9

1 Inni, “ani dhuguman isiniin jedha, Isin warra as keessa dhaabatta keessaa, utuu mootummaan Waaqayyoo humnaan dhufuu isaa hin argina, hin argina du’a kan argine jirtu.” Ittiin jedhe. 2 Guyyoota ja’a booda, Yesuus, Pheexiroosiin, Yaaqobii fi Yohaannisiin of duukaa fuudhee, gara gaara dheeraa tokkotti kophaatt isaan baase. Achitti bifni isaa jijjiirame. 3 Uffatani isaa baay’ee ife, baay’ee addii, muuccituun lafa irraa uffata addeessitu caalaa addaata. 4 Isa booda Eliyaas Musee wajjin isaanitti mul’ate, isaanis Yesuusii wajjin adeemaa turan. 5 Pheexiroos deebisee, Yesuusiin, “Rabbin as turuun nuuf gaariidha, manneen sadii haa ijaarru, tokko siif, tokko Musees, tokko immoo eliyaasiif.” Jedhe. 6 (Inni waan jedhu hin beeku ture, isaan sodaatanii waan turaniif. 7 Duumessi dhufee isaan haguuge. Sagaleenis duumessa keessa dhagaa’ame, “Kun ilma koo isa jaallatamaadha, isa dhaga’aa.” 8 Akka tasaa, yeroo naanoo ilaalan, of biratti homaa iyyuu hin argine, Yesuus kophaa malee. 9 Utuu gaara irraa gadi bu’aa jiranii, akka isaan waan argan hana ilmi namaa du’aa ka’utti eenyuutti iyyuu hin himneef akeekkachiise. 10 Kanaaf isaan dhimmicha ofiidhuma isaaniif qabatani. Garuu immioo, “du’aa ka’uu jechuun maal jechuudha” jedhanii walii isaanii gidduutti haasa’ani. 11 Isaan, “warri barreessitootaa maaliif eliyaas dursee dhufuutu irra jira jedhu?” jedhanii isa gaafatan 12 Innis, “waan hundumaa bakka deebisuudhaaf, Eliyaas dursee hin dhufu. Isa immoo maaliif ilmi namaa naaf guddaa dhiphachuu fi tuffatamuutu irra jira, jedhamee caafameree?” isaaniin jedhe. 13 Ani garuu akka Eliyaas dhufe isinittin hima, isaanis waan barbaadan isa irratti hojjetan, akkum isa waa’ee isaaf barreeffamee jiru.” Jedhe. 14 Isaan yeroo gara bartootaa dhufan, naannoo isaaniitti namoota baay’ee argan, warri barreessitootaas isaanii wajjin falmiitti turan. 15 Yeroo akkuma Yesuusiin arganiin, guutummaan sabichaa ni dinqifate, gara isaatti fiiganiis nagaa isa gaafatan. 16 Bartoota isaas, “isaanii waa’ee maalii walitti falmitu?” jedhee gaafatae. 17 Sabicha keessaas namni tokko, “yaa barsiisa, ani mucaa dhiiraa koon sitti fide. Inni hafuura akka inni hin dubbanne isa taasisu qaba. 18 Iddoodhuma isa qabutti lafaan isa dha’a, oomochas afaan isaa keessa guuta, ilkaan isaa walitti riga, qarattis ni goga. Ani akka bartoonni kee isa keessaa baasaniif gaadheen ture, isaan garuu hin dandeenye.” Jedhe. 19 Innis, “dhaloota hin amanne, hanga isin bira turu? Hanga yoomiittis ba’aa anatti taatu? Anatti fidaa.” Jedhe. 20 Isaanis mucicha gara isaatti fidani. Hafuurichi yeroo Yesuusiin battaluma darbatee oollate. Mucichis lafatti kufee afaan isaatiin oomocha baase. 21 Yesuus “yeroo hangamiif akka ta’e?” jedhee abbaa isaa gaafate. Abbaan isaas, “mucummaa isaatti kaasee” jedhee deebise. 22 Yeroo baay’ee abiddatti, bishaanitti, isa darbata isa balleessuus ni barbaada. Yoo waa gochuu ni dandeessa ta’e, nuuf gaddiitii nu gargaari jedhe.” 