1 Amma akkuma isaan Yerusaalemiin dhufaniin, Bee-faagee fi Bitaaniyaa Gaara Ejersaatti dhiyoo turan, Yesuusis bartoota isaa lamaan of dura erge. 2 Isaaniinis, “gara mandara isa nu fuula dura jiruu dhaqaa, akkuma seentaniinis, hara takkaa irra hin taa’amin tokko ni argitu. Isas hiikaatii anaaf fidaa. 3 Yoo namni, “Maaliif kana gootu?” isiniin jedhe, “Gooftaatu barbaada, dafees immoo deebisa.” Jedhaa jedhe. 4 Isaanis ba’anii harree balbalaan ala daandii irratti hidhame arganii, isas hiikan. 5 Namoonni achi dhaabataa turan tokko, “maal gochaa jirata, maaliif harree kana hiiktu?” 6 Isaanis akka Yesuus itti hime itti himani, namoonni sunis akka isaan adeemaniif eyyamaniif. 7 isaanis harree sansa fidanii, uffata isaaniis irra buusan. Inni irra taa’e. 8 namoonni hedduunis uffata isaanii daandii irra afanii, warri kaan immoo dame mukaa isa bakkeetii kutan facaasan. 9 warri isa dura adeemanii fi isa duubaan adeeman ni iyyani. "Hoosaa’inaa! Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu inni eebbifamaadha. 10 Mootummaan abbaa keenya Daawwit inni dhufe eebbifamaadha! Hoosaa’inaa ol gubbaatti!” 11 Isa booda Yesuus Yerusaalemitti galee, gara mana sagadaa dhaqee, waan hundumaa ilaale. Amma yeroo yeroon darbaa jira, warra kudha lamaanii wajjinis gara Bitaaniyaatti darbe. 12 guyyaa itti aanu utuu, Biyaaniyaatii dhufaa jiruu, beela’e. 13 fageenyaa irrattis muka Harbuu baala qabu tokko arge, yoo ija qabaate jedhee gara mukichaa dhaqe, yeroo bira ga’es, ija malee homaa irraa hin arganne, yeroo isaas yeroo habuu hin turre. 14 Inni itti dubbate, “deebisee namni sitti hin nyaatin.” jedhe. Bartoonni isaa ni dhagaa’ani. 15 Isaan gara Yerusaalem dhufan. Innis mana sagadaatti seenee warra bitanii guguran mana sagadaa keessaa gadi baase. Minjaala warra maallaqa jijjiiranii baay’ee gara galche, teessuma warra gugee gurguraniis. 16 Inni, akka namni tokko illee, mana sagadaa keessatti waanta gurgutamu baatuuf hin eyyamne. 17 Inni isaan barsiisee, “manni koo saba hundumaaf mana kadhataa jedhamee” “caafamee hin jiruuree?” jedhe. 18 Angafoonni lubaa fi barreessitoonni waan inni jedhe, karaa ittiin isa balleessan barbaadan. Isaan waan guutummaan sabichaa barsiisa isaa dinqifataniif isa sodaatan. 19 Yeroo dhiyes, isaan magaalichaa ba’ani. 20 Ganama utuu adeemanii, mukti harbuu sun hanga idda isaatti gogee argan. 21 Pheexiroos yaadatee, "Rabbi! Mukti harbuu ati abboomte gogeera.” jedhe. 22 Yesuusis, “Waaqayootti amanaa. 23 ani dhuguman isiniin jedha, namni tokko tulluu kanaan, “buqqa’iitii galaanatti gadi gadi darbatami,’ yoo jedhe, garaa isaatti utuu hin shakkin, waanti inni jedhe ni ta’a jedhee yoo amane, Waaqayyo isa akkasii ni hojjeta. 24 26 24 kanaaf ani isiniinan jedha, waanta kadhattanii fi gaafatan hundumaa, nana argadha jedhaa amanaa, kan keessanis ni ta’a. 25 25 Yeroo kadhattan, waan namatti gadditan hundumaa dhiisuutu isin irra jira, abbaan keessan inni waaqa irraas, irra daddarbaa keessanakka isiniif dhiisutti.” Jedhe. 27 Isaan ammas gara Yerusaalem dhufan. Utuu Yesuus gara mana qulqullummaatti adeemaa jiruu, angafni lubootaa, barreessitoonnii fi warri geggeessitootaa gara isaa dhufan. 28 Isaanis, “Ati humna maaliitiin hojii kana hundumaa hojjetta, akka ati kana gootuufis maaltu aboo kana siif keene?” 29 Yesuusis, “ani gaaddii tokkon isin gaafadhha. Anatti himaa, anis humna maaliitiin akkan kana hundumaa hojjedhu isinittin himaa.” Jedhe. 30 Cuuphaan Yohaannis, waaqa irratimoo, nama biraa ture? Anaad deebisaa.” 31 isaanis walii isaanii wajjin mari’tanii irratti waliif galanii, Yoo, “Waaqa irratti” jenne, inni immoo, “maalii isa hin amanneree?” jedha. 32 garuu yoo, “nama biraatti jenne,’ namoota sodaatani, namoonni hundumtuu Yohaannis raajii akka ta’e waan amananiif. 33 Kanaaf isaan deebisanii, Yesuusiif “hin beeknu” jedhan. Yesuusis, “ani aboo maaliitiin akka kana hundumaa hojjedhu isinitti hin himu” jedhe.