4

1 Ammas galaana qarqaratti barsiisuu itti fufe, namoonni baay’eenis isa biratti walitti qabamani. Inni gara doonii isa galaana keessa jiruu dhaqe, isa keessas taa’e. guutummaan namoota baay’ee sun galaana qarqara galaanaa turan. 2 Inni waantota baay’ee fakkeenyaan barsiise, barsiisa isaa keessattis, kana dubbate. 3 "Dhaggeeffadhaa! Qotee bulaan sanyii facaasuu ba’e. 4 akkuma inni facaaseen, keessaa, kan daandii cina bu’e, simbirroonis dhuftee funaannatte. 5 Sanyiin kaan dhagaa keessa bu’e, bakka itt biyyoon ga’aan hin arganne. 6 Yeroo aduun baate garuu, biqiltuun sun ni goge, hidda waan waan hin qabneef, hin goge. 7 Sanyyiin kaan immoo qoraattii gidduu bu’e. qoraattiinis guddatee isa hudhe, kanaaf ija hin godhanne. 8 Sanyiin inni kaan immoo biyyoo isa gaarii irra bu’eef biqilee guddate, ijas ni godhate, tokko soddoma, tokko ja’aatamaa fi kaan immoo dhibba godhate.” 9 Kanaaf inni “Dhaga’uuf gurra kan qabum haa dhaga’u!” jedhe. 10 Yeroo Yesuus qofaa ture, warri warra kudha lamaa wajjin isa bira turan waa’ee fakkeenyihcaa isa gaafatan. 11 Innis, “Isiniif dhoksaan mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera. Garuu, warra bakkee jiran hundumaatti garuu waan hundumtuu fakkeenyaan dubbatama, 12 kanaaf yeroo, ilaalan, eyyee ni ilaalu, garuu hin argani, akkasuma yeroo dhagaa’an, eyyee ni dhaga’u, garuu hin hubatani; yookaan deebi’anii, Waaqayyos isaaniif dhiisa.” 13 Innis, “fakkeenya kana hin hubattanii? Ittiin jedhe. Akkamitti fakeenyota hundumaa hubachuu dandeessuree?” 14 Inni facaasu sagalicha ni facaasa. 15 Isaan kun warra daandii cinaati, bakka sanyihci bu’e. Isaan yeroo dhagaa’an, seexanni battaluma dhufee, sanyii isa isaan keessatti faca’e keessaa funaannate. 16 Isaan kun immoo, sanyii warra dhagaa irra bu’eedha. Warra yeroo sagalicha dhagaa’an, gammachuudhaan dhagaa’an. 17 Garuu, ofiif hidda gadi fagoo hin qabani, yeroo muraasaaf immoo ni jiraatu. Itti fufee, yeroo rakkinni yookaan ari’atamni dhufu sababii sagalichaaf, isaanbattaluma ni kufu. 18 Amma iyyuu warri kaan warra qoraatti gidduutti facaafamaniidha. Isaan warra sagalicha dhagaa’aniidha. 19 Garuu, yaadni biyya lafaa, gowoomsaan qabeenyaa fi fedhiin waanota kan biraa dhufee sagalicha ni hudha, inni bu’aa maleessa ta’a. 20 Warri lafa isa gaarii irra facaaman immoo, warra sagalicha dhagaa’anii, fudhatanii ijas godhataniidha, soddoma, jaa’atamaa fi dachaa dhibba akkasuma. 21 Yesuus, “Ibsaa mana keessa jiru guuboo jala, yookaa siree jala kaa’uuf ni fidduu? Fiddanii baattuu ibsaa irra ni keessu. 22 Waan dhokfame waan hin mullanneef, waan banaa ta’ee hin dhinaanne dhoksaa miti. 23 Namni dhaga’uuf gurra qabu, haa dhaga’u!” 24 Inni, "Waan dhageessanitti xiyyeeffanaa kennaa, safartuun ati gargaaramtu siifis waan itti safaramuuf, kan caaluns itti siif dabalama. 25 Sababiin isaa kan qabuuf itti dabalama, isa hin qabne jalaa immoo kan inni kabu iyyuu duraa dudhama. 26 Inni “Mootummaa Waaqayyoo akka nama lafa irratti sanyii facaasuuti” jedhe. 27 Inni halkaniin rafee, guyyaa immoo ka’a, sanyichis biqilee ni guddata, yoodhuma inni akkamitti akka ta’e hin beeku ta’e. 28 Lafti ofiidhuma isheen midhaan ni biqilichiti. Jalqaba haadduu, itti fufee gurra, isa booda gurraa isaa keessatti midhaan bilchaataa. 29 Midhaannichi yeroo ga’u, yeroon sassaabuu waan ga’eef, battaluma haamtuu ni erga.” 30 Inni ammas, “Mootummaa waaqayyoo maalitti fakkeessinaree, ibsuudhaafis fakkeenya akkamii gargaaramna? Jedhe. 31 Inni akka ija sanaaficaati. Isa yeroo faca’u, sanyii lafa irra jiran caalaa xiqqoodha. 32 Eyyee, yeroo facaafamu, guddatee midhaan oyiruu mukeetii keessa jiran ni caala, dame gurguddaas ni baafata, akka simbirroonni waaqaas man’ee isaanii irratti ijaarratanitti” jedhe. 33 Inni fakkeenyota akkasii baay’eetiin sagalicha isaanitti dubbate. Hanga isaan hubachuu dandaa’an. 34 inni fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbanne. Garuu yeroo qofaa ture, waan hundumaa bartoota isaatiif ni ibse. 35 Guyyaa sana, yeroo bari’e, “gara gamaatti haa ceenu.” jedhe. 36 Kanaaf namoota baay’ee sana dhiisanii, Yesuusiin of biratti fuudhanii, akkuma inni doonii keessa jirutti. Doonniiwwan kan biraan isaanii wajjin turaniiru. 37 Isa booda bubbeen jabaan ni ka’e, dha’aan isaan hanga dooniin sun bishaaniin guutetti itti gale. 38 Yesuusis doonicha keessa ture, boraattii irra rafee. Isaanis ka’anii, “barsiisa, du’uun keenya sin dhibuu?” ittiin jedhan. 39 Innis ka’ee, bubbicha ifate, galaanichaanis, “Nagaa, haa ta’u!” isa booda bubbichi ni dhaabate, isa booda tasgabbiin guddaan ni ta’e. 40 Innis, “Maaliif sodaattu? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?” 41 Isaanis sodaan guddaan guutamanii, “Inni kun eenyuudha, bubbee fi galaannis kan isaas abboomamu?” waliin jedhan.