1 Waantota kunneen booda, sagalee guddaa isa kan uummata baay’ee fakkaatu waaqa keessaa nan dhaga’e. Innis, “Haaleeluyaa! Fayyinni, ulfinnii fi humni kan Waaqayyo keenyaa ti! 2 Firdiiwwan isaa dhugaa fi qajeelaa waan ta'aniif, sagaagaltuu ishee guddittii, ishee walqunnamtii saalaa ishee isa yaraa sanaatiin biyya lafaa balleessite sana irratti Inni faradeera. Dhiiga hojjetoota Isaa isa harka isheetiin dhangalaa’eefis, gumaa baaseera” jedhanii dubachaa turani. 3 Yeroo lammaffaafis isaan ni dubbatani:“Haaleeluyaa! Aarri sunis hamma bara baraatti ishee keessaa ni aara” jedhani. 4 Manguddoonni digdamii arfan sunii fi uumamtoonni lubbuu qaban arfan suni gadi gombifamanii, Waaqayyo isa barcumicha irra taa'eef sagadanii. Isaan, “Ameen, haaleeluyaa!" jechaas turani. 5 Sana boodas, sagaleen barcumicha biraa ba'ee, “Isin hundumti keessanu – isin hojjetoonni Isaa, isin warri Isa sodaattan, isin warri xinnaanis guddaanis – Waaqayyo keenya galateeffadhaa!" jedhe. 6 Itti aanees, sagalee akka sagalee uummata baay’ee, sagalee isa sagalee bishaan walitti baay’atee huursaa deemuu fakkaatuu fi sagaleen bakakkaa guddaa guungumee qaqawweessa’u fakkaatu tokko nan dhaga'e; innis, “Haaleluyaa! Gooftichi waan mo’uuf; Waaqayyo keenya, Inni hundumaa danda'u waan mo'uuf. 7 Kottaa ni gammannaa; ni ililchinaa! Ulfinas isaaf ni kennina! Guyyaan gaa'ela Hoolichaa ga'eera; mishirroon isaas of qopheessiteetti! 8 Isheenis uffata calaqqisaa fi qulqulluu kan laayineenii irraa hojjetame akka uffattu isheedhaaf eeyyamameera” jedhe (uffanni laayineenii inni gaarii sunis hojiiwwan warra Waaqayyoof qulqullaa'aniii isa qajeelaa dha). 9 Ergamichis kana naan jedhe: “Kana barreessi: Warri diggisii cidha gaa'ela Hoolichaa irratti waamamani, eebbifamtoota dha!” Itti dabalees, “Isaan kunis, sagaleewwan Waaqayyoo isan dhugaa dha” naan jedhe. 10 Anis isaaf sagaduudhaaf jedheen miilla isaa jalattin kufe. Inni garuu, “Kana hin godhiin! Hidhatni ani siitii fi obboloottan kee warra waa’ee isaYasuus dhugaa ba'etti qabamaniif qabu hojii dha. Inni Yasuus dhugaa ba'e, isa afuurri namoota raajii dubbachiisuu dha; kanafuu, anaaf otoo hin ta’iin, Waaqayyoof sagadi!" naan jedhe. 11 Kana booddees, waaqni banamee nan arge; ilaalanis, farda adii tokkon arge. Inni fardicha yaabbatee jirus amanamaa fi dhugaa jedhama; inni kan faradus, kan lola banus, qajeelummaadhaani. 12 Iji isaa akka barbadaa ibiddaa ti; mataa isaa irra gonfoo baay'eetu jira. Isa irraa kan hafe, maqaa namni biraan hin beekne, kan isa irratti barreessame jiru tokko ni qaba. 13 Uffata dhiigaan cuuphame uffatee jira; maqaan isaas "Sagalee Waaqayyoo" jedhama. 14 Waraanni waaqa keessaas fardeen a’adii yaabbatanii, uffata ‘laayineenii’ adii fi qulqullu uffatanii, isa duukaa bu'ani. 15 Afaan isaa keessaa haaduu qaramaa, isa inni saboota biyya lafaa ittiin rukutu ni ba’e; inni ulee sibiilaatiinis isaan ni tiksa. Inni iddoo cuunfaa waynii isa Waaqayyo Inni Hundumaa danda’u aariidhaan itti dheekkame keessa deemees ni dhidhiita. 16 Uffata isaa fi sarbaa milla isaa irrattis maqaan, “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” jedhu barreessamee jira. 17 Achiin booda immoo ergamaa biiftuu irra dhaabate tokko nan arge. Innis sagalee guddaatiin hallaattota waaqa keessa balali'an hundumaa, “Diggisii isa guddaa isaWaaqayyo qopheesse sanaaf walitti qabamaatii kootta” jedhee isaan waame. 18 Itti dabalees, “Koottaatii foon moototaa, foon ajajjota waraanaa, foon namoota ciccimoo. foon fardeenii fi kan warra isaan yaabbatanii jiranii, foon namoota hundumaa, kan isa bilisa ta’ees, kan isa garboomees, kan isa guddaas, kan isa xinnaas nyaadhaa" jedhe. 19 Itti aanees, bineensichaa fi mootota biyya lafaa loltoota isaanii wajjin nan arge. Isaanis isa fardicha yaabbatee jiru sanaa fi loltoota isaa irratti waraana banuuf jedhanitu walitti qabamanii jiru. 20 Bineensichi fi raajichi sobduun inni fuula isaa duratti mallattoowwan argisiisaa ture suni ni boojji’amani. Inni mallattoowwan kanaan warra gubaa bineensichaa of irratti godhatani fi warra fakki bifa isaatiif sagadaa turani gowwoomsaa ture. Warri qabaman lamaan kunis, otoo dhuma lubbuudhaan jiranii haroo ibiddaa dhagaa boba'uu sana keessatti darbatamani. 21 Warri hafan immoo haaduu isa afaan isa farda yaabbatee jiru sana keessa ba’een ajjeefamani. Hallaattonni sun hundumtuu foon reeffa isaanii ni nyaatani.