1 Isaan gamatti ni ce’ani, gara kutaa Genesaarexitti. 2 Yeroo Yesuus doonii keessaa bu’e, namni hafuurri hamaan keessa jiru tokko awwaalcha keessaa itti ba’e. 3 Namicha awwaalcha keessa jiraata. Namni isa dhaabuu danda’u hin jiru, fuuncaadhaan illee. 4 Inni yeroo baay’ee isa ittiin harka hidhanii fi fuuncaadhaan hidhameera. Fuunichas kukkutee, isa ittiin harka isaa hidhanis ni caccabsa ture. Namni isa dhaabuuf humna qabu hin turre. 5 Guyyaa fi halkna awwaalcha keessatti, tulluuwwan keessattis, dhagaa qara qabu baatee ittiinis ofii isaa kuta. 6 Inni yeroo fageenya irratti Yesuusiin arge, gara isaatti fiigee fuula isaa duratti gadi gombifame. 7 Sagalee guddaadhaanis iyyee, “Sii wajjin maalin walittii qaba, ilma Waaqayyoo isa guddaa? Ani Waaqayyoodhuma mataa isatiin sin kadhana, ana hin dhiphin.” Jedhe. 8 Innis akkas ittiin jedhe, “hafuura hamaanana, namicha keessaa ba’i” jedhe. 9 “Maqaan kee eenyuudha?” jedhee gaafate. Innis, “Maqaan koo Leegiyoon, nuti baay’eedhas.” jedhe. 10 Inni akka inni kutaa sana keessaa isa hin ariineef irra deddeebi’ee kadhate. 11 Baay’een baay’een bakka sana, tulluu irra dheedaa turan. 12 Isaanis “Gara booyyeewwaniitti nu ergi, isaanitti gallaa” jedhanii isa kadhatan. 13 Inni hin eyyameef, hafuurroonni hamoon sunis keessaa ba’anii booyyeewwanitti galan. Booyyeewwan sunis gaara irraa gara galaanaatti gadi fiigan; gara booyyeewwan kuma lamaatus galaanatti seene. 14 Isa booda warri booyyeewwan sana tiksaa turan fiiganii dhaqanii magaalotaa fi baadiyaatti himan, kanaaf namoonnis waanta ta’e ilaaluudhaaf ba’an. 15 Isa booda gara Yesuus dhufanii nama hafuurri hamaan Leegiyoon keessa ture achi taa’ee argan. Uffataa sammuutti deebi’ee, isaanis ni sodaatan. 16 Warra waan nama hafuurri keessa ture kana irratti waan ta’e argan, gadi fageessanii isaanitti himan, waa’ee booyyeewwaniis itti himan. 17 Isa booda akka inni naannoo isaaniitii adeemuuf kadhachuutti ka’an. 18 Yeroo inni doonii seenaa ture, namichi hafuurri hamaan keessa ture akka inni isaa wajjin turuuf isa kadhate. 19 Yesuus garuu tole hin jenne, garuu, “gara mana keessa fi gara namootaa dhaqiitii waan gooftichi siif godhe itti himi, akkamittis akka araara sitti argisiise.” 20 Inni dhaqee Dikaapolisitti waan gudda Yesuus isaad godhe labsuutti ka’e, namni hundumtuus ni ajaa’ibsiifate. 21 Yesuus amma yeroo galaana ce’e, namoonni baay’een naannoo isaatti walitti qabaman, inni galaana qarqara ture. 22 Yeroo sana geggeessitoota mana sagadaa keessaa namni maqaan isaa Yaa’iroos jedhamu tokko dhufe, innis yeroo isa arge, miilla isaa jalatti kufe, 23 Irra deddeebi’ee “mucaan durbaa koo isheen xiqoon du’uuf jetti, sin kadhadha akka ati dhuftee harka kee irra keessuus akka isheen fooyyotee fayyitutti” jedhee kadhate. 24 Innis isaa wajjin dhaqe, namoonni baay’eenis isaa hordofani, nannoo isaattis wal dhiiban. 25 Dubatiin dhiigni ishee waggoota kudha lamaaf dhanga’e tokkos achi turte. 26 Ogeessota yaffaa biratti baay’ee dhiphattee, waan qabdu maras fixxe, garuu qooda itti fooyy’u itti hammaate. 27 Isheen yeroo waa’ee Yesuus dhageesse, isa cina dhuftee qarqara uffata isaatii tuqxe. 28 Isheenis, “yoon uffatuma isaa tuqe, nan fayya.” Jette. 29 Isheen yeroo isa tuqxe, dhiigni ishee ni dhaabate, isheenis qaama ishee keessatti akka dhiphina ishee irraa fayyiye itti dhagaa’ame. 30 Yesuusis battaluma akka humni isa keessa ba’e itti dhagaa’ame. Inni gara sabichaatti gara galee, “eenyuutu ana tuqe?” jedhe. 31 Bartoonni isaas, “namoota hedduu naannoo kee jiran ni argita, ati immoo eenyutu ana tuqe jettaa?” jedhan. 32 Yesuus garuu eenyu akka isa tuqe baruuf naannoo isaa ilaale. 33 Dubartittiin, waan isheef ta’e beektee, sodaattee dhiphatte. Dhuftees isa duratti kufte, dhgaa hundumaas itti himte. 34 Innis, “amantiin kee si fayyiseera ittiin jedhe, nagaan dhaqiitii dhipha keettiis fayyi.” Ittiin jedhe. 35 Utuu inni dubbachaa jiruu, geggeessitoota mana sagadaa keessaa jarri tokko dhufanii, “intalli kee duuteetti. Maaliif barsiisaa rakkifta?” jedhan. 36 Garuu Yesuus yeroo dubbii dubbatame dhaga’e, geggeessitoota mana sagandaan, “hin sodaatinaa, amanaa malee” jedhe. 37 Pheexiroos, Yaaqobii fi Yohaannis obboleessa Yaaqob malee akka namni kan biraanisa duukaa hin adeeme godhe. 38 Isaanis gara mana geggeessaa mana sagadaa dhufanii, utuu namoonni iyyanii argan, isaanii boo’aa, sagalee isaanii ol kaasanii iyyaas turan. 39 Inni manatti ol seenee, “Maaloof aartanii boossu? Mucichi ni rafe malee hin duune.” Jedhe. 40 Isaanis isatti qoosootti ka’an. Inni garuu, isaaniin dhiisee, abbaa mucaa, haadha fi warra isa bira turan fuudhee bakka mucaattiin jirtu seene. 41 Innis harka mucattii fuudhee, “xaalitaa quumii!” jedhe, hiikaan isaas, “mucaa durbaa xiqqoonana, ani siinan jedhaa, ka’i” jechuudha. 42 Mucattiinis battaluma kaatee dhaabatte (isheenis mucaa waggaa kudha lamaa turte). Isaanis battaluma dinqii humnaan olii kana dinqifatan. 43 Inni akka eenyu illee waa’ee kanaa hin dhageenyeef cimsee isaan abboome. Isa booda akka isaan waan ishee nyaattu isheef kannaniif ishee abboome.