1 Yesuus bakka sanaa adeemee gara kutaa Yihudaa dhaqe, akkasuma bakka isa galaana Yordaanos duuba ture. Namonni immoo ammas gara isaa dhufan. Immoo ammas isaan barsiise, akkuma gochaa ture. 2 Fariisonni isa qoruudhaaf gara isaa dhufanii, “abbaan manaa tokko haadha manaa isaa hiikuun seeraa?” jedhanii isa gaafatani. 3 Innis, “Museen maal isin abboome?” jedhee deebise. 4 Isaanis, “Museen akka abbaan manaa xalayaa, wal hiikuu barreessuu fi hiiku, akkasuma, ishee geggeessuuf eyyame” jedhan. 5 Yesuus “Inni sababaii mata jabian keessaaniif kana isiniif barreesse” jedhe. 6 "garuu jajqaba uumamaatii kaasee, “Waaqayyo dhiiraa fi shamarran uume.’ 7 'Kana irraan kan ka’e, namni abbaa isaa haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana.” 8 Isaan lamaanuu foon tokko ni ta’u.’ 9 Kanaaf waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gar gar hin basin.’ 10 Yeroo isaan mana keessa turan, bartoonni isaa ammas waa’ee kanaa isa gaafatan. 11 Innis, “namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu, ishee irratti ejja raawwata.” Jedhe. 12 Isheenis yoo abbaa manaa ishee hiiktee kan biraatti heerumte, ejja ni raawwatti.” Jedhe. 13 Isa booda isaan, mucoolii xixiqqoo gara isaa fidani, akka inni harka isaa isaan irra kaa’uuf, bartoonni garuu isaani dheekkamani. 14 Yesuus garuu yeroo hubate, isaaniin hin dhowwinaa, mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif waan ta’eef jedhe. 15 Ani dhuguman isiniin jedha, namni akka mucooliitti mootummaa Waaqayyoo hin fudhanne, dhugumaan mootummaa Waaqayyootti hin galu.” 16 Isa booda mucoolii bobaa isaatti fuudhee, akkuma harka isaa isaan irra kaa’etti isaan eebbise. 17 Inni yeroo imala isaa eegale, namni tokko gara isaatti fiigee jilbeenfatee, “Yaa barsiisa gaarii, mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’e?” jedhe. 18 Yesuusis, “Maaliif gaarii jeytaa ana waamta? Waaqayyo qofaa malee gaariin hin jiru. 19 Abboommota isaas beektu, “hin ajjeesin, hin ejjin, hin hatin, sobaan dhugaa hin ba’in, hin gowwomsin, waliin hin dha’in, abbaa kee fi haadha kee kabaji” jedha jedhe. 20 Namichis, “Barsiisa, waantota kana hundumaa xinnummaa kootii eegalee raawwadheera” jedhe. 21 Yesuus isa ilaalee, jaallates. Innis, “waan tokkotu sitti hir’ata” jedhe. “waan qabdu hundumaa gurgurii warra hin qabneef kenni, waaqa irraa badhaadhummaa ni qabaattaa.” Isa booda, kottuu ana duukaa bu’i ittiin.” Jedhe. 22 jecha isaa kana irraan kan ka’en inni baay’ee gadde, gaaddees ba’ee sokke, sababiin isaa inniq qabeenyaa guddaa qaba ture. 23 Yesuus naanoo isaa ilaalee, bartoota isaatiin, “Warra badhaadhotaad mootummaa Waaqaayyootti galuun akkam cimaadha!” jedhe 24 Bartoonni isaas dubbii isaa kana ni ajaa’ibsiifatan. Yesuus garuu, “IJoolle, Mootummaa Waaqayyootti galuun akkami cimaadha! jedhe. 25 Gaalli qaawwa lilmoo keessa ba’uutu irra salphaadha, sooressii mootummaa Waaqayyootti galuu caalaa.” 26 Isaan guddaa dinqifatanii walii isaaniitiin, “Yoos eenyuutu fayyuu danda’aree?” jedhan. 27 Yesuus isaaniin ilaalee, “namaaf hin dandaa’amu, Waaqayyoof malee, Waaqayyoof waanti hundumtuu ni dandaa’ama.” Jedhe. 