20

1 Itti aanees, ergamaa waaqa keessaa gadi bu’aa jiru tokko ani nan arge. Innis furtuu boolla qilee sanaa fi sansalata guddaa harkatti qabatee ture. 2 Innis jawwee sana, bofa isaa durii sana, isa diyaabiloos yookiin immoo Seexana jedhamu, qabeetu waggaa kuma tokkoof hidhe. 3 Boolla qilee sanattis isa darbate. Boollichas itti cufeetu irratti saamse. Kanas kan inni godhe hanga waggaan kumni tokko suni raawwatamutti, akka inni deebi'ee saboota biyya lafaa hin gowwoomsineefi dha. Guyyaa sanaan booda garuu, yeroo muraasaaf gadi dhiifamuun isaaf mi mala. 4 Achiin booda immoo barcumoota sana nan arge. Barcumoota sana irras warra firdii kennuuf aangoon isaaniif kenname suni taa’anii jiru. Dabalataanis, lubbuuwwan warra waa’ee Yasuus dhugaa ba’anii fi warra sagalee Waaqayyootiif jedhani morma kutamanii nan arge. Isaan bineensichaaf yookiin immoo fakkii isaaf hin sagadne ture dha; isaan warra adda isaanii irratti yookiin immoo harka isaanii irratti gubaa sana godhachuus didanii ture dha. Isaanis jireenyatti deebi'anii, waggaa kuma tokkoofis Kiristoos wajjin ni mo'ani. 5 Warra du'ani keessaa warri hafan immoo hanga waggaan kumni tokko suni dhumutti jireenyatti hin deebine. Kunis, du’aa ka’uu isa jalqabaati. 6 Eenymtuu inni du'aa ka'uu isa jalqabaa keessatti hirmaate, eebbifamaa fi qulqulluu dha! Duuni inni lammaffaa warra kana irratti aangoo hin qabu. Isaan luboota Waaqayyoo fi luboota Kiristoos ta’uudhaan, Kiristoos wajjin waggaa kuma tokkoof ni mo'u. 7 Waggaan kumni tokko suni yeroo dhumutti, Seexanni hidhaa isaa keessa ni ba’a. 8 Innis gadi ba’eetu sabota karaa golee lafaa arfaniin jiran hunduma ni gowwoomsuudhaan Goog fi Maagoog, lolaaf walitti isaan isaan ni fida. Baayy’inni isaaniis akka cirracha galaanaa keessa ni ta’a. 9 Isaanis gooda lafaa irran ba'aniitu, magaala jaalatamtittii, bakka buufata warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitti, ni marsu. Garuu ibiddi waaqa keessaa bu'eetu, isaan fixe. 10 Seexannichi, inni isaan gowwoomse, haroo dhagaa boba'u, iddoo bineensichii fi raajii sobduun suni itti darbatamanii ture, keessatti gadi darbatame. Isaanis bara baraatiif halkanii fi guyyaa ni dararamu. 11 Sana booddees, barcuma adii guddaa tokkoo fi barcumicha irra taa'e kan jiru tokko nan arge. Laftii fi waaqnis fuula isaa duraa baqatani; iddoo dhaqan garuu hin arganne. 12 Warri du'ani, xinnaanis guddaanis, barcumicha fuul dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis yeroo saaqamani nan arge. Kitaabni biraas, Kitaaba Jireenyaa, ni saaqame. Warri du’anis, akkuma hojiwwan isaniitti haaluma kitaabota sana keessatti barreeffamee jiruun firdii isaanii argatani. 13 Galaanni warra du'anii isa keessa jiran baasee kenne. Duunii fi mootummaan warra du'aniis, warra du'anii isaan harka jiran baasanii kennani; warri du’anis, akkuma hojiiwwan isaaniitti firdii isaanii argatani 14 Duuttii fi mootummaan warra du'anii immoo haroo ibiddaa keessatti gadi darbatamani. Haroon ibiddaa kunis, du'a isa lammaffaa dha. 15 Namni maqaan isaa Kitaaba Jireenyaa kana keessatti hin barreessamne yoo argame, haroo ibiddaa keessatti darbatama ture.