1 Inni bakka sanaa adeemee, gara dhaloota isaa dhufe, duuka buutonni isaas isa hordofani. 2 Yeroo guyyaa torbaffaan ga’e, inni mana sagadaa keessatti barsiise. Namoonni baay’een isa dhagaa’anii dinqifatan. Isaanis, “Inni barsiisa kana eessaa fide?” jedhan. “Ogummaa akkamiitu isaaf kenname?” “diniin inni harka isaatiin hojjetu maali?” 3 "Kun isa muka soofticha mitii, ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqobii fi Yooses, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaa as nuu wajjin jiru mitii?” jedhanii isa maman. 4 Yesuusis, isaaniin, “Raajiin kabaja qaba, bakka dhalootaa fi firoota isaa fi maatii isaa gidduutti malee.” Jedhe. 5 Inni hojii guddaa kam hojjechuu hin danda’u, harka isaa namoota dhukkubsatan muraasa irra kaa’ee fayyisuu malee. 6 Inni amanuu diduu isaanii ni sinqifate. Isa booda gara naannoo magaalaatti ba’e barsiisuudhaaf. 7 Isa boosa warra kudha lamaa waamee lama, lamaan isaan erge. Hafuurota hamoo irrattis aboo kenneef. 8 akka isaan imla isaaniif homaa homaa hin fudhanneefis isaan gorse; daabboo, qalqalloo, qarshii fi saqii isaanii. 9 Garuu immoo akka qophee kaa’atanii fi qomee lama garuu akka hin uffanne. 10 Inni, “Yeroo manatti ol seentan, hanga achii adeemtanitti achuma turaa; 11 yoo magaalaan tokko sin hin simatu ta’e yookaan isin hin dhaggeeffatu ta’e, yeroo bakka sanaa adeemtan, dhuga ba’umsa isaaniif awaara miilla keessanii of irraa dhadhaa’adhaa.” Jedhe. 12 Isaanis ba’anii akka sabni qalbii jijjiirratuuf itti lallaban. 13 seexanootas baasan, namoota dhukkunsatan baay’ees zayitii dibanii fayyisan. 14 Mootichi Heroodis kana dhaga’e. akka maqaan Yesuus ballinaa beekame. Namoonni kaan, “Yohaannis cuuphaatu du’aa ka’e, kanaaf hojii dinqii kun isaan hojjetama.” Jedhan. 15 Warra kaan immoo, “Inni Eliyaasi.” jedhan. Amma warri kan biraan immoo, “Inni raajiidha, akkuma raajota warra bara durii.” jedhan. 16 Heroodis garuu yeroo kana dhaga’e, “Yoohaannis isa ni morma irraa kuchisiisetu ka’e.” jedhe. 17 Heroodis Yoohaannisitti ergee qabsiisee, hiisisee ture, waan Heroodis, (haadha manaa obboleessa isaa Filiphoos), fuudheef. 18 Yohaannis, “Ati, haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seera miti.” ittiin jedheef. 19 Heroodiyaas garuu, garuu itti aartee isa ajjeesuuf barbaadde, garuu hin dandeenye, 20 Heerodis inni nama qajeelaa fi qulqulludha jedhaa waan sodaateef. Kanaaf ni dhiise. Yeroo dubbii isaa dhaga’es walii isaa wallaale, garuu immoo gammachuudhaan dhaggeeffate. 21 Yeroo sana carraan, guyaya itti Heroodis guyyaa dhaloota isaa kabajatuu fi warra aangawoota isaa fi ajajoota isa geggeessitaooa galiilaaf irbaata qopheessee ni dhufe. 22 Intallo Heroodiyaas ol seentee isaaniif ragadde, isheenis Heroodisii fi keessummoota warra nyaachaa jiran gammachiifte. Mootichis, mucattii durbaan, “Waan fedha kee ta’e ana gaafadhu, ani siifan kennaa.” ittiin jedhe. 23 Innis, “Waan ati ana gaafattu hundumaa, ani siifan kenna, hanfa walakkaa mootummaa kootitti illee” jedhee kakateef. 24 Isheenis dhaqxee, haadha isheetiin, “Maal isa gaafadhu?” jette. Isheenis, “Morma Yohaannis cuuphaa.” Jette. 25 Isheen ariiffattee gara mootiitti deebitee, “Amma, akka ati, mataa Yohaannis cuuphaa gabatee mukaatti akka ati anaaf kennituuf nan barbaada,” jettee gaafate. 26 Kun yoodhuma mooticha gaddisiise ilee, inni waan waadaa isheedhaaf galee turee fi akkasuma sababii keessummaato isaa warra nyaata irra turaniif. 