7

1 Fariisotaa fi warri barreessitootaa baay’een, warri Yerusaalemii dhufan isa cinatti walitti qabaman. 2 Isaanis, utuu bartoonni isaa warri xuraa’otaa wajjin nyaatanii argan; utuu harka hin dhiqatin. 3 (Fariisonnis, Yihuudonni hundumtuus utuu sirriitti harka hin dhiqatin hin nyaatani, sababiin isaa duudhaa maanguddota eegu. 4 Fariisonni yeroo gabaatii galan, utuu hin dhiqatin hin nyaatani, akkasuma waantota kan biraa fudhatan hedduu ni eegu, kan akka kubbayyaa dhiquu, gaanii, qodaa sibiila diimaa irraa hojjetamee fi teessuma isa irra ta’anii nyaatanis.) 5 Fariisonnii fi barreessitoonni, “Bartoonni kee maaliif akka seera abbootaatti hin adeemani, maaliif utuu harka hin dhiqatin nyaatu?” jedhanii Yesuusiin gaafatan. 7 6 Inni, “Isaayaas waa’ee keessa warra of tuultotaa raajii dubbateera, akkuma barreeffamee jiru, 8 Isin babboommii Waaqayyoo dhiiftanii, aadaa namootaa eegdu.” Jedhe. 9 Akkasuma, “aadaa ofii keessanii eeguuf jettanii, akkas abboommii Waaqayyoo tuffattu! Ittiin jedhe. 10 Museen, “abbaa kee fi haadha keef ulfinna kenni,’ “namni abbaa fi haadha isaatti hamaa dubbate du’a dhugumaan ni du’a.’ jedheera. 11 Isin immoo namni abbaa isaa fi haadha isaa gargaaruuf ture tokko isaaniin, waanti na biraa isiniif kenname, waa’ee isiniif baasuuf ture, amma qurbaana ta’eera”, kana jechuunis Waaqayyoof kennameera’ yoo jedhe ba’eessa godhe’ jettu. 12 Isa booda isin akka inni abbaa isaa yookaan haadha isaaf waa hojjetuuf hin eyyamtani. 13 Isin aadaa keessan isa fudhattaniin, sagalee Waaqayyoo gatii dhabsiiftu. Akkasuma waantota kana fakkaatan hedduus ni raawwattu.” 14 15 16 14 Inni ammas namoota baay’ee sana waamee akkas ittiin jedhe, “ana dhaggeeffadhaa, hundumti keessan, hubadhaas. 15 Waanti bakkeedhaa seenee nama xureessuu hin jiru, yeroo inni gara isaatti seenu. Isa namicha keessaa ba’utu isa xureessa.” 6 17 Yeroo Yesuus namoota baay’ee sana dhiisee mana seene, bartoonni isaa waa’ee fakkeenyichaa isa gaafatan. 18 Yesuus, “Amma iyyuu hin hubatin jirtuu? Akka waanti bakkeetii gara namaatti seenu nama hin xureessine hin beektanii, 19 Sababiin isaa gara onnee hin dhaqu, garuu gara garaa dhaqee, kosii ta’ee ba’aa? Dubbiin kanaa Yesuus qulqulluu ga’uu nyaata hundumaa labse. 20 Inni, “waan bakkeedhaa dhufutu, nama xureessa. 21 Inni keessa namaatii dhufu, onnee keessaa, yaada hamaa hordofee, ejja, hanna, ajjeesuu, 22 hawwii, hameenya, gowwomsaa, miirummaa, hameenya, maqaa balleessuu, of tuuluu, dhibaa’ummaa. 23 Isaan hamoon kun hundumtuu keessaa ba’u, isaanis warra nama xureessaniidha.” 'sabni kun hidhii isaatiin ana kabaja, garaan isaa garuu ana irraa fagadoodha. 7 isaan akkasumaan ana waaqessu, Abboommii namaa akak barumsa bu’uura amantiitti barsiisu.’ 24 Inni achii ka’ee gara kutaa Xiirosii fi Sidoonaa dhaqe. Achitti manatti ol seenee, bakka inni jirus akka namni beeku hin barbaanne, garuu dhukachuu hin dandeenye. 25 garuu, battaluma, dubrtiin mucaa durbaa xiqqoo hafuurri hamaan keessa jiru tokko, waa’ee isaa dhageessee, dhuftee miillaa isaa jalatti kufte. 26 Dubartiin sun Girikii turte, Finiiqee Sooriyaatii dhufte. Isheen akka inni seexana sana mucaa ishee keessaa baasuuf isa kadhatte. 27 Innis, “Ijoolleen jalqaba haa nyaatani. Nyaata ijoollee fuudhanii sarootaaf kennuun sirrii miti.” Ittiin jedhe. 28 Isheen garuu deebiftee, “Eyyee, yaa gooftaa, sareen minjaala jalaa isa haca’e nyaatu.” Jette. 29 Innis deebisee, “sababii waan dubbatteef, ati adeemuuf walaba. Seexannis mucaa durbaa keessaa ba’eera.” 30 Isheenis gara mana isheetti deebitee mucaan ishee siree irra raftee argite, seexannis keessaa ba’eera. 31 Isa booda, inni nannoo Tiroosii ni adeeme, karaa Sidoonaa ba’ee gara Galaana Galiilaa dhaqe, hanga kutaa Diqaaphoolisitti. 32 Isaani, nama dhaga’uu hin dadneenyee fi haasa’uu hin dandeenye tokko gara isaatti fidani. Akka inni harka isaa isa irra kaa’us isa kadhatan. 33 Namoota baay’ee irraa qophaatti adda baasanii, inni quba isaa gurra isaa keessa kaa’ee, inni itti tufees, arraba isaa qabe. 34 isa booda waaqa keessa ilaalee, hafuura baafatee, “Eftaa,” jedhe; hiikaan isaas “banami” jechuudha. 35 battaluma gurri isaa baname, hidhaan arraba isaatiin gad dhiifame, innis walabaan dubbachuu eegale. 36 Yesuus akka isaan namatti hin himne isaan akeekkachiise. Garuu hangua inni isaan abboome, isaan immoo caalchisanii lallabani. 37 Isaan baay’ee dinqifatanii, “inni waan hundumaa gaarii godhe, inni duudaa bane, akka inni haasa’u gochuus ni danda’a” jedhan.