8

1 Guyyoota sana, amma namoonni hedduun turani, isaanwaan nyaatan hin qabani. Yesuus bartoota isaa waamee, 2 "Ani namoota baay’ee kanaaf na o’a, sababiin isaa isaan guyyoota sadii nu bira turanii, waan nyaatanu hin hin qabani, 3 utuu isaan hin nyaatin yoon gara mana isaaniitti erge, karaa irratti kukkuufuu danda’u. isaan keessaa kan lafa fagootii dhufan jiru.” Jedhe. 4 Bartoonni isaa, “lafa onaa kana keessatti buddeen ga’aa namoonni kun qoofan eessaa arganna?” jedhan. 5 Innis, “Buddeen meeqa qabdu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Torba.” Jedhan. 6 Inni akka namoonni baay’een sun lafa irra ta’an abboome. Buddeena toraban sana fuudhee, galateeffatee, cabse. Akka bartoonni isaaniif dhiyeessaniif itti kenne. Isaanis namoota baay’ee sanaad dhiyeessani. 7 akkasuma isaan qurxummii muraasa tokkos qabu turani. Inni erga isaaniif galateeffatee booda, isa kanas akka isaan dhiyeessaniif abboome. 8 Isaanis nyaatanii quufan, isaan nyaata isa isaan irraa hafe funaanani. 9 Isaanis akka namoota kuma afurii turan, isa booda inni isaaniin gad dhiise. 10 Battalumas bartootaa wajjin doonii seenee, isaanis gara kutaa Daalmaatiyaa dhaqan. 11 Isa booda fariisonni dhufanii isaa wajjin falmuutti ka’an. Isaan mallatttoo waaqa irraa isa irraa barbaadan, isa qoruudhaaf. 12 Innis hafuuraa isaan guddisee hafuura baafatee, “dhaloonni kun maaliif mallaattoo barbaada? Ani dhuguman isinitti hima, dhaloota kanaaf mallattoon hin kennamu.” Jedhe. 13 Ammas isaaniin dhiisee gara dooniitti deebi’e,e gara gamaatti ce’e. 14 Amma, bartoonni buddeen fuudhuu irraanfatani. Isaan buddeen tokko isa doonii keessa jiruun ala homaa hin qabani. 15 Innis, “Ilaalladhaa, raacitii warra fariisotaa fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa!’ jedhee akeekkachiise. 16 Bartoonni waa’ee buddeenya dhabuu isaanii walitti falmuutti ka’an. 17 Inni yeroo kana hubate, “maaliif waa’ee buddeenya dhabuu walitti falmitu? Amma iyyuu argitanii hun hubannee? Garaa jabaataa qabduu? 18 Ija qabdu, hin argitanii? Gurras qabdu, hin dhageessanii? Hin yaadattanii? 19 yeroo budeenya dhan warra kuma shaniif kenne, nyaata irraa hafe, guuboo meeqa funaantan?” jedhe. Isaanis, “kedha lama.” Jedhan. 20 "Yeroo buddeenya torba warra kuma afuriif kenne, harca’aa buddeenii guuboo meeqa funaantan?” Isaanis, “torba” jedhan. 21 Innis, “hin hubattaniiree?” jedhe. 22 Isaan gara Beet-sayidaa dhufan, namoonni achi jiran, nama qaro dhaneessa tokko fidanii akka Yesuus isa qaqqabatuuf kadhatan. 23 Yesuus nama qaro dhabeessa sana harka isaa qabee, magaalaa keessaa baase. Yeroo inni ija isaatti tufee harka isaa irra kaa’e, “waa ni argitaa?” jedhee gaafate. 24 Innis ilaalee, “ani akka muka adeemuttin nama arga.” Jedhe. 25 Inni ammas harka isaa ija isaa irra kaa’e, namichisa ija isaa bane, hafuurri isaas ni deebi’e, waan hundumaas sirriitti arguutti ka’e. 26 Yesuus gara mana isaatti ergee, “gara magaalaatti hin seenin.” Jedhe. 27 Yesuus, bartoota isaa wajjin gara magalaa Qeesaar Filiphoos dhaqe. Daandii irratti “Namoonni eenyu anaan jedhu?” jehee bartoota isaa gaafate. 28 Isaanis deebisanii, “Yohaannis cuuphaa, warr kaan immoo, “eliyaas,’ warri kaan, “raajota keessaa tokko.” Jedhan. 29 Inni, “isin immoo eenyu anaan jettu?” jedhe. Pheexiroos, “Ati kiristoosi.” Jedhe. 30 Yesuus akka isaan waa’ee nama kamitti iyyuu hin himne akeekkachiise. 31 Inni akka ilmi namaa waan baay’eedhaan dhiphachuuf jiru barsiisuutti ka’e, geggeessitootaan, angafa lubootaa fi barreessitotaan jibbamuuf akka jiru, ajjeefamuufis akka jiru, guyyaa sadaffaattis du’aa akka ka’u. 32 Inni mul’inaan ergicha dubbate. Isa booda Pheexiroos kophaatti baasee ifachuu eegale. 33 Yesuus garuu deebi’ee bartoota isaa ilaalee, Pheexiroosiin ifatee, “Seexanana , ana duraa adeemi, ati isa kan Waaqayyoo irra yaada kee keessee hin jirtu; waanta isa kan namaa irra malee.” Jedhe 34 Isa booda inni saba baay’ee sanaa fi bartoota isaa walitti waame, “Namni ana duukaa bu’uu barbaadu, ofii isaa ganuutu irra jira, fayyoo isaas baatee, ana duukaa haa bu’u.” jedhe. 35 Nami lubbuu isaa oolfachuu barbaadu isa ni dhaba, garuu name anaaf jedhaa, akkasuma wangeelaaf lubbuu isaa dhabu ni oolfata.” Jedhe. 36 Nami guutummaa biyya lafaa bu’aa isa godhatee, lubbuu isaa yoo dhabe maal buufata? 37 Namni jijjiirraa lubbuu isaatii maal kenna? 38 Dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti, nama anatti, dubbii koottis yeela’utti, ilmi namaas ulifna abbaa isaatiin ergamoota qulqullootaa wajjin yeroo dhufu itti yeella’a.