27 kanaaf mootichi eegdota isaa keessa loloota ergee, akka isaan morma Yoohaannis fidaniif abboome. Loltuunis dhaqee, mana hidhaa keessatti maraa isaa irraa kute. 28 inni mataa isaa gabatee irra kaa’ee fidee mucattii durbaaf kenne; mucattiinis haadha isheetiif kennite. 29 Bartoonni isaa yeroo kana dhagaa’an, dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalcha keessa kaa’ani. 30 Bartoonni Yesuus duukaa dhufanii, waan hojjtanii fi barsiisan isatti himan. 31 Isa booda, inni, “Ofii keessaniif gara bakak duwwaatti ba’aatii yeroo muraasaaf boqodhaa.” Jedhe. Baay’een waan dhufanii adeemaniif, isaan nyaachudhaaf illee yeroo hin arganne. 32 kanaaf isaan dooniidhaan, ofii isaaniitiin gara bakka qoofniitti adeemani. 33 Garuu isaan utuu isaan adeemanii arganii baay’eenis hubatniiru, isaan faanas miillaan magaalota hundumaa keessaa itti fiigan, isaan duras bakka sana ga’an. 34 Isaan yeroo galaana galaanaa ga’an, inni namoota baay’ee sana argee, o’eef, sababiin isaa, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan. Kanaaf waantota hedduu isaan barsiisuu eegale. 35 Yeroo guyya’e, bartoonni isaa gara isaa dhufanii, “Kun bakka onaadha, guyya’eeras, 36 akka isaan gara baadiyaa fi magaalota dhiyoo jiranii dhaqanii, waan ofii isaaniif nyaatan bitaniif ergi.” Ittiin jedhan. 37 Garuu inni deebisee, “isin waan nyaatamu isaaniif kennaa.” Jedhe. Isaanis deebisanii, “Dhaqnee buddeen diinaarii dhibba lamaa bitnee isaaniif kennuu ni dandeenyaa?” ittiin jedhan. 38 Innis isaaniin, “buddeena meeqa qabdu? Dhaqaa ilaalaa.” Ittiin jedhe. Isaan yeroo argatan, “buddeenya shanii fi qurxummii lama.” Jedhan. 39 Inni akka namoonni gareedhaan marga isa lalisaa irra ta’aniif abboome. 40 isaniif gareedhaan dhibbaan shantamaanis ni ta’an. 41 Innis budeena shanii fi qurxummii lama fuudhee, waaqa keessa ilaalee, eebbisee, cabsee, bartootatti kenne, akka isaan namoota hiraniif. Akkasuma inni qurxumiiwwan lamaan sanas namootaa ni qoode. 42 Isaanis hanga quufanitti ni nyaatani. 43 Isaanis buddeena isa harca’e gundoo kudha lama guutuu fuudhani, akkasuma haftee qurxummiis. 44 Namoonni buddeena nyaatanis dhiirota kuma lama. 45 Inni, battaluma akka bartoonni isaa doonii yaabanii isa dura gara gamaatti ce’an godhe, gara Bee-sayidaatti, hanga ofii isaatiif namoota baay’ee sana geggeessutti. 46 Erga geggeessee booda, kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba’e. 47 Halkanis ta’e, dooniin amma gara walakkaa galaanaa jirti, inni qofaa isaa lafa jira. 48 Inni akka isaan rakkachaa jiran argee, qilleensi akka isaan rakkisaa jiru. Halkan keessa gara sa’atii afurii keessa, galaana irra adeemaa gara isaanii dhufee isaan bira darbuu barbaade. 49 Garuu yeroo inni galaana irra adeemuu argana, hafuura isaanitti fakkaatee guddisanii iyyan. 50 Sababiin isaa isaan isa arganii sodaatan. Inni battaluma isaanitti dubbatee, “Jabaadhaa! Inni ana, hin sodaatinaa!” jedhe. 51 Isaanii wajjin doonii seenee, qilleensichis gab jedhe. Isaanis guddaa dinqifatan. 52 Buddenicha maal jechuu akak tura waan hin hubatiniif. Qooda isaa, garaan isaanii ni jabaate. 53 Isaan yeroo ce’an, Geneseraaxiin ga’anii doonicha dhaabana. 54 Yeroo doonii keessaa bu’an, namoonni battaluma isa hubatan, 55 Guutmmaa naannoo keessa fiiganii, namoota afata isaanii wajjin fiduudhaaf, gara bakka inni jira jedhanii dhagaa’anitti. 56 Mandara, magaalaa yookaan biyya inni seenetti, dhukkubsatoota bakka gabaatti itti fidu. Isaan qarqara uffata isaatii tuquudhaaf isa gaafatu, namoonni baayyeenis tuqanii fayyaniiru.