1 Yesuus ammas gara mana sagadaa dhaqe, namni harki isaa naafaa tokkos isaa wajjin ture. 2 Namoonni yoo inni guyyaa sanbataatti isa fayyisa ta’e isa himachuudhaaf jedhanii isa ilaalani. 3 Yesuus namicha harka naafaa sanaan, “ka’iitii namoota kana gidduu dhaabadhu,” ittiin jedhe. 4 Isa booda inni namootaan, “Guyyaa sanbataatti waan gaarii gochuumoo, waan miidhaa qabu gochuutu seera, lubbuu fayyuuf yookaan ajjeesuuf?” isaan garuu ni callisani. 5 Innis aariidhaan gara isaanii ilaale, inni gara jabina isaaniitti aaree, “harka kee diriirsi.” ittiin jedhe. Inni ni diriirse, harki isaas ni fayye. 6 Warri fariisotaad gadi ba’anii battaluma, warra garee Heroodisii wajjin karaa ittiin isa ajjeesuu danda’aan mala maluu eegalan. 7 Yeruusis, bartoota isaa wajjin, gara galaanaa dhaqee, namoonni hedduunis Galiilaa fi Yihuudaatii isa duukaa bu’an. 8 Yerusaalemii fi Edoomiyaasii, akkasuma Yoordaanosii fi naannoo Xiiroosii fi Sidoonaatii. Isaan yeroo waa’ee hojii inni hojjechaa turee dhagaa’an, sabni guddaan gara isaa dhufan. 9 Inni akka bartoon isaa sababii baay’ina namaa irraa kan ka’e doonni xiqqoo isaaf qopheessaniif itti hime. Akka isaan isa hin dhiphisnetti. 10 Waan inni namoota baay’ee fayyiseef, namoonni rakkina qaban hawwiidhaan isa tuquudhaaf itti siqan. 11 Hafuurri hamaan yeroo isa arge, isa datatti lafatti kufanii iyyan, isaanis, “Ati ilma Waaqayyooti.” jedhan. 12 Inni akka isaan waa’ee isaa hin dubanne jabeessee isaan dhuwwe. 13 Inni gara gaaraatti ol ba’e, warra barbaadus waame, isaanis gara isaa dhufan. 14 Inni warra kudha lamaanii muude (warra duuka buutota jedhaa waame) akka isaan isaa wajjin ta’anii fi adeemaniis ergicha labsaniif. 15 akkasuma akka isaan seexana baasuudaafis aboo qabaataniif. 16 Inni warra kudha lamaa muude, Simoon, isa inni maqaa Pheexiroos jedhu kenneef, 17 Yaaqob ilma Zabdiyoos fi Yohaannis obboleessa Yaaqob, inni ilmaan qaqawweessaa, 18 Indiriyaas, Filiphoos, Batelemewos Maatewos, Toomaas, Yaaqob ilma Alfewos, taadewos, Simoon isa hinaafticha fi 19 Yihudaa isa Asqoroticha, isa isa gane, 20 Isa booda inni gara manaa dhaqe, namoonni baay’een ammas isaa wajjin dhuufan, kanaaf isaan nyaata illee nyaachuu hin dandeenye. 21 Yeroo maatiin isaa kana dhaga’aan, isa dhaabsisuu dhaqana, isaanis, “Inni sammuu isaan ala ta’eera” jedhan. 22 Warri barreessitootaa Yerusaalemii dhufan, “Inni Bi’eelxebuliin qaba” akkasuma, “ajaja seexanaan seexanootas baasa” jedhan. 23 25 23 Yesuus isaaniin gara ofii isaatti waamee fakkeenyaan “seexanni akkamitti seexana baasa? 24 24 manii yoo walii gar gar cabe, dhaabachuu hin danda’u. 26 seexannis yoo ka’ee walii isaa irratti ka’ee gar-gar cabe, innis dhaabachuu hin danda’u, garuu ni bada. 27 Garuu, utuu nama isa jabaa sana dura jebeessee hin hidhun, namni nama jabaatti seenee qabeenyaa isaa hatu hin jiru. 28 Ani dhuguman isinitti hima, cubbuun ilma namaa kam iyyuu ni dhiifama, inni isaa Waaqayyoo arrabsan illee, 29 Garuu namni Hafuura qulqulluu arrabsu tasuma dhiifama hin argatu, gaabbii cubbuu bara baraa malee.” Jedhe. 30 Yesuus waan isaan “Inni hafuura xuraa’aa jedhaniif” jedhaniif kana jedhe. 31 Isa booda haati isaa fi obbolaan isaa dhufanii bakkee dhaabatan. Isa waamsisuuf itti ergan. 32 Namoo baay’ee isa duratti walitti qabamanii, “Haati kee fi obbolaa fi obboleettonni kee ala jiru, isaan si barbaadu.” Ittiin jedhan. 33 Innis “Haati koo fi obboleen koo eenyu?” jedhe. 34 Inni gara warra isatti naanna’anii ta’anii ilaalee, “Ilaalaa, haati koo fi obboleen koo kunooti! Jedhe. 35 Namni fedha Waaqayyoo raawwatu, obboleessi, obboleettii fi haati koo isaani” jedhe.