1 Achiin boodas, ani waaqa haaraa fi lafa haaraa nan arge; waaqaa fi lafti warri duraa darbanii jiru; galaannis kana booda hin jiru. 2 Magaala qulqullitti, Yerusaalem ishee haaraa, ishee akka mishirroo abba manaa isheef of kuultee bareeddee dhuftuu, Waaqayyo biraa yeroo waaqa keessaa gadi buutu nan arge. 3 Anis sagalee guddaan barcumicha biraa yeroo dubbatu nan dhaga’e; innis, “Ilaali! Bakki Waaqayyo buufatu amma namoota gidduutti argama; innis isaan bira jiraachuufi dha. Isaan uummata isaa ni ta’u; Waaqayyo mataan isaa, isaan wajjin jiraachuufi dha; Waaqayyoo isaaniis ni ta’a. 4 Inni imimmaan isaani hunduma isa ija isaanii irraa ni haqa; kana booddees, duunis, gaddis, iyyis, dhukkubnis hin jiru. Warri duraa darbanii jiru” jechaa ture. 5 Inni barcumicha irra taa'ee jiru suni, “Ilaali! Ani waan hundumaa haaraa nan godha!” naatiin jedhe. Itti dabalees, "Dubbiiwwan kunneen amanamaa fi dhugaa waan ta’aniif, barreessi” naan jedhe. 6 Akkasumas “Waantotni kunneen ta’anii jiru! Ani Aalfaa fi Omeegaa dha;isa jalqabaa fi isa dhumaa ti. Ani isa dheeboteef burqituu bishaan jireenya irraa kaffaltii tokko malee tolaan nan kennaafi. 7 Inni mo'us, waantota kana ni dhaala; anis Waaqayyoo isaa nan ta'a; innis ilma koo ni ta'a. 8 Warra sodaattotaa, warra amantii hin qabnee, warra nama jibbisiisanii, warra lubbuu balleessanii, warra safuu qooda walqunnamtii saalaa hin qabnee, warra mortootaa, warra waaqayyolii tolfamaniitti waaqessanii, warra soban hundumaa ilaalchisee garuu, bakki isaaniif malu haroo dhagaa boba'uu isa hamaa sana keessa dha. Sunis du'a isa lammaffaa dha” naan jedhe. 9 Ergamtoota warra toorban warra waciitiiwwan toorba kanneen dha'ichoota gara dhumaa toorbaniin guutaman qabatanii jiran keessaa inni tokko gara koo dhufee anatti dubbate. “As koottu. Anuu ishee mishirroo, haadha manaa Hoolichaa sitti nan argisiisaa” naan jedhe. 10 Achumaan Afuuraatiin ol fuudhee gara tulluu guddaa fi dheeraa tokkootti na geesse, Yerusaalem, magaala qulqullittii, Waaqayyo biraa waaqaa keessaa yeroo gadi buutu anatti argisiise. 11 Yerusaalemis ulfina Waaqayyoo qabdi; akka dhagaa bareedinaa isa gatiin isaa qaalii ta’ee, akka dhagaa miidhaginaa isa ‘jasper’ jedhamuutti calaqqistee bareeddi turte. 12 Dallaa guddaa fi dheeraa, kan balbaloota karraa kudha lama qabuu fi kan ergamoonni kudha lamas eegan, qabdi turte.. Balbaloota karraa sana irrattis maqaan gosa ijoollee Israa'el kudha lamaani barreessamee jira; 13 karaa ba'a-biiftuu,karaa kaabaa, karaa kibbaa fi karaa lixa biiftuu, karaa tokko tokkoo isaanii, balbala karraa sadiitu jira. 14 Bu’uurri dallaa magaalitti kan irra dhaabate immoo dhagoota kudha lama qaba; isaan irratti immoo maqaan ergamoota Hoolichaa kudha lamaa barreessamee jira. 15 Ergamaan inni anatti dubbatee ture sunis, kan magaalittii, balbaloota ishee fi dallaa ishee ittiin safaru ulee safartuu warqee irraa hojjetamte tokko qabatee ture. 16 Magaalittiin kan hundoofte lafa karaa arfaniinuu wal qixee dheeratu irratti ture. Ergamichis ulee safartuu isaatiin magaalittii ni safare; gara hundumaanuu kiiloo meetrii (stadia) kuma kudha lamaa dheeratti. 17 Dallaa ishees ni safare; furdinni isaas, akka safara dhundhuma namaatti, dhundhuma 144 ta'e (Ergamichis hammasuma safare). 18 Dallichi dhagaa ‘jasper’ jedhamu irraa hojjetame; magaalittiin immoo warqee qulqulluu, isa akka of-ilaaleetti ifuutiin ijaaramte. 19 Bu’uurri dallichaas kan bu’e, dhagaa gatiin isaa qaalii ta’e adda addaatiin miidhagfameetu dha. Dhagaawwan kunneenis, inni duraa ‘jasper’, inni lammaffaa ‘sapphire’, inni sadaffaa ‘agate’ fi inni afuraffaan immoo ‘emerald’ kan jedhamani dha. 20 Akkasumas,inni shanaffaan ‘onyx’, inni ja'affaan ‘carnelian’, inni toorbaffaan ‘chyrsolite’, inni saddeetaffaan ‘beryl’, inni salgaffaan ‘topaz’, inni kurnaffaan ‘chrysoprase’; inni kudha tokkoffaan ‘jacinth’, inni kudha lammaffaan ‘amethyst’ ture. 21 Balballi karraa kudha lamaan calleewwan kudha lama turani; balballi karraa sunis, tokko tokkon isaa callee tokko irraa hojjetame. Daandiiwwan magaalittii warqee qulqulluu isa akka of-ilaalee keessan nama argisiisu irraa hojjetame 22 Waaqayyo Gooftaan Inni Abbaa Humnaa fi Hoolichi mana sagadaa waan ta’aniif, ani mana sagadaa tokko illee magaalittii keessatti hin argine. 23 Biiftuu yookiis ji'a magaalitti irratti ibsuun barbaachisaa hin ture; ulfinni Waaqayyoo dursee ishee irratti ifee jira; Hoolichis ibsaa ishee ti. 24 Saboonnis ifa isheetiin ni deemu. Mootonni biyya lafaas ulfina of biraa qaban gara isheetti ni fidu. 25 Balabaloonni karra ishee yeroo guyyaa hin cufamani; halkan kan jedhamus achi hin jiru. 26 Isaan ulfinaa fi kabaja saboota biyya lafaa bira jiranis gara isheetti ni fidu; 27 Maqoota warra Kitaaba Jireenyaa Hoolicha keessatti barreessamee jiru irraa kan hafe, waanti qulqulluu hin taane fi warri waanta nama jibbisiisuu fi waanta nama gowwoomsu hojjetan tokkoon isaanii illee garuu magaalittiitti hin seenani.