28 Pheexiroosisi isatti haasa’uu eegale, “Ilaali, nuti waan hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra.” 29 Yesuusis, “dhuguman isinitti hima, namni anaaf wangeelaafis jedhee, mana yookaan obboleessa, yookaan obboleettii, yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan oyiruu isaa dhiise hin jiru. 30 Amma bara kanatti ari’atamuu wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadholii, ijoollee, qonnaa harka dhinna kan hin fudhanne, mootummaa isa dhufutti, namni jireenya bara baraa hin arganne hin jiru. 31 gaaruu baay’een warra duraa kan turan, dhuma ni tau. Warri dhumaas jalqaba.” 32 Isaan gara Yerusaalemitti ol ba’uu daandii irra turan, Yesuusis isaan dura adeemaa ture. Bartoonnis ni dinqifatan, warra boodaan adeemaa turanis ni sodaatan. Isa booda Yesuus amma bara kudha lamaanii addatti fuudhee, waanta yeroo dhiyoo keessatti isa irra ga’uuf jiru itti hime. 33 "Ilaalaa, Nuti Yerusaalemitti ol ba’uuf jenne, ilmi namaas harka warra angafa lubootaa fi warra barreessitoaatti dabarfamee ni kenname.” Jedhe. Isaanis du’atti dabarsanii ni kenni, warra ormaattis dabarsanii ni kennu. 34 Isaanis, itti qoosu, itti tufu, ni rebus, akkasumas ni ajjeesu. Guyyoota sadii booda du’aa ni ka’a.” 35 Yaaqobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdiyoos, dhufanii, “Yaa bariisa, waan nuti si kadhannu akka nuuf gootu ni barbaanna.” Jedhan. 36 Innis isaaniin, “maal akka an isiniif godhu barbaaddu?” jedhe. 37 Isaanis, “akka nuti ulfinicha keessa sii wajjin teenyuuf nuuf eyyami, tokko mirka kee, inni kaan immoo bitaa kee.” Jedhan. 38 Yesuus garuu, isaaniif deebisee, “waan gaafattan hin beektani. Dhugaatii isa ani dhugu dhuguu ni dandeessuu, yookaan cuuphaa isa ani ittiin cuphamuun cuupahmuun cuuphanii ni dandeessuu?” jedhe. 39 Isaani, “nuti ni dandeenya” jedhan. Yesuus, “xoofoo ani dhugu, isin ni dhugdu, cuuphaa isa ani ittiin cuuphamu isinis ni cuuphamtu. 40 isa mirga koo yookaan bitaa koo ta’u kennuun garuu kan koo miti. Inni garuu kan warra qophaa’eefiiti.” 41 Bartoonni warri kudhanii yeroo kana dhagaa’an, Yaaqobii fi Yohaannisitti baay’ee aarani. 42 Yesuus gara ofii isaatti isaan waamee, "warri saba biyya lafa kanaa abboomuutti beekan, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu ni beektu, gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti ni argisiisu.” Jedhe. 43 Isin gidduutti garuu akkas miti. Isin gidduuttii guddaa ta’uu kan barbaadu hojjetaa keessan ta’uutu irra jira. Jedhe. 44 akkasuma isin gidduutti isa duraa ta’uu kan barnaadu, hunda keessaniif garbicha ta’uutu irra jira. 45 Ilmi n amaa tajaajilamuudhaaf hin dhufne, lubbuu isaa furii godhee baay’eedhaaf kennuuf malee” jedhe. 46 Isaan gara Yeriikoo dhufan. Yeroo inni bartoota isaa fi namoota baay’ee wajjin Yerikootii adeeme, ilmi Ximewos, Barximewos, kadhataan qaro dhabeessi tokko, daandii cina ta’aa ture. 47 Inni yeroo Yesuus Zaazireet ta’uu isaa dhaga’e, iyyee, “Yesuus, ilma Daawwit, ana fayyisi!” jedhe. 48 Baay’een naa qaro dhabeessa sana ni ifatani. Akka inni callisuuf. Inni garuu ittuma caalchisee iyye, "Ilma Daawit, ana fayyisi!” jedhe. 49 Yesuus dhaabatee akka isa fidaniif abboome. Isaanis namicha qaro dhabeessa sana ni waamani, “Jabaadhu! ka’i! inni si waama” jedhan. 50 Inni kootii isaa darbatee, utaalee, gara Yesuus dhufe. 51 Yesuus deebisee, “maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhe. Qaro dhabeessichis, “rabbi, akka ati qaroo koo anaaf deebift” jedhe. 52 Yesuusis, “Dhaqi, amantii kee si fayyiseera.” Jedhe, battalumas deebisee arguu danda’e. daandii irrattis isa duukaa ba’e.