23 Yesuus deebisee, “Yoon ni dandeessa ta’ee? Warra amananiif waanti hundumtuu ni dandaa’ama.” Jedhe. 24 Abbaan mucichaa iyyee, battaluma “ani nan amana! Amanuu diduu kootti ana gargaari!” jedhe. 25 Yesuus yeroo uttu namoonni hedduun gara isaatti utuu fiiganii arge, inni hafuurota hamoota ifatee, “ati hafuurri didaadhaa fi duudaanana, ani sin abbooma, keessaa ba’i, deebitees itti hin seenin” jedhe. 26 Innis iyyee, cimsee mucicha oollachiisee, keessaa ba’e. mucichis akka nama du’ee ta’e. kanaa namoonni baay’een, “Inni du’eera” jedhan. 27 Yesuus garuu harka isaan qabee ol isa kaase, inni ka’ee dhaabate. 28 Yesuus Yesuus ol seene, bartoonni isaa “nuti maaliif baasuu dadhabne?” jedhanii qofaatti isa gaafatana. 29 Inni immoo, “inni akkasii kun kadhannaadhaan malee hin ba’u” ittiin jedhe. 30 Inni achii ba’ee, Galiilaa keessa darbe. Inni eessa akka isaan jiran eenyu illee akka beeku hin barbaanne. 31 31 bartoota isaa barsiisaa waan tureef. Inni “ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama, isaanis isa ni ajjeesu. Inni yeroo du’u, guyyoota sadii booda immoo deebi’ee ni ka’a.” ittiin jedhe. 32 32 Isaan garuu jecha kana hin hubanne, isa gaafachuus ni sodaatani. 33 Isa booda gara Qifirnaahom dhufan. Erga manatti ol seenee booda, “daandii irratti maal mari’chaa turtan?” jedhee isaan gaafate. 34 Isaan garuu ni callisani, daandii irratti waa’ee eenyuutu caalaa irratti walitti falmaa waan turaniif. 35 Taa’aniis, inni warra kudha lamaanii walitti waamee, “namni isa jalqabaa ta’uu barbaadu, dhuma ta’uu fi tajaajilaa hunudmaa ta’uutu irra jira.” Jedhe. 36 Inni mucaa xiqqoo fuufhee gidduu isaanii dhaabe. Bobaa isaattis baatee, 37 "namni mucaa akkasii maqaa kootiin simatu, anas ni simata, namni ana simatu ana simata miti, isa ana ege simata malee” jedhe. 38 Yoonnis, “yaa barsiisa, utuu namni tokko maqaa keetiin seexana baasuu arginee, isa dhowwine, sabaiin isaa inni nuun hin hordofu” jedhe. 39 Yesuus garuu, “isa hin dhowwinaa, namni maqaa kootiin hojii aangoo hojjetee, dafee immoo waa’ee koo hamaa dubbachuu danda’u hin jiru’oo.” Jedhe. 40 Namni faallaa keenya hin taane gara keenya. 41 Waan isin kan Kiristoos taataniif, namni akka isin dhugdaniif maqaa kootiin bishaan isiniif kennu, dhuguman isinitti hima, inni gatii isaa hin dhabu. 42 43 44 42 Namni warra anatti amanan xixiyyannoota kana gufachiisu, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatee isaaf wayya ture. 43 Haki kee yoo si gufaachiise, of irraa muri. harka lamaanuu qabattee gara qiliilee abida hin dhaamnee, dhaquu kee irra, harkuma tokko qabattee jireenyatti galuu siif wayya. 47 Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lamaanuu qabaattee qilileetti darbatamuu kee manna, ija tokko qabaattee mootummaa Waaqayyootti galuu siif wayya. 48 bakka raammoon hin duune, abiddi isaas hin dhaamne. 49 namni hundumtinuu abiddaan minyaa’a. 50 Soogiddi gaariidha, garuu yoo soogiddummaa isaa dhabe, akkamitti deebi’ee minyaa’uu danda’aree? Soogidda of keessa qabaadhaa, walii keessaniifis nagaa qabaadhaa.”