1 Achiin boodas, ergamichi lagicha Bishaan Jireenyaa isa akka cabbie qulqullaa’ee addaatu natti argisiise. Lagni kunis isa barcuma Waaqayyoo fi barcuma Hoolichaa biraa burqee, 2 gara daandii magaalittii walakkaa keessa jirutti dhangala’u dha. Karaa gamaa fi gamanaa lagichaa immoo Mukti Jireenyaa inni sanyii gosa kudha lamaa baatee jiru ni jira; mukichis ji’a ji’aan sanyii ni hora. Baalli mukichaas saba biyya lafaa fayyisuudhaaf kan ta'u dha. 3 Kana boodas, abaarsi tokko illee magaalittii keessa hin jiraatu. Barcumni Waaqayyoo fi barcumni Hoolichaa ishee keessa jira; hojjetoonni isaas isaaf ni hojjetu. 4 Isaan fuula isaa ni arguu; maqaan isaas adda isaanii irra ni jira. 5 Halkan kana booda achi hin jiru. Waaqayyo Gooftaan waan isaan irrati ibsuuf, ifni ibsaas, ifni aduus isaan hin barbaachisu. Isaan bara baraatiif ni mo'u. 6 Ergamichis, “Dubbiiwwan kunneen amanamaa fi dhugaa dha. Gootichi, inni Waaqayyoon afuurota warra raajotaa, wanta as dhihootti ta’uu qabu hojjetoota isaatti argisiisuudhaaf jedhee ergamaa isaa ergee jira. 7 Hubadhu! Ani as dhihootti nan dhufa! Eenyumtuu inni dubbiiwwan kitaaba kana keessatti raajaman kanaaf abboomamu, eebbifamaa dha!” jedhee natti hime. 8 Iinni waantota kana dhaga’ees, argees ture ana, Yohannis, dha. Yeroon dhaga’ees, argees turetti, ergamaa isa kana hundumaa anatti argisiiseef sagaduudhaaf jedheen miilla isaa jalatti kufeen ture. 9 Inni garuu, “Sana hin godhin! Ani hariiroon sii wajjin, obboloota kee warra raajotaa wajjin, akkasumas warra dubbiiwwan kitaaba kanaaf abboomaman wajjinis qabu kan hojii ti; anaaf otoo hin ta’iin Waaqayyoof sagadi!” naan jedhe. 10 Itti dabalees “Yeroon kuni itti raawwatamu as dhi’hoo waan ta’eef, dubbiiwwan kitaaba kana keessatti raajamani saamsitee hin cufin. 11 Inni jal'aa ta’e, jal'inuma isaatti itti fufee haa hojjetu. Inni naamusaan gadhee ta’e, gadhummaa namusa issaatti haa fufu. Inni qajeelaa ta’e, waan qajeelaa ta’e itti fufee haa hojjetu. Inni qulqulluu ta’e, itti fufee qulqulluu haa ta’u!” naan jedhee. 12 “Hubadhu! Ani dafee nan dhufa. Tokko tokkoo namaaf akka hojiiwwan isaatti liqii isaa isaaf deebisuuf, badhaasni ani kennu na harka jira. 13 Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa duraati, isa booddee ti; isa jalqabaati, isa dhumaatis” jedhe, inni dhufuuf jedhu suni. 14 Warri uffatoota isaanii miiccatan, mirga Muka Jireenyaa sana irraa nyaachuu waan argataniif, akkasumas magaalittii karaa karraa balbalootaa sanaa seenuuf mirga waan qabaniif, isaan eebbifamtoota dha. 15 Saroonni, mortoonni, sagaagaltoonni, lubbuu baastonni, warri waaqayyolii tolfaman waaqessani fi warri sobaa jaalatanii fi waan sobaa hojjetan hundumtuu dallaa magaalittii duubatti ni hafu. 16 “Waantonni kunneen hundumtuu akaa waldoota kiristiyaanaa ga'uuf jecha, ani, Yasuus, ergamaa koo ergee isiniif dhugaa baasiseera; ani hiddaa fi sanyii Daawwiti, isa akka bakkalcha barii ifu dha” ni jedha Kiristoos. 17 Afuurichii fi Mushirichi, “Kottu” jedhu. Mee inni kana dhaga'us,”Kottu!” haa jedhu. Namni dheebote eenymtuu, haa dhufu; namni bishaan barbaadu eenyumtuu, otoo gatii hin baasin bishaan jireenyaa haa dhugu. 18 Ani, dubbiiwwan kitaabni kuni raajessu nama dhaga'u eenyuufuu, dhugaa nan ba’a. Namni dubbiiwwan kanatti dabalu yoo jiraate, Waaqayyo adaba dha'ichoota waa'een isaanii kitaaba kana keessatti barreessame isa irratti dabaluuf jira. 19 Namni dubbiiwwan kitaabni kuni raajessu irraa waa hir'isu yoo jiraate immoo, Waaqayyo waa'een Muka Jireenyaa fi magaala qulqullitti inni kitaaba kana keessatti barreessamee jiru keessaa, qooda isaa ni hir'isa. 20 ²⁰ Inni waantota kanneen hundumaaf dhugaa ba’us, “Eeyyee! Ani as dhi’hootti nan dhufa” ni jedha. Ameen! Kottu, Gooftaa Yasuus! ²¹ 21 Ayyaanni Gooftaa Yasuus hunduma faana haa ta'u! Ameen!