amu. Ogeessonni harkaas deebi'anii si keessatti hin argamani; sagaleen dhagaa daakuus, deebi'ee si keessatti hin dhaga'amu. 23 Ifni ibsaas, kana booda deebi'ee si keessatti hin ifu; sagaleewwan mishirroo fi mushurraas, kana booda deebi'anii si keessatti hin dhaga'amani; daldaltoonni kee namoota kabajamoo biyya lafaa waan turaniif, saboonni mora keetiin gowwoomfamaa turani. 24 Dhiigni raajotaa fi kan warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, akkasumas dhiigni kan warra biyya lafa irratti ajjeefamanii hundumtuu, ishee keessatti argameera” jedhe.