2

1 Yersoo Yesuus guyyoota murasa boosa deebi’ee gara Qifirnaahom dhufe, akka inni mana jiru dhagaa’ame. 2 Namoonni baay’eenis hanga bakki dhibutti achitti walitti qabaman, balbala duratti illee, innis sagalicha isaanitti dubbate. 3 Namoonni tokkos nama qaamni isaa lawaasa’e tokko gara isaatti fidani, namoota afur ta’anii baatanii. 4 Isaan baay’ina namootaaf yeroo isa bira ga’uu dadhaban, guutuu guutuu manaa isa Yesuus gubbaa ture bananii, afata isa isa namichi lawaasa’aan sun irra ciisaa ture gara Yesuusitti gadi buusani. 5 Yesuus amantii isaanii ilaalee, namocha lawwaasa’aa sanaan “Yaa ilmaa, cubbuu kee siif dhiifameera.” 6 Amma warri barreessitootaa achi ta’aa turan, garaa isaaniittis yaadani, 7 "Namni kun akkamitti akkasitti dubbachuu danda’a? Inni Waaqayyoon arrabsa! Waaqayyoo malee eenyuutu cubbuu dhiisuu danda’a?” 8 Battaluma, waan isaan walii isaanii wajjin yaadan hafuura isaatiin hubate. “Garaa keessanitti maal yaadaa jirtu?” ittiin jedhe. 9 Isa kamtu salphaadha, nama isa lawwaasa’aa “cubbuun kee siif dhiifameera” jechuumoo, “ka’ii dhaabadhu, afata kees fudhadhuu adeemi” jedhuudha? 10 Garuu, akkuma beetu, ilmi namaa biyya lafaa irratti cubbuu dhiisuudhaaf aboo qaba” jedhe isa qaama miidhamaa sanaan. 11 "ani sittin hima, ka’I, afata kee fudhadhu, gara mana kees dhaqi.” 12 Inni battaluma ka’ee afata isaa fudhatee, utuu hundumtuu ilaalalanii gara mana isaa dhaqe; isaan hundumatuus ajaa’isiifatanii Waaqayyoofis ulfina kennani, “Kan akkasii arginee hin beeknu” jedhani. 13 Inni ammas gara ciisa bishaanii dhaqe, namoonni heduunis gara isaa dhufan, innis isaan barsiise. 14 Yeroo inni bira darbe, godoo warra qaraxa fuudhanii jalattii Leewwii ilma Alfewos argee “Ana duukaa bu’i” ittiin jedhe, innis ka’ee isa duukaa bu’e. 15 Yesuus mana Leewwiitti nyaata nyaachaa ture, namoonni qaraxa funaanan baay’een, akkasuma warri cubbamoonni isaa wajjin nyaachaa turan, bartoonni isaas. Isaan baay’ee waan ta’aniif isa duukaa bu’a. 16 Yeroo warri barreessitootaa, warri Fariisota ta’an, akka inni warra cubbamootaa fi warra qaraxa fuudhanii wajjin utuu inni nyaatuu argan bartootaan “Inni maaliif warra qaraxa fuudhanii fi warra cubbamootaa wajjin nyaata?” jedhan. 17 Yesuus yeroo kana dhaga’e, "Namoonni warri qaamni isaanii jabaan, ogeessa fayyaa hin barbaadani, warra dhukkubsatan qofaa malee. Ani namoota warra qajeelota waamuudhaaf hin dhufne, warra cubbamoota malee” isaaniin jedhe. 18 Amma bartoonni Yohaannisii fi fariisonni soomaa turani. Namoonni tokko dhufanii “Bartoonni Yohaannisii fi duuka buutoonni fariisotaa maaliif soomi, bartoonni kee garuu hin soomani?” ittiin jedhan. 19 Yesuusis, “utuu misirroon isaanii wajjin jiruu, namoonni cidhatti hirmaatan ni soomuu? ittiin jedhe. Hanga misirroon isaan bira jirutti, isaan hin soomani. 20 Garuu guyyaan itti misirroon isaan biraa itti adeemu jira, guyyaa sana isaan ni soomu. 21 Namni erbee moofaa uffata haaraa irratti hodhu hin jiru. Yoo kanaa achii erbicha moofaa sana ni tarsaasa, isa moofaa isa haaraa irraa, tarsaasuun isaas isa duraa irra kan caalu ta’a. 22 Namni kam iyyuu wayinii isa haaraa qodaa wayinii isa dullomaa keessa hin kaa’u. akka goonaan wayinichi qodicha ni dhoosa, wayinichaa fi qodaan sunis ni badu. Qooda kanaa, wayiniin haaraan qodaa wayinii isa haa kaassa ni ka’ama.” 23 Guyyaa sanbataa tokko Yesuus oyiruu midhaanii keessa darbaa ture, bartoonni isaas mataa midhaanichaa kutatanii fudhatan. 24 Fsriisonnis, “Ilaali, isaan maaliif waan guyyaa sanbataa seera hin taane hojjetu?” jedhan. 25 Innis, “Waan Daawwit yeroo beela’ee nyaachuaa barbaade godhe dubbiftaniittuu, isaa fi namoonni isaa wajjin turan 26 akka inni gara mana Waaqayyootti ol seen yeroo Abitaat luba ol aanaa ture, daaboo aarsaas nyaate, isa luba malee namni nyaachuu hin dandeenye. Keessa iyyuu namoota warra isaa wajjin turaniid kenneera.” Jedhe. 27 Yesuus, “Sanbatni namaaf hojjetame malee, manatu sanbataaf hojjetame miti.” 28 Kanaaf, Ilmani namaa sanbata irratti illee gooftaadha." Jedhe.